Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
Masaraa Eegumsaa Eblaa-Waxabajjii
“Barreeffamoonni tokko tokko, Yesus kan du’e akka Macaafni Qulqulluun jedhutti utuu hin ta’in, fuudhee akkasumas ijoollee godhatee akka ture dubbatu. Kana dhageessee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Waa’ee Yesus dhugaasaa beekuun baay’ee barbaachisaadha. [Yohannis 17:3 dubbisiif.] Barruun kun, wanta Macaafni Qulqulluun waa’ee Yesus dubbatu sababii itti amanuu dandeenyu ibsa.” Mataduree fuula 26rra jiru itti argisiisi.
Dammaqaa! Caamsaa
Haalli dinagdee kun yeroo dhihootti kan fooyya’u sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Namoonni baay’een, Macaafni Qulqulluun yeroo rakkisaa ta’e kanatti akkamitti nu gargaaruu akka danda’u hin beekan. [Caqasa mataduree sana keessa jiru tokko dubbisiif.] Barruun kun, gorsi Macaafa Qulqulluu keessa jiru haala dinagdee rakkisaa ta’e mo’uuf akkamitti akka nu gargaaru ibsa.” Mataduree fuula 18rra jiru itti argisiisi.
Masaraa Eegumsaa Eblaa-Waxabajjii
“Mootummaan Waaqayyoo ilmaan namootaatiif maal akka raawwatu beektaa? [Hanga deebii kennutti eegiitii, Mul’ata 21:3, 4 dubbisiif. Achiis, mataduree xiqqaa “Mootummaan kun ilmaan namootaatiif maal godha” jedhuufi fuula 9rra jiru itti argisiisi.] Barruun kun, ilmaan namootaa rakkina keessa jiraniif wanta Mootummaan kun godhu bal’inaan ibsa. Ibsa dabalataa argachuu yoo barbaadde barruu kana siifan kenna.”
Dammaqaa! Waxabajjii
“Jireenyi caalaatti rakkisaa ta’aa kan jiru fakkaata. Kanarratti walii galtaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Namoonni hedduun, yaanni ani amma sii dubbisu dhiphinni kan dabale maaliif akka ta’e akka ibsu itti dhaga’ama. [2 Ximotewos 3:1 dubbisiif.] Barruun kun, dhiphinni dhiibbaa akkamii akka nurra geessisu ibsa. Akkasumas, dhiphina to’achuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e yaada kenna.”