Tajaajila Gara Galgalaa Raawwatamurratti Hirmaachuu Ni Dandeessuu?
1. Akka hayyuun amantii tokko jedhanitti, Phaawulos yeroo kam manaa gara manaatti lallaba ture?
1 Akka kitaabni Deeyilii Laayif iin Baayibil Taayimsi jedhamu ibsutti, Phaawulos ergamaan yeroo hundumaa “galgala saʼaatii kudhanii jalqabee hanga halkanii” manaa gara manaa tajaajila ture. Phaawulos kana gochaa akka ture mirkanaaʼoo taʼuu baannus, ‘wangeelaaf jedhee wanta hundumaa gochuuf’ fedhii kan qabu akka ture garuu beekna. (1 Qor. 9:19-23) Kunimmoo, yeroo manaa gara manaa tajaajiluuf caalaatti mijaaʼaa taʼe argachuuf haalasaa mijeessuu kan dabalatu akka taʼe beekamaadha.
2. Yeroon gara galgalaa tajaajilarratti hirmaachuuf mijaaʼaadha kan jennu maaliifi?
2 Biyyoota hedduutti babalʼistoonni manaa gara manaa kan deeman ganamadha. Haataʼu malee, ammayyuu yeroon kun manaa gara manaa deemuuf mijaaʼaadhaa? Qajeelchaan tokko naannoo tajaajilaasaa ilaalchisee, “Gara guyyaa namoota manatti argachuun baayʼee rakkisaadha. Gara galgalaa garuu namoonni hedduun manatti argamu” jechuudhaan dubbateera. Gara galgalaa lallabuun, keessuma dhiirota manatti argachuufi misraachicha isaaniif lallabuuf carraa gaarii nuu bana. Yeroo baayʼee namoonni yeroo kanatti caalaatti sodaa malee nu haasofsiisuuf fedhii qabaatu. Kun naannoo keessaniif caalaatti kan hojjetu yoo taʼe, jaarsoliin walgaʼii tajaajila dirree gara galgalaa gochuuf qophii gochuu qabu.
3. Gara galgalaa yeroo lallabnu hubannaa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
3 Hubannaa Keessanitti Fayyadamaa: Tajaajila gara galgalaa godhamurratti yommuu hirmaannu hubannaa qabaachuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf, yeroon sun nama haasofsiistan sanaaf mijaaʼaa miti yoo taʼe, yeroo garabiraa deebitanii akka isa haasofsiistan itti himuun keessan gaarii taʼuu dandaʼa. Bakka namni haasofsiisuuf jettan sun isin arguu dandaʼu dhaabadhaa; akkasumas eenyummaa keessaniifi kaayyoo itti manasaa dhaqxan dafaa itti himaa. Kana malees, gareedhaan tajaajiluun gaariidha; akkasumas bakka namoonni karaarra deeman jiranitti tajaajilaa. (Fak. 22:3) Erga dukkanaaʼee booda manaa gara manaatti tajaajiluu mannaa, gara galgalaatti ykn yeroo namoonni manatti argaman garabiraatti tajaajiluuf carraaqqii godhaa.—2 Qor. 6:3.
4. Eebbawwan gara galgalaa tajaajilarratti hirmaachuudhaan argaman kamfaʼi?
4 Eebbawwan Argaman: Tajaajilli keenya caalaatti gammachiisaa kan taʼu namoota argannee mariisisuu yoo dandeenyedha. Yeroo caalaatti dhugaa baʼuu dandeenyu, namoonni ‘akka fayyan, dhugaa beekuu biras akka gaʼan’ gargaaruuf carraa dabalataa arganna. (1 Xim. 2:3, 4) Isinoo tajaajila gara galgalaa godhamurratti hirmaachuuf sagantaa keessanirratti sirreeffama gochuu dandeessuu?