LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 4:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Isin of eeggannoodhaan isaan hordofaa;+ sababiin isaas, kun saboota waaʼee dambiiwwan kana hundumaa dhagaʼan duratti isin ogummaa+ fi hubannaa+ akka qabdan argisiisa; isaanis, ‘Sabni guddaan kun dhugumaan saba ogeessaa fi hubannaa qabu dha’ jedhu.+

  • Keessa Deebii 8:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 akkuma harʼa taʼe kana, inni kakuu abbootii keetiif gale raawwachuuf+ badhaadhina akka qabaattuuf humna kan sii kennu Waaqa kee Yihowaa taʼuu isaa yaadadhu.+

  • Iyyaasuu 1:7, 8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 “Onnadhu, baayʼee cimi, guutummaa Seerichaa isa tajaajilaan koo Museen si ajaje hundumaas of eeggannoodhaan eegi. Bakka deemtu hundumaatti ogummaadhaan deddeebiʼuu akka dandeessuuf,+ isa irraa gara mirgaatti yookiin gara bitaatti hin gorin.+ 8 Wanta achi keessatti barreeffame hundumaa of eeggannoodhaan akka eegduuf,+ kitaabni Seeraa kun afaan kee keessaa hin dhabamin;+ halkanii fi guyyaas sagalee kee gad qabii isa dubbisi;* akkana yoo goote, daandiin kee milkaaʼina ni argata, ogummaadhaanis ni deddeebita.+

  • 1 Mootota 2:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Daandiiwwan isaa irra deemuudhaan, dambiiwwan isaa, ajajawwan isaa, murtiiwwan isaa fi yaadachiisawwan isaa warra Seera Musee keessatti barreeffaman eeguudhaan, dirqama Waaqa kee Yihowaa duratti qabdu raawwadhu;+ kana yoo goote wanta gootu hundaanis taʼe bakka deemtu hundatti milkaaʼina ni argatta.*

  • Faarfannaa 103:17, 18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Yihowaan garuu jaalala isaa isa amanamaa

      Warra isa sodaatanitti+ bara baraaf* ni argisiisa,

      Qajeelummaan isaas ijoollee ijoollee isaaniitiif,+

      18 Warra kakuu isaa eeganiif,+

      Akkasumas warra ajajawwan isaa of eeggannoodhaan raawwataniif ni taʼa.

  • Luqaas 11:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Inni garuu, “Lakki, gammadoon illee namoota dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii hojii irra oolchani dha!”+ jedhe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi