LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Seenaa Baraa 7:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 sabni koo warri maqaa kootiin waamaman+ yoo gad of qaban,+ kadhannaa yoo dhiheessan, fuula koo yoo barbaaddatanii fi daandii isaanii isa hamaa irraa yoo deebiʼan,+ ani samii keessaa isaan nan dhagaʼa; cubbuu isaanii isaaniif nan dhiisa; biyya isaaniis nan fayyisa.+

  • Faarfannaa 32:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  5 Dhuma irratti cubbuu koo sitti nan himadhe;

      Dogoggora koo hin dhoksine.+

      Ani, “Balleessaa koo Yihowaatti nan himadha” nan jedhe.+

      Atis dogoggora koo fi cubbuu koo naaf dhiiste.+ (Seelaa)

  • Faarfannaa 51:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Ani hundumaa caalaa si irratti,* eeyyee, si irratti cubbuu hojjedheera;+

      Wanta si duratti hamaa taʼes raawwadheera.+

      Kanaafuu, ati yeroo dubbattu qajeelaa dha,

      Murtiiwwan kees sirrii dha.+

  • Fakkeenya 28:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Namni balleessaa isaa dhoksu milkaaʼina hin argatu,+

      Namni balleessaa isaa himatuu fi isa dhiisu garuu araara ni argata.+

  • Luqaas 18:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Inni qaraxa sassaabu garuu fagoo kan dhaabbate yeroo taʼu, gara samii ilaaluuf illee hin onnanne; kanaa mannaa qoma isaa rurrukutaa, ‘Yaa Waaqayyo, ani cubbamaa dha, garaa naa laafi’+ jedhe.

  • 1 Yohaannis 1:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Waaqayyo amanamaa fi qajeelaa waan taʼeef, cubbuu keenya yoo himanne, inni cubbuu keenya nuuf dhiisa, akkasumas jalʼina hundumaa irraa nu qulqulleessa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi