-
Ermiyaas 6:12-15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Manneen isaanii,
Maasiiwwan isaanii fi haadhotiin manaa isaanii kan warra kaanii ni taʼu.+
Sababiin isaas, ani jiraattota biyyattii irratti harka koo nan diriirsa” jedha Yihowaan.
13 “Isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti, tokkoon tokkoon isaanii buʼaa sirrii hin taane argachuuf yaalu;+
Raajicha irraa hamma lubichaatti, tokkoon tokkoon isaanii gowwoomsaa raawwatu.+
14 Isaan utuu nagaan hin jiraatin,
‘Nagaa dha! Nagaa dha!’ jechaa,+
Caba saba kootii irruma keessa walʼaanuuf yaalii godhu.
15 Wanta jibbisiisaa raawwataniif qaaniin isaanitti dhagaʼamaa?
Matumaa qaaniin itti hin dhagaʼamu!
Isaan wanta saalfii jedhamu iyyuu hin beekan!+
Kanaafuu, isaan warra kufan gidduutti ni kukkufu.
Yommuun adaba isaanitti fidus ni gufatu” jedha Yihowaan.
-
-
Ermiyaas 27:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 “‘“‘Kanaafuu, raajota keessan, warra hooda isiniif dubbatan, warra abjuu isiniif abjuʼatan, warra falfala isiniif raawwatanii fi warra milkii isiniif ilaalan warra, “Isin mootii Baabiloniin hin tajaajiltan” isiniin jedhan sana hin dhagaʼinaa.
-
-
Hisqiʼel 22:28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Raajonni ishii garuu gochawwan isaanii irratti nooraa dibaniiru. Isaan mulʼata sobaa ni argu, falfala sobaas ni raawwatu;+ akkasumas utuu Yihowaan hin dubbatin, “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha” jedhu.
-