LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Saamuʼel 7:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Ammas tajaajilaa koo Daawitiin akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Ati saba koo Israaʼel irratti geggeessaa akka taatuuf,+ ani bakka tikaatii, hoolota duuba deemuu irraan+ si fudhadhe.

  • 2 Saamuʼel 7:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Barri jireenyaa kee dhumee+ abbootii kee wajjin yommuu boqottutti, sanyii kee isa si booda dhufu, jechuunis ilma kee* nan kaasa; mootummaa isaas jabeessee nan dhaaba.+

  • 1 Seenaa Baraa 29:23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Solomoonis bakka abbaa isaa Daawit mootii taʼee teessoo Yihowaa irra taaʼe;+ milkaaʼinas ni argate; Israaʼelonni hundis isaaf ni ajajamu turan.

  • 2 Seenaa Baraa 1:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 1 Solomoon ilmi Daawit yeroo kam iyyuu caalaa mootummaa isaa irratti ni jabaate; Waaqni isaa Yihowaanis isaa wajjin ture; akka malees guddaa isa godhe.+

  • Faarfannaa 89:36, 37
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 36 Sanyiin isaa bara baraaf jabaatee dhaabbata;+

      Teessoon isaas akkuma aduu na duratti jabaatee dhaabbata.+

      37 Akkuma addeessa ishii samii keessatti ragaa baatuu amanamtuu taate sanaatti,

      Teessoon isaas bara baraaf jabaatee dhaabbata.” (Seelaa)

  • Faarfannaa 132:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Ilmaan kee kakuu koo fi

      Yaadachiisawwan koo warra ani isaan barsiisu yoo eegan,+

      Ilmaan isaaniis

      Bara baraaf teessoo kee irra ni taaʼu.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi