LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Hojii Ergamootaa 16
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Hojii Ergamootaa

      • Phaawulos Ximotewosiin filate (1-5)

      • Mulʼata namicha Maqedooniyaa (6-10)

      • Filiphisiyusitti Liidiyaan ni amante (11-15)

      • Phaawulosii fi Siilaas ni hidhaman (16-24)

      • Eegduun mana hidhaa fi namoonni mana isaa ni cuuphaman (25-34)

      • Phaawulos abbootiin taayitaa dhiifama akka isaan gaafatan gaafate (35-40)

Hojii Ergamootaa 16:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 14:5-7; 2Xi 3:11
  • +HoE 19:22; Rom 16:21; 1Qo 4:17; 1Ta 3:2; 1Xi 1:2

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 138-139

Hojii Ergamootaa 16:2

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 139

    Masaraa Eegumsaa,

    12/15/2009, ful. 11

    5/15/2009, ful. 14

Hojii Ergamootaa 16:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Qo 9:20

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 139

    Masaraa Eegumsaa,

    5/15/2008, ful. 32

    12/1/2003,

Hojii Ergamootaa 16:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 15:28, 29

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 140

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 54

Hojii Ergamootaa 16:5

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 140

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 54

Hojii Ergamootaa 16:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 18:23

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 141

    Masaraa Eegumsaa,

    1/15/2012, ful. 10-11

    5/15/2008, ful. 32

Hojii Ergamootaa 16:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Ph 1:1

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 141-143

    Masaraa Eegumsaa,

    1/15/2012, ful. 10-11

    5/15/2008, ful. 32

Hojii Ergamootaa 16:8

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Miisiyaa keessa.”

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 141-143

    Masaraa Eegumsaa,

    1/15/2012, ful. 10-11

Hojii Ergamootaa 16:9

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 143

    Masaraa Eegumsaa,

    1/15/2012, ful. 10-11

Hojii Ergamootaa 16:10

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 13, 143

Hojii Ergamootaa 16:11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 142

Hojii Ergamootaa 16:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Flp 1:1

Hojii Ergamootaa 16:14

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 1:11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 150

Hojii Ergamootaa 16:15

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 16:33; 18:8

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 150

    Barsiisaa, ful. 95

Hojii Ergamootaa 16:16

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “raaga.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 19:31; 20:6

Hojii Ergamootaa 16:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mar 1:23, 24; Luq 4:41

Hojii Ergamootaa 16:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 17:18; Mar 1:25, 26, 34; Luq 9:1; 10:17

Hojii Ergamootaa 16:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 19:24, 25
  • +Mat 10:18

Hojii Ergamootaa 16:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 17:6

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Hiika Addunyaa Haaraa, ful. 2084

Hojii Ergamootaa 16:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Ta 2:2

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 147

Hojii Ergamootaa 16:23

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, dhaananii.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 21:12

Hojii Ergamootaa 16:24

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 147

    Hiika Addunyaa Haaraa, ful. 2097

Hojii Ergamootaa 16:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Efe 5:19; Qol 3:16

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 147-148

Hojii Ergamootaa 16:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 5:18-20; 12:7

Hojii Ergamootaa 16:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 12:18, 19

Hojii Ergamootaa 16:30

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 147-148

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    5/2018, ful. 19-20

Hojii Ergamootaa 16:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 3:16; 6:47

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 140

Hojii Ergamootaa 16:32

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 148

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    3/2018, ful. 10

Hojii Ergamootaa 16:33

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 8:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 110

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 148

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    3/2018, ful. 10

Hojii Ergamootaa 16:37

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 22:25; 23:27

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    4/1/2015, ful. 15

Hojii Ergamootaa 16:38

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 22:27-29

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 149

Hojii Ergamootaa 16:40

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Qo 1:3, 4

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 150

Yaada Wal Simu

HoE. 16:1HoE 14:5-7; 2Xi 3:11
HoE. 16:1HoE 19:22; Rom 16:21; 1Qo 4:17; 1Ta 3:2; 1Xi 1:2
HoE. 16:31Qo 9:20
HoE. 16:4HoE 15:28, 29
HoE. 16:6HoE 18:23
HoE. 16:71Ph 1:1
HoE. 16:12Flp 1:1
HoE. 16:14Mul 1:11
HoE. 16:15HoE 16:33; 18:8
HoE. 16:16Lew 19:31; 20:6
HoE. 16:17Mar 1:23, 24; Luq 4:41
HoE. 16:18Mat 17:18; Mar 1:25, 26, 34; Luq 9:1; 10:17
HoE. 16:19HoE 19:24, 25
HoE. 16:19Mat 10:18
HoE. 16:20HoE 17:6
HoE. 16:221Ta 2:2
HoE. 16:23Luq 21:12
HoE. 16:25Efe 5:19; Qol 3:16
HoE. 16:26HoE 5:18-20; 12:7
HoE. 16:27HoE 12:18, 19
HoE. 16:31Yoh 3:16; 6:47
HoE. 16:33HoE 8:12
HoE. 16:37HoE 22:25; 23:27
HoE. 16:38HoE 22:27-29
HoE. 16:402Qo 1:3, 4
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
  • 38
  • 39
  • 40
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Hojii Ergamootaa 16:1-40

Hojii Ergamootaa

16 Phaawulos Darbee gaʼe; achiis Lisxiraa dhaqe.+ Barataan Ximotewos jedhamu tokko achi jira ture;+ haati isaa Yihudii Gooftaatti amantu yeroo taatu, abbaan isaa garuu nama Giriikii ture; 2 Ximotewos obboloota Lisxiraa fi Iqooniyum biratti maqaa gaarii qaba ture. 3 Phaawulos, Ximotewos isaa wajjin akka deemu kan barbaadu taʼuu isaa ibse; kanaafuu, Yihudoota naannoowwan sana jiraniif jedhee fuudhee dhaqna isa qabe;+ sababiin isaas, hundi isaanii abbaan isaa nama Giriikii akka taʼe beeku turan. 4 Magaalota keessa darban hundattis, murtoo ergamoonnii fi jaarsoliin Yerusaalem keessa jiran murteessan akka eegan obboloota achi jiranitti himu turan.+ 5 Akka kanaan, gumiiwwan amantiitti cimaa fi guyyuma guyyaadhaan lakkoofsaan dabalaa deeman.

6 Kana malees, hafuurri qulqulluun dubbicha koonyaa Eeshiyaa keessatti akka hin dubbanne waan isaan dhowweef, Firgiyaa fi biyya Galaatiyaa keessa darbanii deeman.+ 7 Yommuu gara Miisiyaatti gad buʼanis, gara Bitiiniyaatti seenuuf carraaqqii godhan;+ haa taʼu malee, hafuurri Yesuus isaaniif hin heyyamne. 8 Kanaafuu, karaa Miisiyaa* darbanii gara Xiroʼaasitti gad buʼan. 9 Achiis Phaawulos halkan sana namni Maqedooniyaa tokko achi dhaabbatee, “Gara Maqedooniyaatti ceʼiitii nu gargaari” jedhee yommuu isa kadhatu mulʼataan arge. 10 Akkuma inni mulʼata kana argeenis, Waaqayyo misiraachicha akka isaaniif lallabnu nu waameera jennee waan yaadneef gara Maqedooniyaa dhaquuf yaalle.

11 Kanaafuu, dooniidhaan Xiroʼaasii kaanee kallattiidhaan gara Saamotraaqee dhaqne; guyyaa itti aanutti immoo gara Niyaapholiis deemne; 12 achii kaanees, gara Filiphisiyus+ ishii magaalaa guddoo koonyaa Maqedooniyaa taatee fi kolonii Roomaa jala turtee dhaqne. Guyyoota muraasaafis magaalaa kana keessa turre. 13 Guyyaa Sanbataattis gad baanee, bakka karra magaalattiidhaa ala laga qarqaratti argamuu fi kadhannaan itti godhama jennee yaanne tokko dhaqne; achi teenyees dubartoota walitti qabamaniif lallabuu jalqabne. 14 Yeroo kanatti dubartiin Liidiyaa jedhamtu, uffata bifa dhiilgee magaalaa Tiyaaxiraadhaa+ dhufe gurgurtuu fi Waaqayyoon waaqeffattu tokko ni dhaggeeffatti turte; Yihowaanis* wanta Phaawulos dubbatu xiyyeeffannaadhaan akka dhaggeeffattu garaa ishii akka gaariitti ishiidhaaf ni bane. 15 Ishiinii fi namoonni mana ishii jiran erga cuuphamanii+ booda, “Yihowaadhaaf* amanamtuu akkan taʼetti yoo na ilaaltan, kottaatii mana koo boqodhaa” jettee nu kadhatte. Akka mana seennus nu dirqisiiste.

16 Gaaf tokko gara bakka kadhannaa dhaqaa utuu jirruu, tajaajiltuun hafuura xuraaʼaa hooda* dubbachiisu qabdu tokko+ nutti dhufte. Ishiin hooda dubbachuudhaan gooftolii ishiitiif buʼaa hedduu argamsiisti turte. 17 Intalli tun Phaawulosii fi nu duukaa buutee, “Namoonni kun garboota Waaqa Hundaa Olii+ warra daandii fayyinaa isiniif labsani dha” jettee iyyiti turte. 18 Ishiin guyyoota hedduudhaaf akkasuma gochaa turte. Dhuma irrattis Phaawulos waan nuffeef duubatti garagalee hafuurichaan, “Maqaa Yesuus Kiristoosiin ishii keessaa akka baatu sin ajaja” jedhe. Hafuurichis yeruma sana ishii keessaa baʼe.+

19 Gooftoliin ishiis abdiin buʼaa argachuuf qaban akka bade yommuu hubatan,+ Phaawulosii fi Siilaasiin qabanii lafa irra harkisaa bakka gabaatti gara bulchitootaatti geessan.+ 20 Gara bulchitoota magaalattiitti isaan geessanii akkana jedhan: “Namoonni kun magaalaa keenya akka malee jeeqaa jiru.+ Isaan Yihudoota yommuu taʼan, 21 nuti namoota Roomaa taanee utuu jirruu aadaa akka fudhannus taʼe akka ittiin jiraannu nuuf hin heyyamamne labsaa jiru.” 22 Namoonni hedduun sunis tokkummaadhaan isaan irratti kaʼan; bulchitoonni magaalattii uffata isaanii erga isaan irratti tarsaasanii booda, uleedhaan akka reebaman ajajan.+ 23 Garmalee erga isaan reebanii* booda mana hidhaatti isaan galchanii, eegduun mana hidhaa sun jabeessee akka isaan eegu ajajan.+ 24 Innis ajajni kun waan isaaf kennameef, kutaa mana hidhaa isa keessaatti isaan galchee miila isaanii jirma gidduu galchee hidhe.

25 Gara halkan walakkaa garuu Phaawulosii fi Siilaas kadhachaa fi faarfannaadhaan Waaqayyoon jajachaa turan;+ hidhamtoonnis isaan dhaggeeffatu turan. 26 Akkuma tasaa kirkirri lafaa guddaan waan uumameef hundeen mana hidhaa sanaa ni raafame. Yeruma sana balballi hundi ni baname; funcaan hundi isaanii ittiin hidhaman isaan irraa ni hiikame.+ 27 Eegduun mana hidhaa sun dammaqee balbaloonni mana hidhaa akka banaman yommuu argu, namoonni hidhaman kan badan waan itti fakkaateef goraadee isaa luqqifatee of ajjeesuuf kaʼe.+ 28 Phaawulos garuu sagalee guddaadhaan, “Of hin miidhin, hundi keenya iyyuu asuma jirra!” jedhe. 29 Kanaafuu, ibsaa akka isaaf fidan gaafatee ariitiidhaan gara keessaatti seene; achiis hollachaa miila Phaawulosii fi Siilaas jalatti kufe. 30 Gad isaan baasees, “Gooftolii koo, fayyuuf maal gochuun qaba?” isaaniin jedhe. 31 Isaanis, “Gooftaa Yesuusitti amani, atii fi maatiin kee ni fayyitu” isaan jedhan.+ 32 Achiis isaa fi warra mana isaa keessa jiran hundatti dubbii Yihowaa* himan. 33 Halkanuma sanas saʼaatii sanatti fuudhee deemee madaa isaanii isaaniif dhiqe. Sana booda innii fi guutummaan maatii isaa dafanii cuuphaman.+ 34 Gara mana isaatti isaan geessees nyaata isaaniif dhiheesse; inni Waaqayyotti waan amaneef, guutummaa maatii isaa wajjin baayʼee gammade.

35 Yommuu bariʼus bulchitoonni magaalattii, “Namoota sana gadhiisi” jedhanii akka itti himaniif eegdota isatti ergan. 36 Eegduun mana hidhaa sunis, “Bulchitoonni magaalattii lamaan keessan iyyuu akka gadhiifamtan namoota erganiiru. Kanaafuu, amma gad baʼaatii nagaadhaan deemaa” jedhee wanta isaan jedhan Phaawulositti hime. 37 Phaawulos garuu akkana isaaniin jedhe: “Nuti lammii Roomaa taanee utuu jirruu, murtii malee uummata duratti nu garafanii+ mana hidhaatti nu galchaniiru. Amma immoo dhoksaatti gad nu baasuu barbaaduu? Matumaa hin taʼu! Ofuma isaaniitii dhufanii nu haa baasan.” 38 Eegdonni sunis wanta jedhame kana bulchitoota magaalattiitti himan. Bulchitoonni magaalattiis, isaan lammii Roomaa taʼuu isaanii yommuu dhagaʼan baayʼee sodaatan.+ 39 Kanaafuu, dhufanii isaan kadhatan; mana hidhaatii erga isaan baasanii boodas magaalattii gadhiisanii akka deeman isaan gaafatan. 40 Isaan garuu mana hidhaa keessaa baʼanii gara mana Liidiyaa dhaqan; achittis obboloota arganii erga isaan jajjabeessanii+ booda baʼanii deeman.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi