BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
Gungumuu Irraa Fagaachuu kan Qabnu Maaliifi?
Gungumuun Yihowaa ni gaddisiisa (Lak 11:1; w01-AM 6/15 17 key. 20)
Namni tokko yeroo gungumu ofittoo fi galata kan hin qabne akka taʼe argisiisaa jira (Lak 11:4-6; w06 8/1 4 key. 7)
Gungumuun warri kaan akka gaddan godha (Lak 11:10-15; it-2-E 719 key. 4)
Israaʼelonni lafa onaa keessatti rakkinni hedduun kan isaan mudate taʼus, sababa itti galateeffatan hedduus qabu turan. Yeroo hundumaa waaʼee eebbawwan argannee kan yaannu taanaan gungumuuf hin qoramnu.