LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 126:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 126 Yihowaan yeroo namoota Xiyoon warra boojiʼaman deebisee walitti qabetti+

      Abjuu keessa kan jirru nutti fakkaate.

  • Ermiyaas 23:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 “Achiis hoolota koo warra hafan biyyoota ani itti isaan bittinneesse hundumaa irraa walitti nan qaba;+ gara kaloo isaaniitti isaan nan deebisa;+ isaanis ni horu, ni baayʼatus.+

  • Hisqiʼel 39:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Ani warra Yaaqoob keessaa boojiʼaman iddootti nan deebisa;+ guutummaa mana Israaʼelittis gara laafina nan argisiisa;+ qulqullina maqaa kootiif nan falma.*+

  • Amoos 9:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Ani saba koo Israaʼel warra boojiʼaman deebisee walitti nan qaba,+

      Isaan magaalota ona taʼan deebisanii ni ijaaru, keessas ni jiraatu;+

      Mukeetii wayinii ni dhaabu, daadhii wayinii isaaniis ni dhugu,+

      Biqiltuu ni dhaabu, firii isaas ni nyaatu.’+

  • Miikiyaas 2:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Yaa Yaaqoob, ani hunda keessan dhugumaan walitti nan qaba;

      Warra Israaʼel keessaa hafan dhugumaan walitti nan qaba.+

      Akkuma hoolota goorannoo keessa jiraniitti,

      Akkuma bushaayee kaloo isaanii irra jiraniitti walitti isaan qabee tokkummaa akka qabaatan nan godha;+

      Bakki sun waca namootaatiin ni guutama.’+

  • Miikiyaas 4:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Yaa intala Xiyoon, akkuma dubartii daʼumsa irra jirtuutti,

      Dhidhiittadhu, aadi,

      Sababiin isaas, amma magaalattii keessaa baatee dirree keessa ni jiraatta.

      Hamma Baabilonitti ni deemta,+

      Achittis ni oolta;+

      Achitti Yihowaan harka diinota kee keessaa deebisee si fura.+

  • Sefaaniyaa 3:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Ani yeroo sanatti deebisee isin nan fida,

      Eeyyee, yeroo sanatti walitti isin nan qaba.

      Ani yommuun warra isin keessaa boojiʼaman ijuma keessan duratti deebisee walitti qabutti,+

      Saboota lafa irraa hundumaa gidduutti beekamtii* akka argattanii fi akka jajamtan nan godha”+ jedha Yihowaan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi