-
Keessa Deebii 29:24-26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 isaanis taʼan saboonni hundi, ‘Yihowaan biyya kana irratti akkana kan godhe maaliifi?+ Dheekkamsa guddaa bobaʼu kana kan fide maali dha?’ jedhu. 25 Namoonnis akkana jedhu: ‘Kun kan taʼe, kakuu Waaqni abbootii isaanii Yihowaan yommuu biyya Gibxii keessaa isaan baasetti+ isaanii wajjin gale sana waan dhiisaniifi.+ 26 Kanaa mannaa, isaan dhaqanii waaqolii kan biroo warra hin beeknee fi akka waaqeffatan inni isaaniif hin heyyamne* tajaajilan, akkasumas isaaniif ni sagadan.+
-
-
1 Mootota 9:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Manni kunis tuullaa diiggaa ni taʼa.+ Namoonni achiin darban hundis ajaaʼibsiifatanii ilaaluudhaan siiqsanii, ‘Yihowaan biyya kanaa fi mana kana irratti akkana kan godhe maaliifi?’+ jedhu. 9 Achiis, ‘Isaan Waaqa isaanii Yihowaa isa abbootii isaanii biyya Gibxiitii baase dhiisanii waaqolii kan birootti waan goraniif, waan isaaniif sagadanii fi waan isaan tajaajilaniifi. Yihowaan rakkina kana hundumaa kan isaanitti fide kanaafi’ jedhu.”+
-
-
Faaruu Ermiyaas 2:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Warri karicha irra darban hundi qoosaadhaan harka isaanii si irratti walitti rurrukutu.+
-