LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Iyyaasuu 10:8-14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Yihowaanis Iyyaasuudhaan, “Ani harka keetti dabarsee waanan isaan kenneef,+ isaan hin sodaatin.+ Tokkoon isaanii illee si dura dhaabbachuu hin dandaʼan”+ jedhe. 9 Achiis Iyyaasuun Gilgaal irraa kaʼee halkan guutuu deemaa bulee akkuma tasaa isaanitti dhufe. 10 Yihowaanis Israaʼelota duratti akka burjaajaʼan godhe;+ isaanis Gibeʼonitti isaan ni fixan; daandii gara Beet Hooronitti ol baasuun isaan duukaa buʼanii, hamma Azeeqaa fi hamma Maaqedaatti isaan haleelan. 11 Yeroo isaan Israaʼel jalaa baqachaa fi Beet Hooron irraa gad buʼaa turanitti Yihowaan hamma Azeeqaatti samii irraa cabbii guguddaa isaan irratti roobse; isaanis ni dhuman. Warra goraadee Israaʼelotaatiin duʼan irra warra cabbii sanaan duʼantu caala ture.

      12 Yeroo Yihowaan Israaʼelota duratti Amoorota injifatetti Iyyaasuun Israaʼelota duratti Yihowaadhaan akkana jedhe:

      “Yaa aduu, Gibeʼon+ irratti dhaabbadhu!+

      Yaa addeessaa, Sulula* Ayiloon irratti dhaabbadhu!”

      13 Kanaafuu, sabichi diinota isaa irratti hamma haaloo baʼutti aduun bakkuma jirtu ni dhaabbatte; addeessis iddoo ishiitii hin sochoone. Kun kitaaba Yaashaar+ irratti barreeffameera mitii? Aduun samii walakkaa bakkuma jirtu ni dhaabbatte; gara guyyaa tokkootiifis lixuudhaaf hin ariifanne. 14 Sana duras taʼe sana booda, akka guyyaa sanaatti guyyaan Yihowaan sagalee namaa itti dhagaʼe+ hin jiru; sababiin isaas, Yihowaan Israaʼeliif lolaa ture.+

  • 2 Saamuʼel 5:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Kanaafuu, Daawit gara Baʼaal Peraaziim dhufee achitti isaan rukute. Yeroo kanatti Daawit, “Akkuma bishaan ittisa isaa cabsee baʼutti, Yihowaan diinota koo na duratti ni caccabse” jedhe.+ Inni maqaa iddoo sanaa Baʼaal Peraaziim*+ jedhee kan moggaase kanaafi.

  • 1 Seenaa Baraa 14:10-16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Daawitis, “Ol baʼee Filisxeemota waraanuu? Harka kootti dabarsitee isaan ni kennitaa?” jedhee Waaqayyoon gaafate. Yeroo kanatti Yihowaan, “Ol baʼi, anis harka keetti dabarsee isaan nan kenna” isaan jedhe.+ 11 Kanaafuu, Daawit gara Baʼaal Peraaziimitti+ ol baʼee achitti isaan ni rukute. Yeroo kanatti Daawit, “Akkuma bishaan ittisa isaa cabsee baʼutti, Waaqni dhugaan diinota koo harka kootiin ni caccabse” jedhe. Isaan maqaa iddoo sanaa Baʼaal Peraaziim* jedhanii kan moggaasan kanaafi. 12 Filisxeemonnis waaqolii isaanii achumatti dhiisan; yommuu Daawit ajaja kennettis ibiddaan isaan ni guban.+

      13 Boodas Filisxeemonni deebiʼanii sululicha* weeraran.+ 14 Daawit ammas Waaqayyoon ni gaafate; Waaqni dhugaan garuu akkana isaan jedhe: “Kallattiidhaan isaan duukaa buutee ol hin baʼin. Kanaa mannaa, duuba isaaniitiin naannaʼiitii tusii* baakaa* fuulduratti isaan waraani.+ 15 Fiixee tusii baakaa irraa sagalee adeemsa duulaa yommuu dhageessu, Waaqni dhugaan raayyaa waraanaa Filisxeemotaa rukutuuf si dura waan baʼeef isaan haleeli.”+ 16 Kanaafuu, Daawit akkuma Waaqni dhugaan isa ajaje ni godhe;+ isaanis Gibeʼonii hamma Geezeritti+ raayyaa waraanaa Filisxeemotaa ni rukutan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi