-
Lakkoofsa 3:36, 37Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
36 Itti gaafatamummaan ilmaan Meraarii qaban maqaaniiwwan+ godoo qulqulluu, danqaraawwan+ isaa, utubaawwan+ isaa, miiloowwan isaa warra uraa qabanii fi miʼawwan isaa hundumaa+ toʼachuu, akkasumas tajaajila wantoota kanaa wajjin wal qabate hundumaa raawwachuu ture;+ 37 kana malees, utubaawwan mooraa sanatti marsanii jiran hundumaa fi miiloowwan isaanii warra uraa qaban,+ qofoowwan dunkaanaa isaanii fi funyoowwan dunkaanaa isaanii toʼachuu ture.
-
-
Lakkoofsa 4:31-33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Tajaajila isaanii isa dunkaana walgaʼii wajjin haala wal qabateen wanti isaan baachuuf itti gaafatamummaa qaban kana dha:+ maqaaniiwwan+ godoo qulqulluu, danqaraawwan+ isaa, utubaawwan+ isaa, miiloowwan isaa warra uraa qaban,+ 32 utubaawwan+ mooraa sanatti marsanii jiran, miiloowwan isaanii warra uraa qaban,+ qofoowwan dunkaanaa+ isaanii, funyoowwan dunkaanaa isaanii fi miʼawwan isaanii hundumaa, akkasumas wantoota tajaajila kanaa wajjin wal qabatan hundumaa. Miʼawwan isaan baachuuf itti gaafatamummaa qaban maqaa isaaniitiin isaaniif ramadaa. 33 Akkaataan maatiiwwan ilmaan Meraarii,+ qajeelfama Itaamaar ilma Aaron lubichaa jalatti dunkaana walgaʼii keessatti itti tajaajilan kana dha.”+
-