9 Isaan booʼaa ni dhufu.+
Fudhatama argachuuf yommuu kadhatanitti deebisee isaan nan fida.
Gara yaaʼaawwan bishaaniitti isaan nan fida,+
Daandii wal qixa taʼee fi isaan hin gufachiisne irra isaan nan geggeessa.
Sababiin isaas, ani Abbaa Israaʼeli, Efreemis ilma koo isa angafaa ti.”+