LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Qolosaayis 4
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Qolosaayis

      • Gorsa gooftoliidhaaf kenname (1)

      • “Kadhannaatti jabaadhaa” (2-4)

      • Warra ala jiran biratti ogummaadhaan deddeebiʼaa (5, 6)

      • Nagaa xumuraa (7-18)

Qolosaayis 4:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Efe 6:9

Qolosaayis 4:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 18:1; Rom 12:12; Efe 6:18
  • +Qol 3:15; 1Ta 5:18

Qolosaayis 4:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Efe 6:19, 20; Flp 1:7
  • +Rom 15:30

Qolosaayis 4:5

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “yeroo murteeffame bitachuudhaan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Efe 5:15, 16

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    2/2023, ful. 18-19

Qolosaayis 4:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 5:13; Mar 9:50; 1Ph 3:15

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 22

    Masaraa Eegumsaa,

    6/15/2010, ful. 20-24

    Tajaajila Mootummaa,

    1/2008, ful. 8

    Mana Barumsaa Tajaajilaa, ful. 66, 69

    Maatii, ful. 36, 186

Qolosaayis 4:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Efe 6:21, 22

Qolosaayis 4:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Flm 10

Qolosaayis 4:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 19:29; 20:4; 27:2
  • +HoE 12:12; 15:37; Flm 23, 24
  • +Rom 15:7

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 134

    Masaraa Eegumsaa,

    3/15/2010, ful. 8

Qolosaayis 4:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Qol 1:7, 8

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2008, ful. 3-4

Qolosaayis 4:13

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2008, ful. 3-4

Qolosaayis 4:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 1:3; HoE 1:1
  • +Flm 23, 24

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    12/15/2015, ful. 25

Qolosaayis 4:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rom 16:5; 1Qo 16:19

Qolosaayis 4:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Ta 5:27

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    8/15/2008, ful. 28

Qolosaayis 4:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Flm 1, 2

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    1/15/2008, ful. 6

Qolosaayis 4:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Ta 3:17
  • +Flp 1:7; Flm 9

Yaada Wal Simu

Qol. 4:1Efe 6:9
Qol. 4:2Luq 18:1; Rom 12:12; Efe 6:18
Qol. 4:2Qol 3:15; 1Ta 5:18
Qol. 4:3Efe 6:19, 20; Flp 1:7
Qol. 4:3Rom 15:30
Qol. 4:5Efe 5:15, 16
Qol. 4:6Mat 5:13; Mar 9:50; 1Ph 3:15
Qol. 4:7Efe 6:21, 22
Qol. 4:9Flm 10
Qol. 4:10HoE 19:29; 20:4; 27:2
Qol. 4:10HoE 12:12; 15:37; Flm 23, 24
Qol. 4:10Rom 15:7
Qol. 4:12Qol 1:7, 8
Qol. 4:14Luq 1:3; HoE 1:1
Qol. 4:14Flm 23, 24
Qol. 4:15Rom 16:5; 1Qo 16:19
Qol. 4:161Ta 5:27
Qol. 4:17Flm 1, 2
Qol. 4:182Ta 3:17
Qol. 4:18Flp 1:7; Flm 9
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Qolosaayis 4:1-18

Xalayaa Warra Qolosaayisiif Barreeffame

4 Isin gooftoliin, isinis samii keessaa Gooftaa akka qabdan beekuudhaan garboota keessan qajeelummaa fi haqaan qabaa.+

2 Kadhannaatti jabaadhaa;+ dammaqinaan kadhachuudhaan galata dhiheessaa.+ 3 Iccitii qulqulluu waaʼee Kiristoos ibsu isa ani sababii isaatiif hidhamee jiru+ labsuu akka dandeenyuuf, Waaqayyo dubbichaaf balbala akka nuu banu nuufis kadhadhaa;+ 4 akkasumas iccitii qulqulluu kana akkan labsuu qabutti ifatti akkan labsu naaf kadhadhaa.

5 Yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamuudhaan*+ warra ala jiran biratti ogummaadhaan deddeebiʼaa. 6 Nama hundumaatiif akkamitti deebii kennuu akka qabdan akka beektaniif, dubbiin keessan yeroo hunda gurratti kan toluu fi soogiddaan kan miʼeeffame haa taʼu.+

7 Obboleessi koo jaallatamaan Tikiqoos+ inni tajaajilaa amanamaa taʼee fi anaa wajjin akka garbichaatti Gooftaa tajaajilu waaʼee koo waan hundumaa isinitti hima. 8 Haala akkamii keessa akka jirru akka beektanii fi akka isin jajjabeessuuf ani gara keessanitti isa nan erga. 9 Inni, Oneesimos+ obboleessa koo amanamaa fi jaallatamaa isa isin bira turee wajjin dhufa; isaan wanta asitti taʼaa jiru hunda isinitti himu.

10 Arisxaarkos+ inni anaa wajjin hidhame nagaa isiniif dhaameera; Maarqos+ inni durbii Barnaabaas taʼee fi (inni yoo gara keessan dhufe akka isa simattan+ qajeelfamni isiniif kennameera) 11 Yesuus inni Yosxos jedhamu, warri namoota dhaqna qabatan keessaa taʼan nagaa isiniif dhaamaniiru. Mootummaa Waaqayyootiif anaa wajjin kan hojjetan isaan kana qofa dha; isaan madda jajjabinaa guddaa naaf taʼaniiru. 12 Garbicha Kiristoos Yesuus kan taʼe Ephaafraan+ inni isin biraa dhufes nagaa isiniif dhaameera. Dhuma irratti guutuu taatanii akka dhaabbattanii fi fedhii Waaqayyoo hundumaa irratti amantii cimaa akka qabaattaniif, inni yeroo hundumaa cimsee isiniif kadhachaa jira. 13 Inni isiniif, akkasumas warra Lodooqiyaa fi Heraapholis keessa jiraniif carraaqqii cimaa akka godhu ani isaaf ragaa nan baʼa.

14 Ogeessa fayyaa jaallatamaa kan taʼe Luqaas+ nagaa isiniif dhaameera; Deemaasis+ nagaa isiniif dhaameera. 15 Obboloota Lodooqiyaa keessa jiranitti, akkasumas Niimfaa fi gumii mana ishii keessa jirutti nagaa naa himaa.+ 16 Xalayaan kun isin gidduutti erga dubbifamee booda, gumii Lodooqiyaa keessattis akka dubbifamu+ qophii godhaa; isinis xalayaa Lodooqiyaadhaa dhufu dubbisuuf qophii godhaa. 17 Arkiphositti+ immoo, “Tajaajila Gooftaa irraa fudhatte galmaan gaʼuuf, tajaajila sanaaf xiyyeeffannaa kenni” jedhaa himaa.

18 Kun nagaa koo isa ani Phaawulos harkuma kootiin barreesse dha.+ Funcaadhaan hidhamee akkan jiru+ yaadadhaa. Gaarummaa guddaan isinii wajjin haa taʼu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi