- 
	                        
            
            Leewwota 3:3-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
3 Inni kutaa aarsaa gamtaa kana aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu godhee ni dhiheessa:+ cooma+ marʼimaan uwwise, cooma marʼimaanitti marsee jiru hundumaa, 4 akkasumas kaleewwan lamaanii fi cooma isaan irra jiru, jechuunis cooma mudhii bira jiru. Kana malees inni cooma tiruu irra jiru kaleewwan isaa wajjin ni baasa.+ 5 Ilmaan Aaronis qoraan isa iddoo aarsaa irratti bobaʼu irratti aarsaa gubamu sana gubbaatti isa ni aarsu;+ kunis aarsaa ibiddaan dhihaatu isa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* dha.+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Leewwota 7:29-31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
29 “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Namni Yihowaadhaaf aarsaa gamtaa dhiheessu kam iyyuu, aarsaa gamtaa+ isaa irraa hamma tokko Yihowaadhaaf haa fidu. 30 Aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu akka taʼuufis cooma sana handaraafa isaa wajjin harka isaatiin ni fida;+ achiis asii fi achi sochoosuudhaan Yihowaa duratti aarsaa sochoofamu godhee ni dhiheessa.+ 31 Lubichi coomni isaa iddoo aarsaa irratti akka aaru godha;+ handaraafni isaa garuu kan Aaronii fi kan ilmaan isaa ni taʼa.+
 
 -