-
2 Seenaa Baraa 4:18-22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Solomoonis miʼawwan kana hundumaa baayʼinaan ni hojjete; ulfaatinni sibiila diimaa hammi isaa hin beekamu ture.+
19 Solomoon mana Waaqa dhugaatiif miʼawwan+ kana hundumaa ni hojjete: iddoo aarsaa warqii,+ minjaalawwan+ daabboon ilaalchaa* irra kaaʼamu,+ 20 baattuuwwan ibsaa fi ibsaawwan isaanii warra akkuma qajeelfama kennameetti kutaa isa keessaa fuulduratti akka ifaniif warqii qulqulluu irraa tolfaman,+ 21 abaaboowwan, ibsaawwanii fi qabduuwwan warqii irraa, jechuunis warqii hundumaa caalaa qulqulluu taʼe irraa tolfaman, 22 dhaamsituuwwan ibsaa, saaniiwwan golboo, xoofoowwan, qodaawwan ibiddaa warra warqii qulqulluu irraa tolfaman, akkasumas karra manichaa, balbaloota Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe+ sanaa warra keessaan jiranii fi balbaloota mana qulqullummaa warra warqii irraa tolfaman.+
-