Lakkoofsa
9 Israaʼelonni biyya Gibxii keessaa erga baʼanii booda waggaa lammaffaa keessaa jiʼa isa jalqabaatti, lafa onaa Siinaa keessatti Yihowaan Museedhaan akkana jedhe:+ 2 “Israaʼelonni yeroo isaaf murteeffametti+ aarsaa Faasikaa haa qopheessan.+ 3 Isin jiʼa kana keessaa guyyaa 14ffaatti yeroo dimimmisaaʼu* yeroo isaaf murteeffametti isa qopheessaa. Akkaataa dambii fi sirna isaaf qophaaʼe hundumaatti isa qopheessaa.”+
4 Kanaafuu, Museen Israaʼelonni aarsaa Faasikaa akka qopheessan isaanitti ni hime. 5 Isaanis lafa onaa Siinaa keessatti jiʼa isa jalqabaatti, jiʼicha keessaas guyyaa 14tti yeroo dimimmisaaʼu* aarsaa Faasikaa ni qopheessan. Israaʼelonni wanta hundumaa akkuma Yihowaan Musee ajajetti ni raawwatan.
6 Yeroo kanatti namoonni reeffa tuquudhaan* xuraaʼan+ jiru turan; kanaan kan kaʼes, isaan guyyaa sanatti aarsaa Faasikaa qopheessuu hin dandeenye. Kanaafuu, namoonni sun guyyaa sanatti Musee fi Aaron duratti dhihaatanii,+ 7 “Reeffa waan tuqneef* xuroofneerra. Maarree, nuti Israaʼelotaa wajjin yeroo isaaf murteeffametti Yihowaadhaaf aarsaa akka hin dhiheessine kan dhowwamne maaliifi?”+ isaan jedhan. 8 Yeroo kanatti Museen, “Ajaja Yihowaan waaʼee keessan kennu hamman dhagaʼutti achumatti eegaa”+ isaaniin jedhe.
9 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 10 “Israaʼelotaan akkana jedhi: ‘Isin gidduudhaa yookiin dhaloota keessan isa gara fuulduraa keessaa namni tokko reeffa tuquudhaan* yoo xuraaʼe+ yookiin karaa fagoo yoo deeme illee namni sun Yihowaadhaaf aarsaa Faasikaa qopheessuu qaba. 11 Isaan jiʼa isa lammaaffatti,+ jiʼicha keessaas guyyaa 14ffaatti yeroo dimimmisaaʼu* isa haa qopheessan. Maxinoo fi baala hadhaaʼaa wajjin isa haa nyaatan.+ 12 Isa irraa wanta akkamii iyyuu hamma ganamaatti hambisuu+ fi lafee isaa isa kam iyyuu cabsuu hin qaban.+ Akka dambii Faasikaa ilaalchisee kenname hundumaatti isa haa qopheessan. 13 Haa taʼu malee, namni tokko qulqulluu taʼee utuu jiruu yookiin karaa utuu hin deemin aarsaa Faasikaa qopheessuu yoo dhiise, yeroo isaaf ramadametti aarsaa Yihowaa waan hin dhiheessineef, namni* sun saba isaa gidduudhaa haa balleeffamu.*+ Namichi cubbuu isaatiif itti gaafatama.
14 “‘Namni biyya ormaa isinii wajjin kan jiraatu yoo taʼe, innis Yihowaadhaaf aarsaa Faasikaa qopheessuu qaba.+ Akkaataa dambii fi sirna Faasikaadhaaf qophaaʼe hundumaatti isa haa qopheessu.+ Nama biyya ormaatiifis taʼe lammii biyyattiitiif dambiin tokko haa jiraatu.’”+
15 Guyyaa godoo qulqulluun sun dhaabametti,+ duumessi godoo qulqulluu sana, jechuunis dunkaana Dhugaa Baatuu sana ni uwwise; haa taʼu malee, wanti ibidda fakkaatu galgalaa jalqabee hamma ganamaatti godoo qulqulluu sana irratti ni mulʼate.+ 16 Wanti taʼaa ture kana dha: Guyyaa guyyaa duumessichi isa ni haguuga, halkan halkan immoo wanti ibidda fakkaatu irratti ni mulʼata ture.+ 17 Yeroo duumessichi dunkaanicha irraa kaʼu hundumaatti, Israaʼelonni yeruma sana kaʼanii deemu turan;+ bakka duumessichi turutti immoo Israaʼelonni ni buufatu turan.+ 18 Israaʼelonni ajaja Yihowaatiin kaʼanii deemu, ajaja Yihowaatiin ni buufatu turan.+ Duumessichi yeroo godoo qulqulluu sana irra turutti, isaanis bakkuma buufatan ni turu. 19 Yeroo duumessichi guyyoota hedduudhaaf godoo qulqulluu sana irra turutti, Israaʼelonni Yihowaadhaaf ajajamuudhaan bakkuma sana ni turu.+ 20 Yeroo tokko tokko duumessichi guyyoota muraasaaf godoo qulqulluu irra tura. Isaanis ajaja Yihowaatiin akkuma buufatanitti ni turu, ajaja Yihowaatiin kaʼanii ni deemu turan. 21 Yeroo tokko tokko duumessichi kan turu galgalaa jalqabee hamma ganamaatti qofa ture; duumessichi yommuu ganama kaʼutti isaan kaʼanii deemu turan. Guyyaas taʼe halkan yeroo duumessichi kaʼutti, isaanis kaʼanii deemu turan.+ 22 Guyyaa lamas taʼe jiʼa tokko yookiin sanaa ol, duumessichi yeroo godoo qulqulluu sana irra turu hundumaatti, Israaʼelonni akkuma buufatanitti ni turu, kaʼaniis hin deeman turan. Yommuu inni kaʼutti garuu, kaʼanii deemu turan. 23 Ajaja Yihowaatiin kaʼanii deemu, ajaja Yihowaatiin ni buufatu turan. Isaan ajaja Yihowaan karaa Musee kenneen dirqama Yihowaan isaan irraa eegu ni raawwatu turan.