LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 28:49, 50
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 49 “Yihowaan andaara lafaa irraa saba biyya fagoodhaa dhufe tokko si irratti ni kaasa;+ inni akkuma risaan wanta adamsu irra buʼutti tasa si irra buʼa;+ sabni sunis saba ati afaan isaa hin dhageenye,+ 50 saba bifti isaa sodaachisaa taʼe, saba maanguddoota hin kabjnee fi daaʼimmaniif hin gaddine dha.+

  • 2 Mootota 15:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Bara Peeqaa mootii Israaʼelitti, Tiglaat Pileseer+ mootiin Asoor, Iyooniin, Abeel Beet Maʼaakaa,+ Yaanoʼaa, Qeedeshiin,+ Hazooriin, Giiliyaadii+ fi Galiilaa, jechuunis guutummaa biyya Niftaalem+ weeraree qabate; namoota achi jiraatanis boojiʼee gara Asooritti fudhate.+

  • 2 Mootota 17:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Hosheʼaan mootii taʼee waggaa saglaffaa isaatti, mootiin Asoor Samaariyaa ni qabate.+ Achiis inni namoota Israaʼel boojiʼee+ gara Asooritti geessuudhaan Haalaa fi Haaboor isa laga Goozaan+ bira jiru keessa, akkasumas magaalota Meedon keessa qubachiise.+

  • Isaayyaas 7:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 “Guyyaa sanatti Yihowaan haadduu naannoo Lagichaatii* ergifatetti, jechuunis mootii Asooritti+ fayyadamee, mataa fi rifeensa miilaa ni haada; haadduun sun areedas haxaaʼee ni balleessa.

  • Isaayyaas 8:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 sababiin isaas, mucichi, ‘Aabbaa! Harmee!’ jedhee waamuu baruu isaa dura qabeenyi Damaasqoo fi boojuun Samaariyaa mootii Asoor duratti ni fudhatama.”+

  • Isaayyaas 10:5, 6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  5 “Kunoo, Asoorota,+

      Warra ulee dheekkamsi koo ittiin ibsamu taʼanii+ fi

      Harcummeen balaaleffannaa koo ibsu harka isaanii irra jiru!

       6 Ani saba gantuu taʼe irratti,

      Uummata na dheekkamsiisu irratti isa nan erga;+

      Wanta hedduu boojiʼee fi saamee akka fudhatuuf,

      Akkuma dhoqqee daandii irra jiruuttis akka isaan dhidhiituuf isa nan ajaja.+

  • Hoseʼaa 10:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Inni gara Asooritti geeffamee akka kennaatti mootii guddaa tokkoof ni kennama.+

      Efreem ni salphata,

      Israaʼelis gorsa hordofeen kan kaʼe ni qaanaʼa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi