Akkaataa Dhiheenyaa
Masaraa Eegumsaa Adoolessa-Fulbaana
“Namoota naannoo kanatti argaman hundaaf tiraaktii kana kennaa jirra. [Tiraaktii Macaafa Qulqulluudhaaf Ilaalcha Akkamii Qabda? jedhamu kenniif. Achiis gaaffilee fuula jalqabaa tiraaktichaa irra jiran isa gaafadhu. Deebii Macaafni Qulqulluun kennu 2 Ximotewos 3:16 irraa dubbisiifiitii yeroo yeroo argatutti tiraakticha akka dubbisu isa jajjabeessi.] Namoonni hedduun Macaafni Qulqulluun gaaffilee akkasiitiif deebii quubsaa akka kennu hin beekan. [Gaaffilee mata duree jalqabaa Masaraa Eegumsaa sanaa irra jiran itti argisiisi.] Barruun kun, Macaafa Qulqulluu kee irraa deebii argachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ibsa.”
Dammaqaa! Adoolessa-Fulbaana
“Jijjiiramni maatii keessatti argaa jiran namoota hedduu ni yaaddessa. Waggoota darbanitti, kan aangoo qabu warra ture; harʼa garuu maatii tokko tokko keessatti kan bulchu ijoollee fakkaata. Warri yeroo harʼaa jiran ijoollee isaanii sirriitti adabaa waan jiran sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Akka Macaafni Qulqulluun jedhutti ijoollee adabuun barbaachisaa dha. [Fakkeenya 29:17 dubbisi.] Barruun kun, karaa sirrii taʼeen ijoollee adabuu ilaalchisee gorsa Macaafni Qulqulluun kennu kan qabate dha.”