LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Daaniʼel 2:44
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 44 “Bara mootota sanaatti Waaqni samii mootummaa matumaa hin balleeffamne+ tokko ni hundeessa.+ Mootummaan kunis saba kan biraa kamitti iyyuu dabarfamee hin kennamu.+ Innis mootummoota kana hundumaa caccabsee ni balleessa;+ kophaa isaas bara baraaf ni dhaabbata;+

  • Daaniʼel 7:13, 14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 “Anis mulʼata halkan natti dhufe sana ilaaluu koo ittan fufe; kunoo, ilma namaa+ kan fakkaatu tokko duumessa samii wajjin ni dhufe; innis gara Isa Bara Dheeraa Jiraate+ sanaatti akka seenu isaaf ni heyyamame; isaanis isa duratti isa dhiheessan. 14 Achiis uummanni, saboonnii fi namoonni qooqa garaa garaa dubbatan hundi akka isa tajaajilaniif, bulchiinsi,+ ulfinnii+ fi mootummaan isaaf ni kenname.+ Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa ti, hin darbus; mootummaan isaas hin balleeffamu.+

  • Maatewos 6:9-13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 “Egaa, isin akkana jedhaa kadhadhaa:+

      “‘Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee+ haa qulqullaaʼu.*+ 10 Mootummaan kee haa dhufu.+ Fedhiin kee+ akkuma samii irratti taʼaa jiru, lafa irrattis haa taʼu.+ 11 Nyaata harʼaaf nu barbaachisu harʼa nuuf kenni;+ 12 akkuma nuti warra balleessaa nu irratti raawwataniif* dhiisne,+ balleessaa* keenya nuu dhiisi. 13 Isa hamaa* sana+ irraa nu oolchi malee, qorumsatti nu hin galchin.’+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi