LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 9:7, 8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 biyya ani isaaniif kenne irraa Israaʼeliin nan balleessa;+ mana ani maqaa kootiif qulqulleesse kanas ija koo duraa nan gata;+ Israaʼelis saba hundumaa gidduutti kan tuffatamtuu* fi kan itti qoosamu ni taati.+ 8 Manni kunis tuullaa diiggaa ni taʼa.+ Namoonni achiin darban hundis ajaaʼibsiifatanii ilaaluudhaan siiqsanii, ‘Yihowaan biyya kanaa fi mana kana irratti akkana kan godhe maaliifi?’+ jedhu.

  • Ermiyaas 12:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 “Ani mana koo dhiiseera;+ dhaala koo gatee deemeera.+

      Ishiin baayʼee jaalladhu* sana harka diinota ishiitti dabarsee kenneera.+

  • Ermiyaas 22:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 “‘Dubbii kanaaf yoo ajajamuu baattan garuu, ofii kootiin nan kakadha, manni kun ona ni taʼa’ jedha Yihowaan.+

  • Maatewos 21:43
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 43 Mootummaan Waaqayyoo isin irraa fudhatamee, saba firii isaa godhatuuf ni kennama kanan isiniin jedhus kanaafi.

  • Luqaas 21:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 “Haa taʼu malee, Yerusaalem loltootaan marfamtee yommuu argitan,+ yeroo sana badiisni ishii akka dhihaate beekaa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi