LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 3:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Bara sanatti Yohaannis+ Cuuphaan lafa onaa Yihudaa keessatti lallabaa+ dhufe;

  • Maatewos 3:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Kunis isa Isaayyaas raajichi+ waaʼee isaa, “Lafa onaa keessaa sagaleen, ‘Daandii Yihowaa* qopheessaa! Karaa isaas wal qixxeessaa’ jedhu tokko ni dhagaʼama”+ jechuudhaan dubbate sana dha.

  • Maarqos 1:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Sagaleen tokko lafa onaa keessaa, ‘Daandii Yihowaa* qopheessaa! Karaa isaas wal qixxeessaa’ jedhee iyya.”+

  • Luqaas 1:67
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 67 Achiis abbaan isaa Zakkaariyaas hafuura qulqulluudhaan guutamee akkana jedhee raajii dubbate:

  • Luqaas 1:76
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 76 Ati garuu yaa mucaa nana, daandii isaa qopheessuuf Yihowaa* dura waan deemtuuf,+ raajii Isa Hundaa Olii jedhamtee waamamta;

  • Luqaas 3:3, 4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Kanaafuu inni, cuuphaa isa mallattoo yaada geddarannaa taʼee fi dhiifama cubbuu argachuuf karaa banu lallabaa guutummaa biyya naannoo Yordaanositti argamu keessa naannaʼe;+ 4 kunis kan taʼe akkuma kitaaba Isaayyaas raajichaa keessatti akkana jedhamee barreeffametti dha: “Sagaleen tokko lafa onaa keessaa akkana jedhee iyya: ‘Daandii Yihowaa* qopheessaa! Karaa isaas wal qixxeessaa.+

  • Luqaas 7:27, 28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Inni isa waaʼeen isaa ‘Kunoo, ani ergamaa koo si dura* nan erga, inni si dura buʼee karaa siif ni qopheessa’+ jedhamee barreeffame sana dha. 28 Ani isinitti nan hima, namoota dubartii irraa dhalatan keessaa Yohaannis irra kan caalu hin jiru; namni Mootummaa Waaqayyoo keessatti hundumaa irra xinnaa taʼe garuu isa ni caala.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi