LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yohaannis 2
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Yohaannis

      • Cidha gaaʼelaa Qaanaatti godhame; bishaan wayiniitti jijjiirame (1-12)

      • Yesuus mana qulqullummaa qulqulleesse (13-22)

      • Yesuus wanta nama keessa jiru beeka (23-25)

Yohaannis 2:1

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 41

    Masaraa Eegumsaa,

    11/1/2006, ful. 3-4

Yohaannis 2:2

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 41

Yohaannis 2:3

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    6/15/2015, ful. 4

    Yesuus—Karaa, ful. 41

Yohaannis 2:4

Miiljaleewwan

  • *

    Kun jechama mormii argisiisu dha. Jechi “dubartii nana” jedhu tuffii kan argisiisu miti.

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 41

    Masaraa Eegumsaa,

    4/15/2008, ful. 31

Yohaannis 2:6

Miiljaleewwan

  • *

    Tarii safartuun dhangalaʼaa kun baatii isa 22 L taʼe taʼuu dandaʼa. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mar 7:3

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 41

Yohaannis 2:9

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 43

Yohaannis 2:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 9:1, 2; Yoh 1:14

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 43

Yohaannis 2:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 13:55; Mar 3:31; Luq 8:19; HoE 1:14
  • +Mat 4:13

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 43

Yohaannis 2:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 12:14; Lak 28:16; Kes 16:1; Yoh 11:55

Yohaannis 2:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 1:14

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 43

Yohaannis 2:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 21:12; Mar 11:15, 16; Luq 19:45

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 43

Yohaannis 2:16

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “bakka gabaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 7:11; Mat 21:13; Mar 11:17; Luq 19:46

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 43

Yohaannis 2:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 69:9

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    12/15/2010, ful. 8-9

Yohaannis 2:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 12:38; 16:1; Yoh 4:48; 6:30

Yohaannis 2:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 26:59-61; 27:39, 40; Mar 14:57, 58

Yohaannis 2:20

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    4/15/2008, ful. 30

Yohaannis 2:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 16:21

Yohaannis 2:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 24:6-8

Yohaannis 2:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 9:3, 4; Mar 2:6-8; Yoh 1:47, 48; 6:64; Mul 2:23

Yaada Wal Simu

Yoh. 2:6Mar 7:3
Yoh. 2:11Isa 9:1, 2; Yoh 1:14
Yoh. 2:12Mat 13:55; Mar 3:31; Luq 8:19; HoE 1:14
Yoh. 2:12Mat 4:13
Yoh. 2:13Bau 12:14; Lak 28:16; Kes 16:1; Yoh 11:55
Yoh. 2:14Lew 1:14
Yoh. 2:15Mat 21:12; Mar 11:15, 16; Luq 19:45
Yoh. 2:16Er 7:11; Mat 21:13; Mar 11:17; Luq 19:46
Yoh. 2:17Fr 69:9
Yoh. 2:18Mat 12:38; 16:1; Yoh 4:48; 6:30
Yoh. 2:19Mat 26:59-61; 27:39, 40; Mar 14:57, 58
Yoh. 2:21Mat 16:21
Yoh. 2:22Luq 24:6-8
Yoh. 2:25Mat 9:3, 4; Mar 2:6-8; Yoh 1:47, 48; 6:64; Mul 2:23
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Yohaannis 2:1-25

Wangeela Yohaannis

2 Guyyaa sadaffaatti Qaanaa ishii Galiilaatti cidhni gaaʼelaa tokko jira ture; haati Yesuusis achi turte. 2 Yesuusii fi barattoonni isaas cidha gaaʼelaa sana irratti affeeramanii turan.

3 Yommuu daadhiin wayinii dhumu haati Yesuus, “Daadhii wayinii hin qaban” isaan jette. 4 Yesuus garuu, “Dubartii nana, dhimmi kun anaa fi siin ni ilaallataa?* Saʼaatiin koo amma iyyuu hin geenye” ishiidhaan jedhe. 5 Haati isaas, warra keessummeessaniin, “Wanta inni isinitti himu hunda godhaa” jette. 6 Yeroo kanatti akka seera qulqulleeffamuu Yihudootaatti+ gaaniiwwan dhagaa, tokkoon tokkoon isaanii safartuu dhangalaʼaa* lama yookiin sadii qabachuu dandaʼan jaʼa achi kaaʼamanii turan. 7 Yesuusis, “Gaaniiwwan kanatti bishaan guutaa” isaaniin jedhe. Kanaafuu, isaan hamma afaan isaaniitti bishaan itti guutan. 8 Achiis Yesuus, “Amma buusaatii geggeessaa cidhichaatti kennaa” isaaniin jedhe. Isaanis buusanii itti geessan. 9 Geggeessaan cidhichaa, bishaan isa gara daadhii wayiniitti jijjiirame yommuu dhandhamu (tajaajiltoonni bishaan waraaban sun kana kan beekan taʼus), daadhiin sun eessaa akka dhufe waan hin beekneef misirricha waamee, 10 “Namni hundi jalqaba daadhii wayinii isa gaarii dhiheessa; yommuu namoonni machaaʼan immoo daadhii isa laafaa dhiheessa. Ati garuu hamma yoonaatti daadhii wayinii isa gaarii tursite” isaan jedhe. 11 Yesuus dinqii isaa isa jalqabaa kana Qaanaa ishii Galiilaatti raawwate; kanaanis ulfina isaa mulʼise;+ barattoonni isaas isatti ni amanan.

12 Kana booda inni, haati isaa, obboloonni isaa+ fi barattoonni isaa gara Qifirnaahomitti+ gad buʼan; haa taʼu malee, guyyoota hedduudhaaf achi hin turre.

13 Yeroo kanatti Ayyaanni Faasikaa+ Yihudootaa dhihaatee waan tureef, Yesuus gara Yerusaalemitti ol baʼe. 14 Mana qulqullummaa keessattis namoota loon, hoolotaa fi gugee+ gurguran, akkasumas namoota taaʼanii maallaqa jijjiiran arge. 15 Kanaafuu, funyoo irraa qaccee dhaʼatee, hoolotaa fi loon isaanii wajjin hunda isaanii mana qulqullummaa keessaa ariʼe; saantima warra maallaqa jijjiiranii ni bittinneesse, minjaala isaaniis ni gaggaragalche.+ 16 Warra gugee gurguraniinis, “Wantoota kana asii baasaa! Mana Abbaa koo mana daldalaa* gochuu keessan dhiisaa!”+ jedhe. 17 Yeroo kanatti barattoonni isaa, “Hinaaffaan ani mana keetiif qabu na guba”+ jedhamee isa barreeffame sana yaadatan.

18 Kanaafuu Yihudoonni, “Wantoota kana hojjechuuf aangoo akka qabdu mallattoo akkamii nutti argisiisuu dandeessa?”+ isaan jedhan. 19 Yesuusis deebisee, “Mana qulqullummaa kana diigaa, anis guyyaa sadiitti deebisee nan ijaara”+ isaaniin jedhe. 20 Yeroo kanatti Yihudoonni, “Manni qulqullummaa kun waggaa 46 gidduutti ijaarame; ati immoo guyyaa sadiitti deebistee ijaartaa?” isaan jedhan. 21 Inni garuu mana qulqullummaa yeroo jedhu, waaʼee qaama isaa dubbachuu isaa ture.+ 22 Haa taʼu malee, yommuu inni duʼaa kaʼu barattoonni isaa, inni wantoota kana dubbachaa akka ture yaadatan;+ wanta Kitaabonni Qulqulluun jedhanittii fi wanta Yesuus dubbatettis ni amanan.

23 Haa taʼu malee, yeroo Ayyaana Faasikaatti yommuu inni Yerusaalem keessa turetti, namoonni hedduun dinqiiwwan inni raawwate arguudhaan maqaa isaatti amanan. 24 Yesuus garuu hunda isaanii waan beekuuf isaan hin amanu ture; 25 inni wanta nama keessa jiru waan beekuuf,+ eenyu iyyuu waaʼee namaa isaaf dhugaa baʼuun isa hin barbaachisu ture.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi