Lakkoofsa
19 Ammas Yihowaan Musee fi Aaroniin akkana jedhe: 2 “Seerri Yihowaan ajaje kana dha: ‘Saʼa diimtuu mudaas taʼe hirʼina hin qabne,+ akkasumas waanjoon irra kaaʼamee hin beekne tokko siif akka fidan Israaʼelotatti himi. 3 Isinis Eleʼazaar lubichaaf ni kennitu; innis buufatichaa alatti ishii ni geessa; isa durattis ni qalamti. 4 Achiis Eleʼazaar lubichi dhiiga ishii irraa muraasa quba isaatiin fuudhee dhiiga ishii gara kallattii fuuldura dunkaana walgaʼii jirutti siʼa torba ni facaasa.+ 5 Achiis ija isaa duratti ni gubamti. Gogaan ishii, foon ishii fi dhiigni ishii, cumaa ishii wajjin ni gubama.+ 6 Lubichis muka gaattiraa, hiisoophii+ fi foʼaa diimaa fuudhee ibidda saani sun itti gubamaa jirtu keessatti darbata. 7 Achiis lubichi uffata isaa ni miiccata; qaama* isaas bishaaniin ni dhiqata; sana booda inni gara buufatichaatti seenuu ni dandaʼa; haa taʼu malee, inni hamma galgalaatti xuraaʼaa ni taʼa.
8 “‘Namichi saʼa sana gube uffata isaa bishaaniin ni miiccata; qaama* isaas bishaaniin ni dhiqata; innis hamma galgalaatti xuraaʼaa ni taʼa.
9 “‘Namni qulqulluu taʼe tokkos daaraa saʼa+ sanaa walitti qabee buufatichaa ala bakka qulqulluu taʼe tokkotti ni tuula; yaaʼiin Israaʼelis bishaan qulqulleessuuf oolu+ sana qopheessuuf daaraa sana ni kaaʼa. Kun aarsaa cubbuu ti. 10 Namni daaraa saʼa sanaa walitti qabu uffata isaa ni miiccata; innis hamma galgalaatti xuraaʼaa ni taʼa.
“‘Kun Israaʼelotaa fi nama biyya ormaa isaan gidduu jiraatuuf dambii dhaabbataa ni taʼa.+ 11 Namni reeffa namaa kam iyyuu* tuqu hundi guyyaa torbaaf xuraaʼaa ni taʼa.+ 12 Namni kun guyyaa sadaffaatti bishaan sanaan* of haa qulqulleessu; guyyaa torbaffaattis inni qulqulluu ni taʼa. Haa taʼu malee, inni guyyaa sadaffaatti yoo of qulqulleessuu baate, guyyaa torbaffaatti qulqulluu hin taʼu. 13 Namni reeffa nama kamii iyyuu* tuqee of hin qulqulleessine hundi godoo qulqulluu Yihowaa xureesseera;+ namni* kun Israaʼel keessaa haa balleeffamu.*+ Bishaan qulqulleessu sun+ isa irratti waan hin facaafamneef inni xuraaʼaa dha. Inni xuraaʼaa akkuma taʼetti itti fufa.
14 “‘Namni tokko dunkaana keessatti yommuu duʼu seerri hordofamu kana dha: Namni dunkaanicha keessa seenu hundii fi namni dunkaanicha keessa ture hundi guyyaa torbaaf xuraaʼaa ni taʼa. 15 Miini banaan hin qadaadamne hundi xuraaʼaa dha.+ 16 Namni dirree irratti nama goraadeedhaan ajjeefame yookiin reeffa yookiin lafee namaa yookiin iddoo awwaalchaa tuqe hundi guyyaa torbaaf xuraaʼaa ni taʼa.+ 17 Isaan nama xuraaʼe sanaaf daaraa aarsaa cubbuu isa gubame sana irraa muraasa fuudhanii miʼa tokko keessa godhanii bishaan burqaa isa irratti haa naqan. 18 Achiis namni qulqulluu taʼe tokko+ hiisoophii+ fuudhee bishaanicha keessa erga cuuphee booda dunkaanicha irratti, miʼawwan sana hundumaa irratti, namoota* achi turan irratti, akkasumas nama lafee yookiin nama ajjeefame yookiin reeffa yookiin iddoo awwaalchaa tuqe sana irratti ni facaasa. 19 Namni qulqulluu taʼe sun guyyaa sadaffaattii fi guyyaa torbaffaatti nama xuraaʼe sana irratti bishaanicha ni facaasa; guyyaa torbaffaattis namicha cubbuu irraa ni qulqulleessa;+ achiis namichi uffata isaa ni miiccata; qaama isaas bishaaniin ni dhiqata; galgalas qulqulluu ni taʼa.
20 “‘Namni xuraaʼee fi of hin qulqulleessine garuu iddoo qulqulluu Yihowaa waan xureesseef gumicha keessaa haa balleeffamu.*+ Bishaan qulqulleessu sun isa irratti waan hin facaafamneef, inni xuraaʼaa dha.
21 “‘Kun isaaniif dambii dhaabbataa ni taʼa: Namni bishaan qulqulleessu+ sana facaasu uffata isaa haa miiccatu; namni bishaan qulqulleessu sana tuqu hamma galgalaatti xuraaʼaa ni taʼa. 22 Wanti namni xuraaʼaa taʼe sun tuqu kam iyyuu xuraaʼaa ni taʼa; namni* wanta sana tuqus hamma galgalaatti xuraaʼaa ni taʼa.’”+