LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Daaniʼel 9:24-27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 “Balleessaa hambisuuf, cubbuu balleessuuf,+ dogoggoraaf araara argamsiisuuf,+ qajeelummaa bara baraa fiduuf,+ mulʼatichaa fi raajicha irratti chaappaa gochuuf,+ akkasumas Kutaa Isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe* dibuuf, saba kee fi magaalaa kee ishii qulqulluudhaaf+ torbeen* 70ni murteeffamaniiru. 25 Yeroo Yerusaalemiin iddoo ishiitti deebisuu fi deebisanii ijaaruuf+ ajajni itti kenname irraa jalqabee hamma Masiihiin*+ inni Geggeessaa+ taʼe dhufutti torbeen 7 fi torbeen 62 akka taʼu beeki, hubadhus.+ Ishiin iddoo ishiitti ni deebiti, deebitees ni ijaaramti; addabaabayiinii fi boʼoon ishii deebiʼee ni ijaarama; kun kan taʼu garuu yeroo rakkisaa keessatti dha.

      26 “Torban 62 booda Masiihiichi ni ajjeefama;+ wanti isaaf hafus hin jiraatu.+

      “Namoonni geggeessaa isa dhufu sanaas magaalattii fi iddoo qulqulluu sana ni balleessu.+ Dhumni isaas lolaadhaan ni taʼa. Hamma dhumaatti waraanni ni jiraata; wanti irratti murteeffames badiisa dha.+

      27 “Inni torbee tokkoof namoota hedduudhaaf kakuu isaa ni tursa; walakkaa torbee sanaatti immoo aarsaanii fi kennaan dhihaatu akka hafu godha.+

      “Qoochoo wantoota jibbisiisoo sanaa irra inni badiisa geessisu ni jiraata;+ hamma badiisni dhufutti wanti murteeffame isa ona taʼe sana irrattis ni dhangalaʼa.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi