LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 5
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Lakkoofsaa

      • Isa xuraaʼaa taʼe adda baasuu (1-4)

      • Cubbuu himachuu fi bakka buusuu (5-10)

      • Dubartii ejjaan shakkamte bishaaniin qoruu (11-31)

Lakkoofsa 5:2

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuudhaan.” Ibsa Jechootaa ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 13:45, 46
  • +Lew 15:2
  • +Lew 22:4; Lak 19:11

Lakkoofsa 5:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 25:8; Lew 26:11
  • +Lak 19:22

Lakkoofsa 5:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 5:1, 17

Lakkoofsa 5:7

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Isaan cubbuu hojjetan sana haa himatan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 5:5; Iya 7:19; Yaq 5:16
  • +Lew 6:4, 5

Lakkoofsa 5:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 5:16; 6:6, 7; 7:7

Lakkoofsa 5:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 6:14, 17; 7:1, 6; 10:12, 13
  • +Bau 29:27, 28; Lak 18:8; Kes 18:3; His 44:29; 1Qo 9:13

Lakkoofsa 5:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 18:20; Kes 5:18

Lakkoofsa 5:15

Miiljaleewwan

  • *

    Eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harki tokko 2.2 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Lakkoofsa 5:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 17:10; Ibr 13:4

Lakkoofsa 5:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 5:15, 25
  • +Lak 5:22, 24

Lakkoofsa 5:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rom 7:2

Lakkoofsa 5:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 18:20; 1Qo 6:9, 10

Lakkoofsa 5:21

Miiljaleewwan

  • *

    Kun qaamawwan hormaataa kan argisiisu fakkaata.

  • *

    Ykn., “qalʼachuu.” Kun dandeettii daʼumsaa dhabuu kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Lakkoofsa 5:22

Miiljaleewwan

  • *

    Kun qaamawwan hormaataa kan argisiisu fakkaata.

  • *

    Ykn., “qalʼatu.” Kun dandeettii daʼumsaa dhabuu kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

  • *

    Ykn., “Haa taʼu! Haa taʼu!”

Lakkoofsa 5:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 5:15

Lakkoofsa 5:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 2:9

Lakkoofsa 5:27

Miiljaleewwan

  • *

    Kun qaamawwan hormaataa kan argisiisu fakkaata.

  • *

    Ykn., “qalʼata.” Kun dandeettii daʼumsaa dhabuu kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Yaada Wal Simu

Lak. 5:2Lew 13:45, 46
Lak. 5:2Lew 15:2
Lak. 5:2Lew 22:4; Lak 19:11
Lak. 5:3Bau 25:8; Lew 26:11
Lak. 5:3Lak 19:22
Lak. 5:6Lew 5:1, 17
Lak. 5:7Lew 5:5; Iya 7:19; Yaq 5:16
Lak. 5:7Lew 6:4, 5
Lak. 5:8Lew 5:16; 6:6, 7; 7:7
Lak. 5:9Lew 6:14, 17; 7:1, 6; 10:12, 13
Lak. 5:9Bau 29:27, 28; Lak 18:8; Kes 18:3; His 44:29; 1Qo 9:13
Lak. 5:13Lew 18:20; Kes 5:18
Lak. 5:16Er 17:10; Ibr 13:4
Lak. 5:18Lak 5:15, 25
Lak. 5:18Lak 5:22, 24
Lak. 5:19Rom 7:2
Lak. 5:20Lew 18:20; 1Qo 6:9, 10
Lak. 5:25Lak 5:15
Lak. 5:26Lew 2:9
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Lakkoofsa 5:1-31

Lakkoofsa

5 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Nama dhukkuba nadaayiitiin qabame,+ nama dhangalaʼaan qaama isaa keessaa yaaʼuu+ fi nama reeffaan* xuraaʼe kam iyyuu buufaticha keessaa akka baasan Israaʼelota ajaji.+ 3 Dhiiras taʼe dubartii nama sana achi keessaa baasaa. Isaan buufatawwan warra ani gidduu isaanii jiraadhu+ sanaa akka hin faalleef,+ buufaticha keessaa isaan baasaa.” 4 Kanaafuu, Israaʼelonni akkuma kana ni godhan; buufaticha keessaas gad isaan ni baasan. Israaʼelonni akkuma Yihowaan Museetti hime ni godhan.

5 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 6 “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Dhiirri tokko yookiin dubartiin takka cubbuuwwan ilmaan namootaa keessaa isa kam iyyuu yoo raawwatanii fi Yihowaadhaaf amanamoo utuu hin taʼin yoo hafan, isaan yakkamtoota ni taʼu.+ 7 Namni sun cubbuu hojjete sana haa himatu;*+ yakka isaatiifis kiisii godhee gatii guutuu haa kaffalu; akkasumas gatii sana keessaa harka shan keessaa harka tokko itti dabalee haa kaffalu;+ isas nama balleessaa irratti raawwate sanaaf haa kennu. 8 Namni miidhame sun fira dhihoo kiisii sana fudhatu hin qabu yoo taʼe garuu, kiisiin sun Yihowaadhaaf haa deebiʼu; kiisiin sun korbeessa hoolaa araaraaf dhihaatu isa lubichi ittiin araara isaaf argamsiisu sanaa wajjin kan lubichaa ni taʼa.+

9 “‘Buusiin qulqulluun+ Israaʼelota irraa fudhatamuu fi lubichaaf dhihaatu kam iyyuu kan lubichaa ni taʼa.+ 10 Wantoonni qulqulluun tokkoon tokkoon namaa dhiheessu kanuma isaa taʼee itti fufa. Wanti tokkoon tokkoon namaa lubichaaf kennu kam iyyuu, kan lubichaa ni taʼa.’”

11 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 12 “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Haati manaa nama tokkoo karaa irraa yoo gortee fi isaaf amanamtuu utuu hin taʼin yoo hafte, 13 namni kan biraan ishii wajjin saalqunnamtii kan raawwate+ taʼus, abbaan manaa ishii kana yoo beekuu baatee fi dhimmi isaa akkuma dhokfametti yoo ture, kanaanis ishiin yoo of xureessitee fi namni ishii irratti ragaa baʼu yoo dhabame, akkasumas ishiin hin qabamne yoo taʼe akkana haa godhamu: 14 Abbaan manaa ishii waan ishiin of xureessiteef yoo hinaafee fi amanamummaa haadha manaa isaa yoo shakke, yookiin utuu ishiin of hin xureessin yoo hinaafee fi amanamummaa haadha manaa isaa yoo shakke, 15 namichi haadha manaa isaa fi aarsaa ishii ilaalchisee dhihaatu, jechuunis daakuu garbuu eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko* gara lubichaatti haa fidu. Kun aarsaa midhaanii hinaaffaa ilaalchisee dhihaatu, jechuunis aarsaa midhaanii yakka yaadachiisuuf dhihaatu waan taʼeef, inni isa irratti zayitii dhangalaasuus taʼe ixaana adii isa irra kaaʼuu hin qabu.

16 “‘Lubichis gara fuulduraatti ishii fidee Yihowaa dura akka dhaabbattu godha.+ 17 Lubichi miʼa suphee irraa tolfametti bishaan qulqulluu ni fudhata; achiis lafa godoo qulqulluu sanaa irraa biyyoo muraasa fudhatee bishaanicha keessatti naqa. 18 Lubichi dubartittiin Yihowaa dura akka dhaabbattu ni godha; rifeensa ishiis ni hiika; aarsaa midhaanii yaadannoodhaaf dhihaatu, jechuunis aarsaa midhaanii hinaaffaa ilaalchisee dhihaatu+ sana barruu ishii irra kaaʼa; achiis lubichi bishaan hadhaaʼaa isa abaarsa fidu sana harka isaa irratti qabata.+

19 “‘Lubichis akkana jedhee dubartittii kakachiisa: “Ati aangoo abbaa manaa keetii jala utuu jirtuu nama kan biraa wajjin saalqunnamtii hin raawwanne yoo taʼe,+ karaa irraa maquudhaanis hin xuroofne yoo taʼe, miidhaa bishaan hadhaaʼaan abaarsa fidu kun geessisu irraa bilisa taʼi. 20 Aangoo abbaa manaa keetii jala utuu jirtuu of xureessuudhaan karaa irraa yoo gortee fi abbaa manaa keetiin alatti nama kan biraa wajjin saalqunnamtii raawwatteetta+ yoo taʼe garuu . . .” 21 Achiis lubichi dubartittiin kakaa abaarsa qabu akka kakattu godha; dubartittiidhaanis akkana jedha: “Yihowaan gudeedni* kee akka shuntuuruu* fi garaan kee akka dhiitaʼu gochuudhaan, Yihowaan saba kee gidduutti nama abaarsaa fi nama kakaa si haa godhu. 22 Bishaan abaarsa fidu kun, garaan kee akka dhiitaʼuu fi gudeedni* kee akka shuntuuru* gochuuf gara marʼimaan keetti ni seena.” Yeroo kanatti dubartittiin, “Ameen! Ameen!”* haa jettu.

23 “‘Lubichis abaarsa kana kitaaba keessatti barreessee bishaan hadhaaʼaa sanaan irraa haa dhiqu. 24 Achiis inni bishaan hadhaaʼaa abaarsa fidu sana dubartittii ni obaasa; bishaan abaarsa fidu sunis ishii keessa seenee miidhaa hadhaaʼaa ishiitti fida. 25 Lubichis aarsaa midhaanii hinaaffaa ilaalchisee dhihaatu+ sana harka dubartittii irraa fuudhee aarsaa midhaanii sana Yihowaa duratti asii fi achi haa sochoosu; achiis iddoo aarsaa biratti isa fida. 26 Lubichis aarsaa midhaanii sana keessaa hammaarraa tokko fuudhee guutummaa aarsichaa kan bakka buʼu gochuudhaan aarsaa ibiddaan dhihaatu godhee iddoo aarsaa irratti ni aarsa;+ sana booda dubartittiin bishaanicha akka dhugdu godha. 27 Yommuu bishaanicha akka dhugdu godhus, ishiin of xureessiteetti yoo taʼee fi abbaa manaa ishiitiif amanamtuu utuu hin taʼin hafteetti yoo taʼe, bishaan abaarsa fidu sun ishii keessa seenee miidhaa hadhaaʼaa ishiitti ni fida; garaan ishii ni dhiitaʼa; gudeedni* ishiis ni shuntuura;* dubartittiinis saba ishii gidduutti nama abaarsaa ni taati. 28 Dubartittiin kan of hin xureessinee fi qulqulluu yoo taate garuu, abaarsa akkanaa irraa bilisa ni taati; sana booda ulfaaʼuu fi ijoollee daʼuu ni dandeessi.

29 “‘Seerri hinaaffaa ilaalchisee kenname kana dha, dubartiin takka aangoo abbaa manaa ishii jala utuu jirtuu karaa irraa yoo gortee fi yoo of xureessite, 30 yookiin dhiirri tokko yoo hinaafee fi amanamummaa haadha manaa isaa yoo shakke, inni haadha manaa isaa Yihowaa dura haa dhaabbachiisu; lubichis seera kana hundumaa ishii irratti haa raawwatu. 31 Namichi yakka irraa bilisa ni taʼa; haati manaa isaa garuu yakka ishiitiif itti gaafatamti.’”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi