LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 6/10 ful. 4
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
  • Tajaajila Mootummaa—2010
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
    Tajaajila Mootummaa—2010
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
    Tajaajila Mootummaa—2010
  • Barruulee Raabsuuf Maal Jennee Jalqabuu Dandeenya?
    Tajaajila Mootummaa—2009
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2010
km 6/10 ful. 4

Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?

Masaraa Eegumsaa Eblaa-Waxabajjii

“Barreeffamoonni tokko tokko, Yesus kan du’e akka Macaafni Qulqulluun jedhutti utuu hin ta’in, fuudhee akkasumas ijoollee godhatee akka ture dubbatu. Kana dhageessee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Waa’ee Yesus dhugaasaa beekuun baay’ee barbaachisaadha. [Yohannis 17:3 dubbisiif.] Barruun kun, wanta Macaafni Qulqulluun waa’ee Yesus dubbatu sababii itti amanuu dandeenyu ibsa.” Mataduree fuula 26⁠rra jiru itti argisiisi.

Dammaqaa! Waxabajjii

“Manneen sagadaa, cuuphaa, cidhaafi sirna awwaalaatiif qarshii ni kaffalchiisu. Kun sirrii sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Abboommii Yesus bartootasaatiif kenne kana ilaali. [Maatewos 10:7, 8b dubbisiif.] Barruun kun, tajaajilawwan amantii wajjin wal qabataniif qarshii kaffalchiisuu ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu ibsa.” Mataduree fuula 22⁠rra jiru itti argisiisi.”

Masaraa Eegumsaa Eblaa-Waxabajjii

“Mootummaan Waaqayyoo ilmaan namootaatiif maal akka raawwatu beektaa? [Hanga deebii kennutti eegiitii, Mul’ata 21:3, 4 dubbisiif. Achiis, mataduree xiqqaa “Mootummaan kun ilmaan namootaatiif maal godha?” jedhuufi fuula 9⁠rra jiru itti argisiisi.] Barruun kun, ilmaan namootaa rakkina keessa jiraniif wanta Mootummaan kun godhu bal’inaan ibsa. Ibsa dabalataa argachuu yoo barbaadde barruu kana siifan kenna.”

Dammaqaa! Adoolessa

“Haalli dinagdee amma jiru dhiphina guddaa geessiseera. Namoonni hojii hin qabne ni dhiphatu, warri hojjechaa jiranimmoo hojiikoon dhabaa laata jedhanii yaadda’u. Gorsi gaariin asirra jiru kana mo’uuf ni gargaara jettee yaaddaa? [Maatewos 6:34 dubbisiif. Achiis hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun yaadawwan qarshii keenyatti akkamitti akka itti fayyadamuufi dhiphina nu mudate akkamitti mo’uun akka danda’amu ibsa.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi