Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
Masaraa Eegumsaa Adoolessaa–Fulbaanaa
“Dhugaatii alkoolii fudhachuu ilaalchisee dhaabbileen amantii yaadawwan wal faallessan kennu. Waaqayyo nama dhugaatii alkoolii dhuguuf ilaalcha akkamii qaba jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi. Macaafni Qulqulluun Yesus yeroo tokko bishaan gara wayiniitti akka jijjiire kan dubbatu ta’us, yaada armaan gadiis qabateera. [Fakkeenya 23:20a dubbisiif.] Barruun kun yaada dhugaatii alkooliitiif ilaalcha sirrii qabaachuuf nu gargaaru qabateera.”
Dammaqaa! Hagayyaa
“Yeroo ammaatti fiilmiiwwan hedduun, hojii hafuurota xuraa’oofi ayyaana heduurratti kan xiyyeeffatanidha. Hafuuronni hamoon dhuguma jiru jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis 1 Qorontos 10:20 dubbisiif.] Barruun kun hafuurota xuraa’oo ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun dubbatuufi isaanirraa akkamitti of eeggachuu akka dandeenyu ibsa.” Mataduree ful. 20rra jiru itti argisiisi.
Masaraa Eegumsaa Adoolessaa–Fulbaanaa
“Namoonni baay’een yommuu du’an gara samii dhaqna jedhanii abdatu. Atoo abdiin akkasii dhugaa sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Badhaasa namoonni gaarii hedduun argatan ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu ilaali. [Faarfannaa 37:29 dubbisiif.] Barruun kun namoonni gara samii dhaqan eenyufaa akka ta’aniifi wanta isaan achitti hojjetan ibsa.”
Dammaqaa! Fulbaanaa
“Moobaayiliin, ii-meeliin, chaat ruumiifi meeshaaleen sabqunnamtii ammayyaa kophummaan akka namatti dhaga’amu godheeramoo hin goone jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Asirratti yaanni kophummaan akka nutti hin dhaga’amne nu gargaaru caqasameera. [Hojii Ergamootaa 20:35 dubbisiif.] Barruun kun gorsa gaarii Macaafa Qulqulluurra jiru kan biraas qabateera.”