LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 6:10-12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 “Waaqni kee Yihowaan gara biyya siif kennuuf abbootii kee Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakatetti, magaalota guguddoo fi gaggaarii ati hin ijaarretti+ yommuu si galchu,+ 11 gara manneen wantoota gaggaarii akaakuu hundumaa ati itti hin dadhabneen guutamanitti, gara boollawwan bishaanii ati hin qonnetti, akkasumas gara maasiiwwan wayinii fi mukeetii ejersaa* ati hin dhaabnetti yommuu si fiduu fi atis nyaattee yommuu quuftutti,+ 12 Yihowaa isa biyya Gibxii keessaa, mana garbummaa jalaa si baase akka hin irraanfanne of eeggadhu.+

  • Iyyoob 31:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Ani amanannaa koo warqii irra kaaʼadheera yoon taʼe

      Yookiin warqii baʼeessa taʼeen, ‘Ati wabii koo ti!’ jedheera yoon taʼe,+

  • Iyyoob 31:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Ani Waaqa dhugaa isa ol gubbaa jiru waanan ganeef,

      Kun balleessaa abbootii murtiitiin nama adabsiisu taʼa ture.

  • Fakkeenya 11:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Guyyaa dheekkamsaatti qabeenyi* faayidaa hin qabu,+

      Qajeelummaan garuu duʼa irraa nama oolcha.+

  • Fakkeenya 11:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Namni badhaadhina isaatti amanamu ni kufa,+

      Qajeelonni garuu akkuma baala lalisaatti ni lalisu.+

  • Fakkeenya 23:4, 5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Qabeenya argachuuf of hin dhamaasin.+

      Takka dhaabbadhuutii hubannaa akka qabdu argisiisi.*

       5 Ija kee yommuu irra buufattu, inni achitti hin argamu,+

      Sababiin isaas, inni qoochoo* akka risaa baasee gara samiitti barrisa.+

  • Maatewos 6:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 “Bakka biliin nyaatuu fi ligidni balleessutti, akkasumas bakka hattuun cabsee seenee hatuu dandaʼutti, lafa irratti qabeenya kuufachuu dhiisaa.+

  • Maatewos 6:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 “Namni gooftolii lamaaf garbicha taʼuu dandaʼu hin jiru; isa tokko jibbee isa kan biraa jaallata+ yookiin isa tokkotti maxxanee isa kan biraa tuffata. Waaqayyoo fi Qabeenyaaf garbicha taʼuu hin dandeessan.+

  • Maarqos 8:36
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 36 Namni tokko guutummaa addunyaa kan isaa godhatee lubbuu isaa yoo dhabe maal isa fayyada?+

  • Luqaas 12:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Achiis, “Of eeggadhaa, namni tokko qabeenya hedduu yoo qabaate illee jireenyi isaa wantoota inni qabu irratti kan hundaaʼe waan hin taaneef+ sassata hundumaa irraa of eegaa”+ isaaniin jedhe.

  • 1 Ximotewos 6:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Warri sirna* ammaa keessatti sooreyyii taʼan, akka of hin tuulle, akkasumas abdii isaanii badhaadhina hin amansiisne+ irra utuu hin taʼin, Waaqa isa wantoota itti gammannu hunda baayʼinaan nuu kennu+ irra akka kaaʼatan ajaji.

  • 1 Yohaannis 2:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 sababiin isaas, wanti addunyaa keessa jiru hundi, jechuunis hawwiin foonii,+ hawwiin ijaa+ fi qabeenya ofii argisiifachuun* Abbaa irraa utuu hin taʼin addunyaa irraa madda.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi