-
Daaniʼel 7:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 “Anis mulʼata halkan natti dhufe sana ilaaluu koo ittan fufe; kunoo, ilma namaa+ kan fakkaatu tokko duumessa samii wajjin ni dhufe; innis gara Isa Bara Dheeraa Jiraate+ sanaatti akka seenu isaaf ni heyyamame; isaanis isa duratti isa dhiheessan. 14 Achiis uummanni, saboonnii fi namoonni qooqa garaa garaa dubbatan hundi akka isa tajaajilaniif, bulchiinsi,+ ulfinnii+ fi mootummaan isaaf ni kenname.+ Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa ti, hin darbus; mootummaan isaas hin balleeffamu.+
-
-
Maatewos 6:9-13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 “Egaa, isin akkana jedhaa kadhadhaa:+
“‘Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee+ haa qulqullaaʼu.*+ 10 Mootummaan kee haa dhufu.+ Fedhiin kee+ akkuma samii irratti taʼaa jiru, lafa irrattis haa taʼu.+ 11 Nyaata harʼaaf nu barbaachisu harʼa nuuf kenni;+ 12 akkuma nuti warra balleessaa nu irratti raawwataniif* dhiisne,+ balleessaa* keenya nuu dhiisi. 13 Isa hamaa* sana+ irraa nu oolchi malee, qorumsatti nu hin galchin.’+
-