LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Iyyaasuu 16:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Haa taʼu malee, isaan Kanaʼaanota warra Geezer+ keessa jiraachaa turan hin ariine; Kanaʼaanonnis hamma harʼaatti Efreem gidduu jiraachuu isaanii itti fufaniiru;+ hojii dirqamaas hojjechaa jiru.+

  • 1 Mootota 9:20-22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Haa taʼu malee, namoota Amoorota, Heetota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yebuusota+ irraa hafan hunda warra kutaa Israaʼelotaa hin taanee+ fi 21 sanyiiwwan isaanii warra biyyattii keessatti hafan, jechuunis warra Israaʼelonni guutummaatti balleessuu hin dandeenye sana garboota taʼanii hojii dirqamaa akka hojjetaniif Solomoon isaan ni filate; isaan hamma harʼaatti garboota taʼanii hojjetu.+ 22 Haa taʼu malee, Solomoon Israaʼelota keessaa eenyuun iyyuu garba hin godhanne;+ kanaa mannaa isaan loltoota isaa, tajaajiltoota isaa, bulchitoota isaa, ajajjoota raayyaa waraanaa isaa, ajajjoota warra gaarii fardaa oofanii fi ajajjoota abbootii fardeenii isaa turan.

  • 2 Seenaa Baraa 2:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Solomoon namoota hojii humnaa hojjetan* 70,000, namoota gaarota irratti dhagaa bocan 80,000+ fi warra ol aantummaadhaan isaan toʼatan 3,600 ni filate.+

  • 2 Seenaa Baraa 2:17, 18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Achiis Solomoon abbaan isaa Daawit namoota erga lakkaaʼee+ booda namoota biyya ormaa warra Israaʼel keessa jiraatan hundumaa ni lakkaaʼe;+ lakkoofsi isaaniis 153,600 taʼe. 18 Kanaafuu, inni namoota 70,000 warra hojii humnaa hojjetan,* namoota 80,000 warra gaarota irratti dhagaa bocan,+ akkasumas namoota 3,600 warra ol aantummaadhaan namoota sana hojjechiisan godhee ramade.+

  • 2 Seenaa Baraa 8:7-9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Namoota Heetota, Amoorota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yebuusota+ irraa hafan, warra Israaʼelota hin taane hundumaa,+ 8 sanyiiwwan isaanii warra biyyattii keessatti hafanii fi Israaʼelonni utuu isaan hin balleessin dhiisan+ sana hojii dirqamaa akka hojjetaniif Solomoon isaan ni filate; isaan hamma harʼaatti ni hojjetu.+ 9 Haa taʼu malee, Solomoon hojii isaatiif Israaʼelota keessaa eenyuun iyyuu garba hin godhanne;+ kanaa mannaa isaan loltoota isaa, geggeessitoota ajajjoota raayyaa waraanaa isaa, ajajjoota warra gaarii fardaa oofanii fi ajajjoota abbootii fardeenii isaa turan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi