LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 1/15 ful. 16-20
  • ‘Dhugaa Isa Bifa Macaafaatti Qophaaʼerraa’ Baradhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Dhugaa Isa Bifa Macaafaatti Qophaaʼerraa’ Baradhaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • WANTA AARSAA YESUSIIF GAADDIDDUU TAʼE
  • SEERA BUʼUURAA AARSICHI IRRATTI HUNDAAʼE
  • AKEEKKACHIISA AARSAA ILAALCHISEE KENNAME
  • AARSAA YESUSITTI AKKA AMANTAN HOJIIDHAAN ARGISIISAA!
  • Mootummichaaf Aarsaa Ni Kaffaltuu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Garaa Guutuudhaan Yihowaadhaaf Aarsaa Dhiheessaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Kitaaba Lewwootaa Irraa Barumsa Akkamii Argachuu Dandeenya?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Kaayyoo Aarsaawwanii
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 1/15 ful. 16-20

‘Dhugaa Isa Bifa Macaafaatti Qophaaʼerraa’ Baradhaa

‘Seericha keessatti dhugaa isa bifa macaafaatti qophaaʼe argatteetta.ʼ—ROM. 2:20.

1. Faayidaa Seerri Musee qabu hubachuuf fedhii qabaachuu kan qabnu maaliifi?

BARREEFFAMOONNI Phaawulos ergamaan hafuuraan geggeeffamee barreesse utuu hin jiran taʼee, faayidaa Seerawwan Musee hedduun qaban hubachuu hin dandeenyu turre. Fakkeenyaaf ergaa warra Ibrootaatiif barreesserratti, Yesus ‘angafa lubootaa amanamaa’ taʼee “aarsaa dhiifama cubbuu” yeroo hundumaatiif taʼu al tokko dhiheessuudhaan, namoonni amantiisaanii hojiidhaan argisiisan “furee bara baraa” akka argatan gochuu kan dandaʼe akkamitti akka taʼe ifa godheera. (Ibr. 2:17, NW; 9:11, 12) Phaawulos, godoon qulqullaaʼaan “gaadidduu isa waaqa irraa” qofa akka taʼeefi Yesus “walii galtee isa caalu,” jechuunis isa Museen gidduu galeessa taʼeef sana caaluuf Gidduu Galeessa akka taʼe ibseera. (Ibr. 7:22; 8:1-5) Bara Phaawulositti Seericharratti ibsa akkasii kennuun Kiristiyaanotaaf barbaachisaa akkuma ture, yeroo harʼaattis barbaachisaadha. Ibsi akkasii faayidaa qophiin Waaqayyo nuu godhee qabu guutummaatti hubachuuf nu gargaara.

2. Yihudoonni Kiristiyaana taʼan carraa namoonni saba Waaqayyoo hin taane hin arganne akkamii qabu turan?

2 Phaawulos ergaa Kiristiyaanota Roomaa jiraniif barreesse keessatti, miseensota gumichaa Yihudii taʼaniifi Seera Musee barataniif yaadawwan tokko tokko caqasee ture. Namoonni kun seera Waaqayyoo beekuusaaniitiin kan kaʼe, waaʼee Yihowaafi seerawwansaa warra qajeelummaarratti hundaaʼanii “beekumsaa fi dhugaa isa bifa macaafaatti qophaaʼe” qabaachuuf carraa argachuusaanii akka hubate ibseera. Yihudoonni Kiristiyaana taʼan, “dhugaa isa bifa macaafaatti qophaaʼe” kana hubachuufi garaadhaa kabajuunsaanii akkuma Yihudoota amanamoo isaan dura turanii, namoota Seera Yihowaan sabasaatiif kenne hin beekne qajeelchuu, barsiisuufi hubachiisuuf isaan gargaareera.—Roomaa 2:17-20 dubbisi.

WANTA AARSAA YESUSIIF GAADDIDDUU TAʼE

3. Aarsaawwan Yihudoonni durii dhiheessan qoruudhaan fayyadaa akkamii argachuu dandeenya?

3 Yeroo harʼaattis kaayyoo Yihowaa hubachuuf, ‘dhugaan bifa macaafaatti qophaaʼeefi’ Phaawulos caqase barbaachisaadha. Seerri buʼuuraa Seera Musee keessatti kenname yeroo harʼaas faayidaa qaba. Kana yaadatti qabachuudhaan kallattii Seerichaa tokko qofa, jechuunis aarsaawwaniifi kennaawwan garaagaraa, Yihudoota gad of deebisan akkamitti gara Kiristositti akka isaan geggeesse, akkasumas wanta Waaqayyo isaanirraa barbaadu akka hubatan akkamitti akka isaan gargaare haa ilaallu. Kana malees, ulaagaan Waaqayyo tajaajiltoonnisaa akka guutan isaanirraa barbaadu matumaa waan hin jijjiiramneef, aarsaa ilaalchisee seerri Waaqayyo Israaʼelootaaf kenne qulqullina tajaajila keenyaa qoruuf nu gargaaruu dandaʼa.—Mal. 3:6.

4, 5. (a) Seerri Musee saba Waaqayyoo maal kan yaadachiisu ture? (b) Seerri Waaqayyo aarsaa ilaalchisee kenne maal argisiisa?

4 Kallattiiwwan Seera Musee hedduun cubbamoota taʼuusaanii akka hubatan kan isaan godhan waan turaniif, Yihudoota qofa kan fayyadu hin turre. Fakkeenyaaf namni reeffa namaa tuqe kamiyyuu qulqullaaʼuu qaba ture. Kana gochuuf goromsi diimtuun mudaa hin qabne tokko qalamtee gubamuu qabdi turte. Daaraansaa namichi erga xuraaʼee kaasee guyyaa sadaffaafi torbaffaatti “bishaan isa ittiin qulleessan” qopheessanii itti facaasuudhaan qulqulleessuuf kaaʼama. (Lak. 19:1-13) Namoonni mudaafi cubbuu dhaalanii kan dhalatan taʼuusaanii akka yaadataniif, dubartiin tokko ennaa deessu hamma yeroon xuraaʼummaashee dhumutti namatti hin makamtu, guyyaanshee gaafa gaʼummoo aarsaa sababa cubbuutiif taʼu dhiheessuu qabdi.—Lew. 12:1-8.

5 Haala garabiraa hedduu jireenya guyyaa guyyaa keessattis dhiifama cubbuu argachuuf aarsaa horii dhiheessuun ni barbaachisa ture. Namni waaqeffatu sun beekus beekuu baatus, aarsaan kuniifi warri booda mana qulqullummaa Yihowaa keessatti dhihaatan, aarsaa Yesus isa mudaa hin qabneef “gaadidduu” turan.—Ibr. 10:1-10.

SEERA BUʼUURAA AARSICHI IRRATTI HUNDAAʼE

6, 7. (a) Israaʼeloonni wanta aarsaa godhan filachuurratti maal xiyyeeffannaa keessaa galchuu qabu turan? Kunoo maaliif gaaddidduu taʼa ture? (b) Gaaffiiwwan kam of gaafachuu qabna?

6 Horiin Yihowaadhaaf aarsaa taʼu, karaa hundaan “mudaa kan hin qabne,” jechuunis jaamaa, cabaa, naafa ykn dhukkubsataa kan hin taane taʼuunsaa baayʼee barbaachisaa ture. (Lew. 22:20-22) Israaʼeloonni aarsaa midhaanii Yihowaadhaaf yommuu dhiheessan “isa duraa,” akkasumas “isa caalu” keessaa dhiheessuu qabu turan. (Lak. 18:12, 29) Aarsaan filatamaa hin taane Yihowaa duratti fudhatama hin qabu. Aarsaa horii ilaalchisee ulaagaan barbaachisaa taʼe, aarsaan Yesus mudaa kan hin qabne akka taʼu, akkasumas Yihowaan ilmaan namootaa furuuf waan hunda isaaf caaluufi jaallatu aarsaa akka godhu kan argisiisu ture.—1 Phe. 1:18, 19.

7 Namni aarsaa dhiheessu tokko gaarummaa Yihowaa hundaaf guddaa kan isa galateeffatu yoo taʼe, wanta qabu keessaa isa hunda caalu filatee gammachuudhaan dhiheessuu hin qabuu? Aarsaa mudaa hin qabne kan filatu nama aarsicha dhiheessudha. Haataʼu malee, aarsaa mudaa qabu dhiheessuun, namichi sun aarsicha kan dhiheesse narraa haa baʼuuf jedhee ykn dirqama isatti taʼee akka taʼe waan argisiisuuf Waaqayyo aarsaa akkasiitti akka hin gammanne beeka ture. (Miilkiyaas 1:6-8, 13 dubbisi.) Kunis tajaajila Waaqayyoof dhiheessinurratti akkas jennee akka yaannu nu gochuu qaba: ‘Yihowaa tajaajilaa kanan jiru ilaalcha akkamiitiin kakaʼeeni? Qulqullina tajaajila koofi wanta isa tajaajiluuf na kakaase gamaaggamuun na barbaachisaa laata?’

8, 9. Israaʼeloonni aarsaa kan dhiheessan ilaalcha akkamiitiin kakaʼanii akka taʼe qoruu kan qabnu maaliifi?

8 Namni Israaʼel tokko galateeffanna Yihowaadhaaf qabu argisiisuuf fedhasaatiin aarsaa ykn isa duratti fudhatama argachuuf qalama gubamu dhiheessuu yoo barbaade, horii sirrii taʼe filachuun akka isa hin rakkisne beekamaadha. Namni waaqeffatu sun waan hundumaarra isaaf caalu Yihowaadhaaf gammachuudhaan kenna. Yeroo harʼaa Kiristiyaanonni aarsaa Seerri Musee ajaju dhiheessuu baatanis, yeroo, humnaafi qabeenyasaanii Yihowaa tajaajiluuf itti fayyadamuudhaan aarsaa dhiheessu jechuun ni dandaʼama. Phaawulos abdii Kiristiyaanaa “maqaa isaa beeksisuudhaaf wanta afaan keenya keessaa baʼu,” akkasumas “wanta gaarii gochuu, waan qab[nu] warra kaaniin gaʼuu,” aarsaa Waaqayyoon gammachiisu akka taʼetti ibseera. (Ibr. 13:15, 16) Ilaalchi sabni Yihowaa sochiiwwan akkasiirratti akka hirmaatan isaan kakaasu, wanta Waaqayyo isaanii kenne hundaaf galateeffannaa guddaa akka qabaniifi akka dinqisiifatan kan argisiisudha. Kanaafuu, namoonni yeroo harʼaa tajaajila Kiristiyaanaarratti hirmaataniifi namoonni bara duriitti fedhasaaniitiin aarsaa dhiheessan ilaalchaafi kakaʼumsa wal fakkaatu qabu.

9 Haataʼu malee, Seera Musee isa namni tokko yommuu dogoggora raawwatu aarsaa cubbuu akka dhiheessu gaafatu ilaalchisee maal jechuutu dandaʼama? Namni sun dirqamaan aarsicha akka dhiheessu godhamuunsaa fedhiifi ilaalcha nama aarsaa dhiheessu sanaarratti jijjiirama kan fidu isinitti fakkaataa? Aarsaan kun dirqamaan taʼuunsaa namni sun garaa duuba akka dhiheessu isa gochuu dandaʼaa laata? (Lew. 4:27, 28) Namni sun dhugumaan Yihowaa wajjin deebisee hariiroo gaarii qabaachuu kan barbaadu yoo taʼe akkas taʼuu hin dandaʼu.

10. Kiristiyaanonni hariiroo badee ture haaressuuf “aarsaa” akkamii dhiheessuu isaan barbaachisa taʼa?

10 Haaluma wal fakkaatuun yeroo harʼaas, utuu hin beekin ykn dantaa dhabummaadhaan obboleessa tokko akka mufachiistan hubattu taʼa. Yaanni gara keessanii amala sirrii hin taane akka argisiistan isinitti hima taʼa. Maarree namni garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluu barbaadu kamiyyuu, dogoggora raawwate sirreessuuf waan isaa dandaʼame hundaa gochuu hin qabuu? Kana jechuun nama mufachiisne sana garaadhaa dhiifama gaafachuu ykn dogoggora cimaa raawwanne yoo taʼemmoo, jaarsoliin Kiristiyaanaa jaalala qaban karaa hafuuraa akka nu gargaaran gaafachuu jechuudha. (Mat. 5:23, 24; Yaq. 5:14, 15) Kanaaf, cubbuu nama tokkorratti ykn Waaqayyorratti raawwanne sirreessuun waan tokko gochuu nu gaafata. “Aarsaa” akkasii dhiheessuun keenya, hariiroo Yihowaafi obboleessa keenyaa wajjin qabnu haaressuu, akkasumas yaada garaa qulqulluu qabaachuuf nu gargaara. Kunimmoo karaan Yihowaa hundarra kan caalu taʼuusaa nuu mirkaneessa.

11, 12. (a) Qophii qalma araaraa adda kan isa godhu maalidha? (b) Qalmi araaraa waaʼee waaqeffannaa qulqulluu bara keenyatti raawwatamu maal nu hubachiisa?

11 Aarsaawwan Seerri Musee akka dhihaatan ajaju keessaa tokko tokko qalma araaraa jedhamu turan. Aarsaawwan kun Yihowaa wajjin nagaa qabaachuu argisiisu. Namni aarsaa kana dhiheessuufi maatiinsaa tarii kutaawwan nyaataa mana qulqullummaa keessa jiran keessaa isa tokkotti foon horii qalame sanaa nyaatu. Lubni aarsaa sana dhiheessu akkuma luboota mana qulqullummaa keessa tajaajilan kaanii foon sanarraa gaʼaasaa fudhata. (Lew. 3:1; 7:31-33) Namni waaqeffatu sun aarsaa kana kan dhiheessu Waaqayyoo wajjin hariiroo gaarii qabaachuuf jedheeti. Kunis namni waaqeffatu suniifi maatiinsaa, lubichi, akkasumas Yihowaan nagaadhaan maaddii tokkotti dhihaatanii gammachuudhaan akka waliin nyaatanitti ilaalama.

12 Akka fakkeenyatti nyaata akkasii Yihowaa afeeruufi innis afeerrii kana fudhachuusaa caalaa mirgi guddaan jiraachuu dandaʼaa? Keessumsiisaan tokko keessummaa bakka guddaa qabu akkasiitiif wanta hundumaarra isaaf caalu dhiheessuu akka barbaadu beekamaadha. Qophiin qalma araaraa inni kutaa Seerichaa dhugaa isa bifa macaafaatti qophaaʼe keessaa tokko taʼe, ilmaan namootaa Uumaasaanii wajjin hariiroo gaarii qabaachuu barbaadan hundi karaa aarsaa Yesus isa hunda caaluun kana gochuu akka dandaʼan kan argisiisudha. Yeroo harʼaa fedhiidhaan qabeenyaafi humna keenya Yihowaa tajaajiluuf itti fayyadamuudhaan, michootasaa taʼuu dandeenya.

AKEEKKACHIISA AARSAA ILAALCHISEE KENNAME

13, 14. Aarsaan Saaʼol Mootichi dhiheessuuf yaade Yihowaa biratti fudhatama kan dhabe maaliifi?

13 Yihowaa biratti fudhatama argachuuf, aarsaawwan Seera Musee keessatti akka dhihaatan ajajaman kakaʼumsa sirriifi garaa qulqulluudhaan dhihaachuu akka qaban beekamaadha. Haataʼu malee, Macaafni Qulqulluun aarsaawwan Waaqayyo biratti fudhatama utuu hin argatin hafaniifi fakkeenya akeekkachiisaa nuu taʼan qabateera. Yihowaan aarsaawwan kana utuu hin fudhatin akka hafu kan isa godhe maalidha? Mee haala lama haa ilaallu.

14 Saamuʼel raajichi, yeroon Yihowaan Amaaleqota itti balleessu akka gaʼe Saaʼol Mootichatti hime. Kanaaf Saaʼol horiisaanii dabaltee saba diinaa kana hunda balleessuu qaba ture. Haataʼu malee, Saaʼol erga injifannoo argatee booda, loltoonnisaa Agaag Mootii Amaaleqotaa akka hambisan godhe. Kana malees, horiisaanii warra gaggaarii Yihowaadhaaf aarsaa taʼuu dandaʼan utuu hin balleessin hafeera. (1 Sam. 15:2, 3, 21) Yeroo kanatti Yihowaan maal godhe? Utuu hin ajajamin waan hafeef Saaʼoliin dhiiseera. (1 Saamuʼel 15:22, 23 dubbisi.) Nutoo kanarraa maal baranna? Waaqayyo biratti fudhatama argachuu barbaannaan aarsaan tokko abboommiisaa wajjin haala walsimuun dhihaachuu qaba.

15. Amalli gadheen Israaʼeloonni bara Isaayaasitti aarsaa dhiheessan tokko tokko qaban maal argisiiseera?

15 Macaafa Isaayaas keessattis fakkeenyi kanaa wajjin wal fakkaatu ni argama. Bara Isaayaasitti, Israaʼeloonni Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessu turan. Haataʼu malee, amallisaanii inni gadheen aarsaan isaan dhiheessan gatii akka dhabu godheera. Kanaaf Yihowaan akkas isaaniin jedheera: “Baayʼinni qalma aarsaa keessan isa gubamuu maal anaaf godha? Ani aarsaa korbeessa hoolaa fi moora horii coccoomoo quufeera, akkasumas immoo dhiiga tuntunoo, dhiiga ilmoo hoolaa fi dhiiga ilmoo reettiitti ani hin gammadu. . . . Kennaa waaʼee hin baafne deebitanii hin fidinaa! Ani aarsaa ixaana keessanii ciiggaʼeera.” Sababiinsaa maal ture? Waaqayyo, “Harka keessan keessa dhiigni waan guuteef, kadhata yoo baayʼiftan iyyuu ani isiniif hin dhagaʼu; dhiqadhaa of qulleessaa, hojii keessan isa hamaas ija koo duraa balleessaa, hamaa gochuu dhiisaa!” isaaniin jedheera.—Isa. 1:11-16.

16. Aarsaan tokko Waaqayyo biratti fudhatama qabaachuusaa kan murteessu maalidha?

16 Yihowaan aarsaa namoonni cubbuu hojjetaniifi yaada garaa hin geddaranne dhiheessanitti hin gammadu. Haataʼu malee, kadhannaafi aarsaan namoonni abboommii Waaqayyoo wajjin walsimanii jiraachuuf carraaqqii godhan dhiheessan isa biratti fudhatama argateera. Dhugaan bifa macaafaatti qophaaʼeefi Seericha keessa jiru, namoonni akkasii cubbamoota akka taʼaniifi dhiifamni cubbuu akka isaan barbaachisu barsiiseera. (Gal. 3:19) Kana beekuunsaanii akka gaddan isaan godhee taʼuu qaba. Haaluma wal fakkaatuun nuyis yeroo harʼaa, aarsaan Kiristos inni dhugumaan dhiifama cubbuu argamsiisuu dandaʼu akka nu barbaachisu beekuu qabna. Kana kan hubannuufi kan dinqisiifannu taanan, Yihowaan aarsaa nuyi tajaajila keenyarratti garaa guutuudhaan isaaf dhiheessinu hundatti ni “gammadda.”—Faarfannaa 51:17, 19 dubbisi.

AARSAA YESUSITTI AKKA AMANTAN HOJIIDHAAN ARGISIISAA!

17-19. (a) Galateeffannaa aarsaa furii Yesusiif qabnu Yihowaatti argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Mataduree ittaanurratti waaʼee maalii baranna?

17 Akka namoota Kiristiyaanummaan hundeeffamuusaa dura jiraatanii, waaʼee kaayyoo Waaqayyoo beekuuf “gaadidduu” ilaaluun waan nu hin barbaachisneef, isaan caalaa carraa gaarii qabna. (Ibr. 10:1) Seerawwan aarsaa ilaalchisee kennaman, Yihudoonni amala Waaqayyoo wajjin hariiroo gaarii uumuuf gargaaru akka qabaatan, garaadhaa akka isa galateeffatan, wanta hundarra caalu isaa kennuuf fedhii akka qabaataniifi furiin akka isaan barbaachisu akka hubatan isaan gargaaraniiru. Ibsa Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikii keessaa arganneen, Yihowaan furiitti fayyadamee miidhaa cubbuun geessise akka balleessuufi yeroo ammallee isa biratti yaada garaa qulqulluu akka qabaanu akka nu gargaaru hubachuu dandeenyeerra. Dhugumayyuu aarsaan furii Yesus qophii dinqisiisaadha!—Gal. 3:13; Ibr. 9:9, 14.

18 Qophii kanarraa fayyadamuun, aarsaa furii hubachuu caalaa waan dabalatu akka qabu beekamaadha. Phaawulos, “Nuyi amantiidhaan qajeelota taanee akka lakkaaʼamnuuf, seerri adabduu keenya isa gara Kristositti nu geessu ture” jedhee barreesseera. (Gal. 3:24) Amantiin akkasii hojii malee argisiifamuu hin dandaʼu. (Yaq. 2:26) Kanaaf, Phaawulos Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa beekumsa bifa macaafaatti qophaaʼeefi Seera Musee keessatti ibsame ilaalchisee qaban hojiidhaan akka argisiisan isaan gorseera. Akkas kan godhan taanaan amallisaanii seera buʼuuraa Waaqayyoo isa baratanii wajjin akka walsimu gochuu dandaʼu.—Roomaa 2:21-23 dubbisi.

19 Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran Seera Musee hordofuun kan isaanirraa hin eegamne taʼus, aarsaa Yihowaa biratti fudhatama qabu dhiheessuu qabu. Mataduree ittaanurratti akkamitti kana gochuu akka dandeenyu baranna.

DEEBII GAAFFIIWWAN KANAA ARGACHUUF YAALI:

․․․․․

Aarsaawwan Seera Musee keessatti akka dhihaatan ajajaman maaliif gaadidduu turan?

․․․․․

Aarsaan Israaʼeloonni dhiheessaniifi aarsaan Kiristiyaanonni yeroo harʼaa dhiheessan tokko tokko kan wal fakkaatu akkamitti?

․․․․․

Aarsaan tokko Yihowaa biratti fudhatama qabaachuusaa kan murteessu maalidha?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 17⁠rra jiru]

Ulaagaan Yihowaan tajaajiltoonnisaa akka guutan barbaadu matumaa hin jijjiiramu

[Fakkii fuula 18⁠rra jiru]

Horii isa kam Yihowaadhaaf aarsaa goote dhiheessita?

[Fakkii fuula 19⁠rra jiru]

Namoonni aarsaa sirrii dhiheessan Yihowaa biratti fudhatama argatu

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi