LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 2:8, 9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  8 Na gaafadhu, anis saboota dhaala kee,

      Andaara lafaas qabeenya kee godhee siif nan kenna.+

       9 Atis ulee sibiilaa mootiitiin isaan caccabsita,+

      Akka qiraaciittis isaan hurreessita.”+

  • Faarfannaa 45:4, 5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Simboo keetiin injifannoodhaaf* qajeeli;+

      Dhugaadhaaf, gad of qabuu fi qajeelummaadhaaf jedhiitii gulufi,+

      Harki kee mirgaa wantoota sodaachisoo taʼan ni raawwata.*

       5 Xiyyawwan kee qara waan taʼaniif, namoota si duratti ni kukuffisu;+

      Onnee diinota mootichaas ni waraanu.+

  • Maatewos 28:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Yesuus isaanitti dhihaatee akkana isaaniin jedhe: “Samii fi lafa irratti aangoon hundi anaaf kennameera.+

  • Mulʼata 6:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Ani nan arge, kunoo, fardi adiin+ tokko jira ture; inni isa irra taaʼes iddaa qaba ture; gonfoon isaaf ni kenname,+ innis injifachaa fi injifannoo isaa xumuruuf baʼe.+

  • Mulʼata 12:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Ishiin mucaa dhiiraa, eeyyee, ilma+ saboota hunda ulee sibiilaatiin tiksuuf jedhu tokko deesse.+ Mucaan ishiis gara Waaqayyoo fi gara teessoo isaatti ol butame.

  • Mulʼata 19:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Anis samiin banamee nan arge, kunoo, fardi adiin+ tokko jira ture. Inni farda irra taaʼes Amanamaa+ fi Dhugaa+ jedhama; inni murtii kan kennus taʼe waraana kan geggeessu qajeelummaadhaani.+

  • Mulʼata 19:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Goraadee qaramaanii fi dheeraan saboota ittiin rukutu afaan isaa keessaa ni baʼa;+ inni ulee sibiilaatiin+ isaan ni tiksa. Kana malees, iddoo cuunfaa wayinii dheekkamsa sodaachisaa Waaqa Hundumaa Dandaʼuu ni dhidhiita.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi