LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 7:3, 4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Gaaʼelaan isaanitti hin firoomin. Ijoollee durbaa kee ijoollee dhiiraa isaaniitiif hin kennin yookiin ijoollee durbaa isaanii ijoollee dhiiraa keetiif hin fudhatin.+ 4 Sababiin isaas, isaan ilmaan kee ana duukaa buʼuu irraa goranii waaqolii kan biroo akka tajaajilan ni godhu;+ achiis dheekkamsi Yihowaa si irratti bobaʼa; innis hatattamaan haxaaʼee si balleessa.+

  • 1 Mootota 7:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Manni* inni keessa jiraatu Galmicha* duubaan mooraa kan biraa+ keessa kan jiru yeroo taʼu, akki itti hojjetamanis wal fakkaata ture. Kana malees, inni mana Galma kanaa wajjin wal fakkaatu tokko intala Faraʼoon ishii Solomoon fuudheef ni ijaare.+

  • 1 Mootota 9:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Intalli Faraʼoon+ garuu Magaalaa Daawitii+ baatee mana ofii ishii isa Solomoon ishiidhaaf ijaaretti ni galte; sana booda inni Koobicha*+ ni ijaare.

  • 1 Mootota 11:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Haa taʼu malee, Solomoon Mootichi intala Faraʼoon+ malees, dubartoota biyya ormaa+ hedduu, jechuunis dubartoota biyya Moʼaab,+ biyya Amoon,+ biyya Edoom, biyya Siidoonii+ fi biyya Heet+ ni jaallate.

  • Nahimiyaa 13:25-27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Kanaafuu, isaanitti nan dheekkame; isaan nan abaare; isaan keessaa tokko tokko nan rukute;+ rifeensa isaaniis nan cire; achiis akkana jedheen maqaa Waaqayyootiin isaan kakachiise: “Ijoollee durbaa keessan ijoollee dhiiraa isaaniitiif hin kenninaa; ijoollee durbaa isaanii keessaa tokko illees ijoollee dhiiraa keessaniif yookiin ofii keessaniif hin fudhatinaa.+ 26 Solomoon mootiin Israaʼel cubbuu kan hojjete sababii dubartoota kanaatiin hin turree? Saboota hedduu keessaa mootiin akka isaa hin turre;+ inni Waaqa isaa duratti jaallatamaa waan tureef,+ Waaqayyo guutummaa Israaʼel irratti mootii isa godhe. Haa taʼu malee, haadhotiin manaa isaa warri biyya ormaa inni illee cubbuu akka hojjetu godhaniiru.+ 27 Isin dubartoota biyya ormaa fuutanii Waaqa keenyaaf amanamoo utuu hin taʼin hafuudhaan hammina guddaa akkanaa raawwachuun keessan wanta dhagaʼamee hin beekne dha.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi