LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yooʼel 2:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 “Xiyoon keessatti xurumbaa* afuufaa!+

      Gaara koo isa qulqulluu irratti iyya waraanaa dhageessisaa.

      Guyyaan Yihowaa dhufaa waan jiruuf,+ guyyichi waan dhihaateef,

      Jiraattonni biyyattii* hundi haa hollatan!

  • Sefaaniyaa 1:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Guyyaan Yihowaa waan dhihaateef, Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa duratti calluma jedhaa.+

      Yihowaan aarsaa tokko qopheesseera; warra affeeres qulqulleesseera.

  • Sefaaniyaa 1:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Guyyaan Yihowaa inni guddaan dhihaateera!+

      Inni dhihoo dha, saffisa guddaadhaan dhihaachaa* jira!+

      Sagaleen guyyaa Yihowaa sodaachisaa dha.+

      Yeroo sanatti loltuun ni iyya.+

  • Sefaaniyaa 2:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  2 Labsichi hojii irra ooluu isaa dura,

      Guyyichi akka galabaatti darbuu isaa dura,

      Dheekkamsi Yihowaa inni bobaʼu isin irratti dhufuu isaa dura,+

      Guyyaan dheekkamsa Yihowaa isin irratti dhufuu isaa dura,

  • 2 Pheexiros 3:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Taʼus, guyyaan Yihowaa*+ akka hattuutti dhufa;+ yeroo sanatti samiiwwan sagalee guddaadhaan ni darbu,+ wantoonni samiiwwanii fi lafti ittiin hojjetamanis hoʼa cimaadhaan ni baqu, laftii fi hojiiwwan ishii irratti hojjetamanis ni saaxilamu.+

  • Mulʼata 6:16, 17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Isaan gaarotaa fi kattaawwan sanaan akkana jedhan: “Nu irratti jigaa,+ fuula isa teessoo irra taaʼe+ sanaa fi dheekkamsa Hoolichaa+ jalaa nu dhoksaa; 17 sababiin isaas, guyyaan dheekkamsaa isaanii inni guddaan dhufeera;+ eenyutu dhaabbachuu dandaʼa ree?”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi