LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Fakkeenya 8
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Fakkeenyaa

      • Qaamni ogummaatti fakkeeffame ni dubbate (1-36)

        • ‘Ani hojiiwwan Waaqaa keessaa isa jalqabaati’ (22)

        • “Ani hojjetaa dandeettii qabu taʼee isa maddiin ture” (30)

        • “Ilmaan namootaa nan jaalladhan ture” (31)

Fakkeenya 8:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 1:20, 21

Fakkeenya 8:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 10:27

Fakkeenya 8:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 20:20

Fakkeenya 8:4

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “ilmaan namootaa.”

Fakkeenya 8:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 19:7

Fakkeenya 8:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 19:9, 10; 119:72, 127; Fak 3:13-15

Fakkeenya 8:11

Miiljaleewwan

  • *

    Ibsa Jechootaa ilaali.

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Hiika Addunyaa Haaraa, ful. 2076

Fakkeenya 8:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 2:11; 5:1, 2

Fakkeenya 8:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 97:10; 101:3; Fak 16:6; Rom 12:9
  • +Fr 101:5; 1Ph 5:5
  • +Fak 4:24

Fakkeenya 8:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 2:7
  • +Fak 4:7
  • +Fak 24:5

Fakkeenya 8:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 72:1

Fakkeenya 8:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 2:4, 5

Fakkeenya 8:18

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “dhaalaan argamuu.”

Fakkeenya 8:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 3:13, 14

Fakkeenya 8:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 1:1-3, 14
  • +Qol 1:15-17

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    “Duuka Buutuu Koo Taʼi,” ful. 153

Fakkeenya 8:23

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “bara hin yaadatamne irraa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mik 5:2
  • +Yoh 8:58; 17:5

Fakkeenya 8:24

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “ciniinsuudhaan dhaladhe.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 1:2

Fakkeenya 8:26

Miiljaleewwan

  • *

    Biyyoo walitti qabatee goge.

Fakkeenya 8:27

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “geengoo.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 33:6; Er 10:12
  • +Uma 1:6, 7; Iyo 26:10

Fakkeenya 8:28

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “cimaa godhetti.”

Fakkeenya 8:29

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “labsetti.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iyo 38:8-11; Fr 33:7; 104:6-9; Er 5:22

Fakkeenya 8:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 1:26; Yoh 1:1, 3; 17:5; Qol 1:15, 16
  • +Isa 42:1; Mat 3:17
  • +Iyo 38:7

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    “Duuka Buutuu Koo Taʼi,” ful. 153-155

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 15

Fakkeenya 8:31

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 17

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2008, ful. 13

Fakkeenya 8:33

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 3:11; 4:13; Ibr 12:7, 9

Fakkeenya 8:34

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “balbala koo duratti dammaqee.”

Fakkeenya 8:35

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 13:14

Fakkeenya 8:36

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuu isaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 5:23

Yaada Wal Simu

Fak. 8:1Fak 1:20, 21
Fak. 8:2Mat 10:27
Fak. 8:3HoE 20:20
Fak. 8:5Fr 19:7
Fak. 8:10Fr 19:9, 10; 119:72, 127; Fak 3:13-15
Fak. 8:12Fak 2:11; 5:1, 2
Fak. 8:13Fr 97:10; 101:3; Fak 16:6; Rom 12:9
Fak. 8:13Fr 101:5; 1Ph 5:5
Fak. 8:13Fak 4:24
Fak. 8:14Fak 2:7
Fak. 8:14Fak 4:7
Fak. 8:14Fak 24:5
Fak. 8:15Fr 72:1
Fak. 8:17Fak 2:4, 5
Fak. 8:19Fak 3:13, 14
Fak. 8:22Yoh 1:1-3, 14
Fak. 8:22Qol 1:15-17
Fak. 8:23Mik 5:2
Fak. 8:23Yoh 8:58; 17:5
Fak. 8:24Uma 1:2
Fak. 8:27Fr 33:6; Er 10:12
Fak. 8:27Uma 1:6, 7; Iyo 26:10
Fak. 8:29Iyo 38:8-11; Fr 33:7; 104:6-9; Er 5:22
Fak. 8:30Uma 1:26; Yoh 1:1, 3; 17:5; Qol 1:15, 16
Fak. 8:30Isa 42:1; Mat 3:17
Fak. 8:30Iyo 38:7
Fak. 8:33Fak 3:11; 4:13; Ibr 12:7, 9
Fak. 8:35Fak 13:14
Fak. 8:36Fak 5:23
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Fakkeenya 8:1-36

Fakkeenya

8 Ogummaan waamaa jirti mitii?

Hubannaan sagalee ishii ol kaastee dhageessisaa jirti mitii?+

 2 Iddoo ol kaʼaa+ daandii qarqaratti argamu,

Daandii qaxxaamuraa irra ni dhaabbatti.

 3 Karrawwan gara magaalaatti geessan cinaatti,

Balbala karrawwanii biratti,

Yeroo hunda akkana jettee sagalee ishii ol kaastee iyyiti:+

 4 “Yaa namootaa, isin nan waama;

Sagalee koo ol kaasee nama hunda* nan waama.

 5 Isin warri muuxannoo hin qabne, abshaalummaa baradhaa;+

Isin gowwoonni, garaa hubatu qabaadhaa.

 6 Wantin dubbadhu barbaachisaa waan taʼeef dhaggeeffadhaa;

Arrabni koo wanta sirrii dubbata;

 7 Afaan koo suuta jedhee dhugaa dubbata,

Arrabni koos wanta hamaa ni jibba.

 8 Dubbiin afaan koo keessaa baʼu hundi qajeelaa dha.

Tokkoon isaa illee micciiramaa yookiin jalʼaa miti.

 9 Hundi isaa iyyuu warra hubannaa qabaniif qajeelaa dha,

Warra beekumsa argataniifis sirrii dha.

10 Meetii mannaa adaba koo,

Warqii baʼeessa mannaas beekumsa filadhaa,+

11 Sababiin isaas, ogummaan elellaa* irra wayya,

Wantoonni gatii guddaa qaban kaan hundis ishii wajjin wal hin gitan.

12 Ani ogummaan, abshaalummaa wajjin nan jiraadha;

Beekumsaa fi dandeettii yaaduus argadheera.+

13 Yihowaa sodaachuun, wanta hamaa jibbuu dha.+

Of tuulummaa, boonuu,+ daandii hamaa fi dubbii jalʼaa nan jibba.+

14 Ani gorsa gaarii fi ogummaa qaba;+

Hubannaanii+ fi humnis+ kan koo ti.

15 Mootonni anaan bulchu,

Abbootiin taayitaa ol aanoonis anaan qajeelummaa labsu.+

16 Bulchitoonni anaan bulchu,

Guguddoonnis anaan murtii haqaa kennu.

17 Warra na jaallatan nan jaalladha,

Warri na barbaaddatanis na argatu.+

18 Soorumnii fi ulfinni,

Qabeenyi bara dheeraa* fi qajeelummaan na bira jiru.

19 Firiin koo warqii irra, warqii qulqulleeffame irra illee ni caala,

Wanti na irraa argamus meetii hundumaa caalaa baʼeessa taʼe irra wayya.+

20 Ani daandii qajeelummaa irra

Daandiiwwan haqaa gidduu nan deema;

21 Warra na jaallataniif dhaala hedduu nan kenna,

Gootaraawwan isaaniis nan guuta.

22 Yihowaan jalqaba daandii isaa,+

Hojiiwwan isaa warra bara durii keessaas isa jalqabaa godhee na uume.+

23 Ani bara duriitii,* jalqaba irraa kaasee,+

Lafti uumamuu ishii bara dheeraa dura+ nan muudame.

24 Yeroo bishaanonni gad fagoon hin turretti,+

Burqaawwanis bishaan burqisiisuu isaanii duran dhaladhe.*

25 Gaaronni hundeeffamuu isaanii dura,

Tabbawwan duran dhaladhe,

26 Inni lafaa fi dirreewwan ishii

Yookiin bungulloo* biyyoo lafaa isa jalqabaa tolchuu isaa duran dhaladhe.

27 Yeroo inni samii qopheessetti+ ani achin ture;

Yeroo inni bishaanotaa fi samii gidduu daangaa* kaaʼetti,+

28 Yeroo duumessoota ol gubbaa jiran hundeessetti,*

Yeroo bishaanonni gad fagoon akka guutan godhetti,

29 Bishaanonni galaanaa ajaja isaa irra akka hin darbineef+

Yeroo galaanichaaf labsii baasetti,

Yeroo buʼuura lafaa kaaʼetti,*

30 Yeroo sanatti, ani hojjetaa dandeettii qabu taʼee isa maddiin ture.+

Inni guyyaa guyyaadhaan haala adda taʼeen natti gammada ture;+

Anis yeroo hunda isa duratti nan gammadan ture;+

31 Lafa isaa ishii jireenyaaf mijooftuu taatetti nan gammadan ture,

Keessumaa immoo ilmaan namootaa nan jaalladhan ture.

32 Ammas yaa ilmaan koo, na dhagaʼaa;

Eeyyee, warri daandiiwwan koo eegan gammadoo dha.

33 Gorsa dhagaʼi,+ ogeessas taʼi,

Matumaas isa hin tuffatin.

34 Namni guyyaa guyyaatti ganamaan gara balbala koo dhufee,*

Maqaanii koo biratti na eeguudhaan

Na dhagaʼu gammadaa dha;

35 Namni na argatu, jireenya argata,+

Yihowaa birattis fudhatama argata.

36 Namni na tuffatu garuu of* miidha,

Warri na jibbanis duʼa jaallatu.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi