LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 11:11, 12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Guyyaa sanatti Yihowaan, yeroo lammaffaadhaaf saba isaa warra hafan kanneen Asoor,+ Gibxii,+ Phaatros,+ Kuush,+ Eelaam,+ Shinaar,* Hamaatii fi odolawwan galaanaa irraa oolan deebifachuuf ammas harka isaa ni diriirsa.+ 12 Inni sabootaaf mallattoo* ni dhaaba; Israaʼel keessaa warra bittinnaaʼan walitti ni qaba;+ Yihudaa keessaa warra faffacaʼanis golee lafaa arfan irraa walitti ni qaba.+

  • Isaayyaas 27:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Guyyaa sanatti Yihowaan Laga* isa yaaʼu irraa jalqabee hamma Laga Gogaa* Gibxiitti+ firicha ni hurgufa; yaa saba Israaʼel, isinis tokko tokkoon walitti ni qabamtu.+

  • Hisqiʼel 28:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 “‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Yommuun mana Israaʼel saboota isaan gidduu isaaniitti bittinnaaʼan keessaa walitti qabutti,+ saboota duratti isaan gidduutti qulqulluu nan taʼa.+ Isaanis biyya isaanii isa ani tajaajilaa koo Yaaqoobiif kenne+ irra ni jiraatu.+

  • Hisqiʼel 34:15, 16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 “‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Anumti hoolota koo nan soora;+ anumti akka isaan ciciisan nan godha.+ 16 Isa bade nan barbaada;+ isa karaa irraa gore deebisee nan fida; isa miidhame huccuudhaan nan hidha; isa dadhabe nan cimsa; isa furdatee fi isa cimaa taʼe garuu haxaaʼee nan balleessa. Ani isatti nan murteessa; adaba isaaf malus isa irratti nan dabarsa.”

  • Amoos 9:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Ani saba koo Israaʼel warra boojiʼaman deebisee walitti nan qaba,+

      Isaan magaalota ona taʼan deebisanii ni ijaaru, keessas ni jiraatu;+

      Mukeetii wayinii ni dhaabu, daadhii wayinii isaaniis ni dhugu,+

      Biqiltuu ni dhaabu, firii isaas ni nyaatu.’+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi