LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Saamuʼel 7:16, 17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Manni kee fi mootummaan kee si duratti bara baraaf jabaatee ni jiraata; teessoon kees bara baraaf jabaatee ni dhaabbata.”’”+

      17 Naataan jechoota kana hundumaa fi guutummaa mulʼata kanaa Daawititti ni hime.+

  • 1 Mootota 2:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Yihowaanis, ‘Ilmaan kee garaa isaanii fi lubbuu* isaanii guutuu+ amanamummaadhaan na dura deemuudhaan daandii isaaniitiif xiyyeeffannaa yoo kennan, sanyii kee keessaa namni teessoo Israaʼel irra taaʼu matumaa hin dhabamu’ jechuudhaan waadaa gale ni raawwata.+

  • Faarfannaa 89:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Tajaajilaa koo Daawitiin nan argadhe;+

      Zayitii koo isa qulqulluudhaanis isa nan dibe.+

  • Faarfannaa 89:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Sanyii isaa bara baraaf jabeessee nan dhaaba,

      Teessoon isaas akkuma samiiwwaniitti jabaatee akka dhaabbatu nan godha.+

  • Isaayyaas 9:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Teessoo Daawitii+ fi mootummaa isaa irratti,

      Badhaadhinni bulchiinsa* isaa,

      Nagaan isaas dhuma hin qabaatu;+

      Ammaa jalqabee bara baraaf,

      Haqaa+ fi qajeelummaadhaan+

      Cimee ni dhaabbata,+ ni jiraatas.

      Hinaaffaan Yihowaa Gooftaa Raayyaa kana ni godha.

  • Luqaas 1:32, 33
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 32 Inni guddaa ni taʼa;+ Ilma Isa Hundaa Olii ni jedhama;+ Yihowaanis* teessoo abbaa isaa Daawit isaaf ni kenna;+ 33 inni mana Yaaqoob irratti bara baraaf Mootii taʼee ni bulcha; Mootummaan isaas dhuma hin qabaatu.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi