LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb21 Sadaasa ful. 15
  • Barattoonni Keessan Nyaata Hafuuraa Akka Of Sooran Isaan Barsiisaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barattoonni Keessan Nyaata Hafuuraa Akka Of Sooran Isaan Barsiisaa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Barattoonni Keessan Yihowaa Wajjin Hariiroo Dhuunfaa Akka Qabaatan Isaan Gargaaraa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • Barattoonni Keessan Barsiifata Xuraaʼaa Akka Injifatan Gargaaraa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • Gammachuu Tajaajila Irraa Argattan Guddifadhaa—Gaaffii Gaafadhaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Garaa Namootaa Tuqaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
mwb21 Sadaasa ful. 15

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI | GAMMACHUU TAJAAJILA IRRATTI ARGATTAN GUDDIFADHAA

Barattoonni Keessan Nyaata Hafuuraa Akka Of Sooran Isaan Barsiisaa

Barattoonni keenya dheebuu hafuuraa isaanii akka baʼanii fi karaa hafuuraa gara gaʼeessummaatti akka guddatan yoo barbaanne, dhugaa isaan barsiisnu caalaa wanta dabalataa barachuu qabu. (Mat 5:3; Ibr 5:12–6:2) Nyaata hafuuraa akkamitti akka of sooran barachuu qabu.

Jalqabumaa kaasaatii qoʼannaa isaaniitiif akkamitti akka qophaaʼan isaanitti argisiisaa; akka qophaaʼanis isaan jajjabeessaa. (mwb18.03 6) Qoʼannaa dhuunfaa jalqabuu isaanii dura akka kadhatan isaan jajjabeessaa. Barreeffamoota bifa dijitaalaatiin jiran fayyadamanii akkamitti qoʼannaa gochuu akka dandaʼan isaan gargaaraa. Wantoota haaraa jw.org fi JW Broadcasting® irratti baʼan akkamitti argachuu akka dandaʼan isaaniif ibsaa. Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu akka dubbisan, walgaʼiiwwan gumiitiif akka qophaaʼan, akkasumas gaaffiiwwan isaaniitiif qorannaa godhanii deebii akka argatan isaan leenjisaa. Wanta barachaa jiran irratti akka xiinxalan isaan gargaaraa.

VIIDIYOO BARATTOOTA KITAABA QULQULLUU KEESSAN GARGAARAA–KARAA HAFUURAA AKKA OF SOORAN JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Suuraa, viidiyoo “Barattoota Kitaaba Qulqulluu Keessan Gargaaraa–Karaa Hafuuraa Akka Of Sooran” jedhamu irraa fudhatame. Saaraan yaadawwan garaa ishii tuqan akka yaadattu ibsaa jirti.

    Maartaan, qoʼannaa jechuun deebii wanta tokko beekuu caalaa wanta dabalatu akka qabu Saaraan akka hubattu akkamitti ishii gargaarte?

  • Suuraa, viidiyoo “Barattoota Kitaaba Qulqulluu Keessan Gargaaraa–Karaa Hafuuraa Akka Of Sooran” jedhamu irraa fudhatame. Maartaan gaaffii ishiitiif Kitaaba Qulqulluu keessaa deebii akka argattu Saaraa gargaaraa jirti.

    Saaraan, Yihowaan halalummaa dhorkuun isaa sirrii akka taʼe akka hubattu maaltu ishii gargaare?

  • Suuraa, viidiyoo “Barattoota Kitaaba Qulqulluu Keessan Gargaaraa–Karaa Hafuuraa Akka Of Sooran” jedhamu irraa fudhatame. Saaraan jaalallee ishii bira teessee caqasoota irratti yaadaa jirti.

    Barattoonni keessan garaa fi sammuu isaanii akkamitti akka sooran isaan barsiisaa

    Saaraan waaʼee xiinxaluu maal hubatte?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi