Isaayyaas
13 Murtii Baabilon irratti dabarfamee+ fi Isaayyaas+ ilmi Amooz mulʼataan arge:
2 “Gaara qarsaa qullaa taʼe irratti mallattoo* dhaabaa.+
Gara karrawwan guguddootaatti akka seenaniif
Isaan waamaa, harka keessanis raasaa.
3 Warran muude* sanaaf ajaja dabarseera.+
Ani dheekkamsa koo karaa isaanii ibsuuf,
Loltoota koo warra boonuudhaan ol of qaban waameera.
4 Dhagaʼaa, sagaleen tuuta gaarota irra jiruu,
Sagaleen sagalee namoota hedduu fakkaatu ni dhagaʼama!
Dhagaʼaa, iyyi mootummootaa,
Iyyi saboota walitti qabamaniis+ ni dhagaʼama!
Yihowaan Gooftaan Raayyaa waraanaaf loltoota walitti qabaa jira.+
5 Yihowaanii fi meeshaawwan waraanaa dheekkamsa isaa
Guutummaa lafaa irratti badiisa fiduuf,+
Biyya fagoodhaa,+
Andaara samiiwwaniitii dhufaa jiru.
6 Guyyaan Yihowaa waan dhihaateef gadoodaa!
Inni badiisa fiduuf Isa Hundumaa Dandaʼu biraa ni dhufa.+
7 Harki hundi kan naafatu,
Garaan nama hundumaas sodaadhaan kan baqu kanaafi.+
8 Namoonni naʼaniiru.+
Akkuma dubartii ciniinsuu irra jirtuutti,
Gaggabaa fi dhiphachaa jiru.
Fuulli isaanii dhiphinaan diimatee,
Sodaa guddaadhaan wal ilaalu.
9 Biyyattii bakka sodaachisaa gochuuf,+
Cubbamoota biyyattiis ishii keessaa balleessuuf,
Kunoo, guyyaan Yihowaa
Aarii fi dheekkamsa bobaʼuun gara jabinaan dhufaa jira.
10 Urjiileen samii fi tuutawwan isaanii*+
Ifa isaanii hin kennan;
Aduun yommuu baatu ni dukkanoofti,
Addeessis ifa ishii hin ibsitu.
11 Lafattii hammina ishiitiif,+
Hamootas balleessaa isaaniitiif isaan nan gaafadha.
Koora warra of bokoksan sanaa nan balleessa,
Of tuulummaa cunqursitootaas nan salphisa.+
12 Namoonni warqii qulqulleeffame caalaa,
Ilmaan namootaas warqii Ofiir+ caalaa muraasa akka taʼan nan godha.+
13 Aarii guddaa Yihowaa Gooftaa Raayyaatiin, guyyaa dheekkamsa isaa isa bobaʼaatti,
Samiiwwan akka jeeqaman,
Laftis iddoo ishiitii akka raafamtu kanan godhu kanaafi.+
14 Akkuma borofa adamsamuu fi akkuma bushaayee nama walitti isaan qabu hin qabneetti,
Tokkoon tokkoon namaa gara saba ofii isaatti ni deebiʼa,
Tokkoon tokkoon namaa gara biyya ofii isaatti ni baqata.+
15 Namni argame kam iyyuu ni waraanama,
Namni qabame kam iyyuus goraadeedhaan ni ajjeefama.+
16 Ijoolleen isaanii ijuma isaanii duratti ni hurreeffamu,+
Manneen isaanii ni saamamu,
Haadhotiin manaa isaaniis dirqamaan ni gudeedamu.
17 Kunoo, ani namoota Meedon
Warra meetii homaatti hin lakkoofne,
Warqiittis hin gammanne isaan irratti nan kaasa.+
18 Iddaawwan isaanii dargaggoota ni caccabsu;+
Isaan firii gadameessaatiif garaa hin laafan,
Ijoolleedhaafis hin gaddan.
19 Baabilon ishiin mootummoota hunda caalaa ulfina qabeettii taate,*+
Ishiin bareedina Kaladootaa taatee fi isaan ittiin boonan,+
Akkuma Sodoomii fi Gomoraa warra Waaqayyo garagalche sanaa ni taati.+
20 Ishii keessa matumaa namni hin jiraatu,
Dhaloota hundumaa keessattis bakka namoonni keessa hin jiraanne ni taati.+
Arabni dunkaana isaa achi hin dhaabu,
Tiksitoonnis bushaayee isaanii achitti hin boqochiisan.
21 Uumamawwan gammoojjii achi ni ciciisu;
Manneen isaaniis hurunguudhaan ni guutamu.
22 Uumamawwan caraanan masaraawwan ishii keessatti,
Sardiidonnis manneen mootummaa ishii warra miidhagoo keessatti ni iyyu.
Yeroon ishii dhihaateera, guyyoonni ishiis hin dheeratan.”+