-
Abbootii Murtii 2:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Isaan Yihowaa dhiisanii Baʼaalii fi siidaawwan Ashtooret ni waaqeffatan.+
-
-
1 Mootota 16:30-32Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 Ahaab ilmi Omrii Yihowaa duratti wanta warra isa dura turan hunda caalaa hammaatu ni raawwate.+ 31 Ahaab daandii Yeroboʼaam+ ilma Nebaat irra deemuun isaa iyyuu itti hanqatee, Iizaabel+ ishii intala Etbaʼaal isa mootii Siidoonotaa+ taʼe sanaa ni fuudhe; akkasumas Baʼaaliin tajaajiluu+ fi isaaf sagaduu ni jalqabe. 32 Kana malees, inni mana* Baʼaal+ isa Samaariyaa keessatti hojjete keessatti Baʼaaliif iddoo aarsaa ni ijaare.
-
-
2 Mootota 17:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Yihowaanis karaa raajota isaa hundumaa fi karaa warra mulʼata argan+ hundumaatiin, “Daandii keessan isa hamaa irraa deebiʼaa!+ Akka seera ani abbootii keessan ajaje hundattii fi akka seera karaa tajaajiltoota koo warra raajota taʼanii isiniif erge sanaatti ajajawwan koo fi dambiiwwan koo eegaa” jedhee Israaʼelii fi Yihudaa ni akeekkachiisa ture.
-