Dubbii Waaqayyoorraa Barachuu
Macaafni Qulqulluun, ergaa ykn dubbii Waaqayyoo yeroo harʼaatti nu fayyadu qabateera. Jireenya milkaaʼina qabuufi Waaqayyo duratti fudhatama qabu jiraachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nuuf ibsa. Akkasumas, gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii kenna:
6 Macaafni Qulqulluun waaʼee Masiihichaa raajii akkamii dubbateera?
7 Macaafni Qulqulluun waaʼee bara keenyaa raajii akkamii dubbata?
8 Rakkina namootarra gaʼuuf kan itti gaafatamu Waaqayyodhaa?
10 Macaafni Qulqulluun waaʼee gara fuulduraa abdii akkamii kenna?
14 Qabeenya keetti sirriitti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?
17 Macaafni Qulqulluun maatiikee gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?
20 Dubbisa Macaafa Qulqulluu keerraa faayidaa argachuu kan dandeessu akkamitti?
Dubbii Waaqayyoorraa Barachuu
Macaafni Qulqulluun kitaabota xixinnoo 66 qaba. Kutaa lamatti hirama: Isaanis, Caaffata Qulqullaaʼoo Afaan Ibrootaafi Aramaayikiitiin barreeffamaniifi (“Kakuu Moofaa”) Caaffata Qulqullaaʼoo Afaan Giriikiitiin barreeffamanidha (“Kakuu Haaraa”). Kitaabonni Macaafa Qulqulluu hundi boqonnaafi lakkoofsaan qoqqoodamaniiru. Caqasni Macaafa Qulqulluu yeroo caqasamu, lakkoofsi maqaa kitaabichaatti aanee caqasamu boqonnaa argisiisa; boqonnaatti aansee kan caqasamummoo lakkoofsa ykn lakkoofsota argisiisa. Fakkeenyaaf, Uumama 1:1 jechuun Uumama boqonnaa 1, lakkoofsa 1 jechuudha.