-
Keessa Deebii 12:31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Isaan ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii illee waaqolii isaaniitiif ibiddaan gubuudhaan, wanta jibbisiisaa Yihowaan jibbu hundumaa waaqolii isaaniitiif ni godhu; ati garuu Waaqa kee Yihowaadhaaf wanta akkanaa hin godhin.+
-
-
2 Mootota 16:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Peeqaan ilmi Remaaliyaa mootii taʼee waggaa 17ffaa isaatti, Akaaz+ ilmi Yootaam mootii Yihudaa mootii ni taʼe.
-
-
2 Mootota 17:17, 18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Ijoollee dhiiraa isaanii fi ijoollee durbaa isaanii ibiddaan ni guban;*+ falfala ni raawwatan;+ milkii ni ilaallatan; isa dheekkamsiisuufis wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe hojjechuuf dabarsanii of kennan.
18 Kanaafuu, Yihowaan akka malee Israaʼelitti waan aareef fuula isaa duraa isaan balleesse.+ Gosa Yihudaa qofa malee eenyu iyyuu akka hafu hin heyyamne.
-
-
Ermiyaas 7:30, 31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 ‘Sababiin isaas, sabni Yihudaa wanta na duratti hamaa taʼe raawwateera’ jedha Yihowaan. ‘Isaan manicha xureessuuf, mana maqaan koo itti waamamu keessatti waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼan dhaabaniiru.+ 31 Isaan ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii ibiddaan gubuuf,+ iddoowwan ol kaʼoo Tofeet isa Sulula Ilma Hinoom*+ keessatti argamu ijaaraniiru; kunis wanta ani hin ajajnee fi matumaa garaa kootti illee hin yaanne* dha.’+
-