-
Yooʼel 2:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Uffata keessan utuu hin taʼin,+ garaa keessan tarsaasaa,+
Gara Waaqa keessan Yihowaatti deebiʼaa,
Inni gara laafessaa* fi araara qabeessa, aariidhaaf suuta kan jedhuu+ fi jaalalli isaa inni amanamaan baayʼee kan taʼe dha,+
Inni badiisa fiduuf yaade ilaalchisee yaada isaa ni jijjiira.*
14 Akka isin aarsaa midhaanii fi aarsaa dhugaatii Waaqa keessan Yihowaadhaaf dhiheessitaniif,
Inni duubatti deebiʼee yaada isaa jijjiiruudhaan*
Eebba yoo isiniif kenne maaltu beeka?+
-
-
Amoos 5:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
Tarii Yihowaan Waaqni Raayyaa
Warra sanyii Yoseef keessaa hafanitti gaarummaa ni argisiisa taʼa.’+
-
-
Yoonaas 3:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Namnis taʼe horiin uffata gaddaa haa uffatu; isaan garaadhaa gara Waaqayyootti haa iyyan; daandii isaanii isa hamaa fi gocha isaanii isa jalʼaa irraa haa deebiʼan. 9 Waaqni dhugaan wanta gochuuf yaade sana irra deebiʼee yaaduudhaan* akka nuti hin badneef dheekkamsa isaa isa bobaʼu irraa yoo deebiʼe maaltu beeka?”
-