LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 18
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 2 Moototaa

      • Hisqiyaas mootii Yihudaa (1-8)

      • Seenaa kufaatii Israaʼel (9-12)

      • Senaaheriib Yihudaa weerare (13-18)

      • Raabshaaqichi Yihowaa arrabse (19-37)

2 Mootota 18:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 15:30; 17:1
  • +2Se 28:27; Mat 1:9
  • +2Mo 16:2, 20

2 Mootota 18:2

Miiljaleewwan

  • *

    Maqaan Abiyaa gabaabaatti yommuu barreeffamu dha.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 29:1, 2

2 Mootota 18:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 15:5
  • +2Mo 20:3; 2Se 31:20, 21; Fr 119:128

2 Mootota 18:4

Miiljaleewwan

  • *

    Ibsa Jechootaa ilaali.

  • *

    Ykn., “Nehushtaan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 33:52; 1Mo 3:2; 2Mo 14:1, 4
  • +Kes 7:5; 12:3; 2Se 31:1
  • +Lak 21:8, 9

2 Mootota 18:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 19:15; 2Se 32:7, 8

2 Mootota 18:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 10:20; Iya 23:8

2 Mootota 18:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 16:7

2 Mootota 18:8

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, bakka namoonni wal irraa faffacaʼanii itti jiraatanittis taʼe heddumminaan keessa jiraatan hundatti.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 28:18, 19; Isa 14:28, 29

2 Mootota 18:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 17:1
  • +2Mo 17:3-6

2 Mootota 18:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Hos 13:16; Amo 3:11; Mik 1:6

2 Mootota 18:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 8:4; Amo 6:1, 7
  • +2Mo 17:6; 1Se 5:26

2 Mootota 18:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 8:20; 1Mo 14:15

2 Mootota 18:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 10:5
  • +2Se 32:1; Isa 36:1

2 Mootota 18:14

Miiljaleewwan

  • *

    Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

2 Mootota 18:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 12:18; 16:8; 2Se 16:2, 3

2 Mootota 18:16

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, warqiidhaan uwwise.

  • *

    Kal., “kutee.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 6:33-35
  • +2Se 29:1, 3

2 Mootota 18:17

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “ajajaa sana.”

  • *

    Ykn., “abbaa taayitaa mana mootummaa isa ol aanaa.”

  • *

    Ykn., “ajajaa warra dhugaatii dhiheessanii.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 15:20, 39; 2Se 11:5, 9
  • +2Se 32:9
  • +Isa 36:2, 3

2 Mootota 18:18

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “mana mootummaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 19:2; Isa 22:20-24
  • +Isa 22:15-19

2 Mootota 18:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 32:10; Isa 36:4-10

2 Mootota 18:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 18:7

2 Mootota 18:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 30:1, 2

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    7/15/2010, ful. 12-13

2 Mootota 18:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 32:8
  • +2Se 31:1
  • +Kes 12:11, 13; 2Se 32:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    7/15/2010, ful. 13

2 Mootota 18:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 10:12, 13

2 Mootota 18:26

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Sooriyaatiin.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 18:18
  • +2Mo 18:17
  • +Iz 4:7; Dan 2:4
  • +Isa 36:11, 12

2 Mootota 18:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 36:13-20

2 Mootota 18:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 32:15

2 Mootota 18:31

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Anaa wajjin eebbisaa, gara koottis baʼaa.”

2 Mootota 18:37

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “mana mootummaa.”

Yaada Wal Simu

2Mot. 18:12Mo 15:30; 17:1
2Mot. 18:12Se 28:27; Mat 1:9
2Mot. 18:12Mo 16:2, 20
2Mot. 18:22Se 29:1, 2
2Mot. 18:31Mo 15:5
2Mot. 18:32Mo 20:3; 2Se 31:20, 21; Fr 119:128
2Mot. 18:4Lak 33:52; 1Mo 3:2; 2Mo 14:1, 4
2Mot. 18:4Kes 7:5; 12:3; 2Se 31:1
2Mot. 18:4Lak 21:8, 9
2Mot. 18:52Mo 19:15; 2Se 32:7, 8
2Mot. 18:6Kes 10:20; Iya 23:8
2Mot. 18:72Mo 16:7
2Mot. 18:82Se 28:18, 19; Isa 14:28, 29
2Mot. 18:92Mo 17:1
2Mot. 18:92Mo 17:3-6
2Mot. 18:10Hos 13:16; Amo 3:11; Mik 1:6
2Mot. 18:11Isa 8:4; Amo 6:1, 7
2Mot. 18:112Mo 17:6; 1Se 5:26
2Mot. 18:12Kes 8:20; 1Mo 14:15
2Mot. 18:13Isa 10:5
2Mot. 18:132Se 32:1; Isa 36:1
2Mot. 18:152Mo 12:18; 16:8; 2Se 16:2, 3
2Mot. 18:161Mo 6:33-35
2Mot. 18:162Se 29:1, 3
2Mot. 18:17Iya 15:20, 39; 2Se 11:5, 9
2Mot. 18:172Se 32:9
2Mot. 18:17Isa 36:2, 3
2Mot. 18:182Mo 19:2; Isa 22:20-24
2Mot. 18:18Isa 22:15-19
2Mot. 18:192Se 32:10; Isa 36:4-10
2Mot. 18:202Mo 18:7
2Mot. 18:21Isa 30:1, 2
2Mot. 18:222Se 32:8
2Mot. 18:222Se 31:1
2Mot. 18:22Kes 12:11, 13; 2Se 32:12
2Mot. 18:23Isa 10:12, 13
2Mot. 18:262Mo 18:18
2Mot. 18:262Mo 18:17
2Mot. 18:26Iz 4:7; Dan 2:4
2Mot. 18:26Isa 36:11, 12
2Mot. 18:28Isa 36:13-20
2Mot. 18:292Se 32:15
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
2 Mootota 18:1-37

Mootota Lammaffaa

18 Hosheʼaan+ ilmi Eelaa mootiin Israaʼel mootii taʼee waggaa sadaffaa isaatti, Hisqiyaas+ ilmi Akaaz+ mootii Yihudaa mootii ni taʼe. 2 Inni yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 25 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 29f ni bulche. Maqaan haadha isaa Abii* yeroo taʼu, ishiin intala Zakkaariyaas turte.+ 3 Akkuma abbaan isaa Daawit godhetti,+ innis wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni godhe.+ 4 Iddoowwan ol kaʼoo kan balleesse,+ siidaawwan waaqeffannaa kan caccabsee fi utubaa waaqeffannaa* kan mummure isa ture.+ Inni bofa sibiila diimaa isa Museen hojjete sanas ni caccabse;+ sababiin isaas, namoonni Israaʼel hamma yeroo sanaatti bofichaaf aarsaa aarfamu ni dhiheessu turan; innis waaqa tolfamaa bofa sibiila diimaa* jedhama ture. 5 Inni Yihowaa Waaqa Israaʼelitti ni amaname;+ mootota Yihudaa warra isa boodas taʼe isa dura turan keessaa kan akka isaa hin turre. 6 Inni Yihowaatti ni maxxane.+ Isa duukaa buʼuu irraas hin gorre; ajajawwan Yihowaan Museedhaaf kenne ni eege. 7 Yihowaanis isaa wajjin ture. Wanta hojjetu hunda ogummaadhaan raawwata ture. Inni mootii Asoor irratti fincila ni kaase; isa tajaajiluus ni dide.+ 8 Akkasumas, hamma Gaazaa fi hamma naannoowwan ishiitti deemuudhaan, masaraa eegumsaa irraa jalqabee hamma magaalaa dallaa dhagaa qabduutti* Filisxeemota+ ni moʼe.

9 Hisqiyaas Mootichi mootii taʼee waggaa arfaffaa isaatti, jechuunis Hosheʼaan+ ilmi Eelaa mootiin Israaʼel mootii taʼee waggaa torbaffaa isaatti, Shaalmaanesar mootiin Asoor gara Samaariyaa dhufee ishiitti marsuu jalqabe.+ 10 Isaanis dhuma waggaa sadaffaatti ishii ni qabatan;+ Hisqiyaas mootii taʼee waggaa jaʼaffaa isaatti, jechuunis Hosheʼaan mootiin Israaʼel mootii taʼee waggaa saglaffaa isaatti Samaariyaan ni qabamte. 11 Achiis mootiin Asoor Israaʼelota boojiʼee+ gara Asooritti geessuudhaan, Haalaa fi Haaboor isa laga Goozaan bira jiru keessa, akkasumas magaalota Meedon keessa isaan qubachiise.+ 12 Kunis kan taʼe, isaan sagalee Waaqa isaanii Yihowaa waan hin dhageenyeef, akkasumas kakuu isaa isa Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe isaan ajaje hunda waan cabsaniif ture.+ Isaan hin dhageenye; hin ajajamnes.

13 Hisqiyaas Mootichi mootii taʼee waggaa 14ffaa isaatti, Senaaheriib mootiin Asoor+ gara magaalota Yihudaa warra dallaa dhagaa qaban hundumaa dhufee isaan qabate.+ 14 Kanaafuu, Hisqiyaas mootiin Yihudaa, “Ani balleesseera. Ana irraa deebiʼi; wanta ati na gaafatte hunda siifan kenna” jedhee gara mootii Asoor isa Laakiishitti argamutti dhaamsa erge. Mootiin Asooris adaba meetii taalaantii* 300 fi warqii taalaantii 30 akka kaffalu Hisqiyaas mootii Yihudaatti murteesse. 15 Kanaafuu, Hisqiyaas meetii mana Yihowaa keessatti argamuu fi manneen qabeenyaa mana mootichaa keessatti argamu hunda isaaf ni kenne.+ 16 Yeroo kanatti Hisqiyaas balbaloota mana qulqullummaa+ Yihowaa fi maqaaniiwwan Hisqiyaas mootiin Yihudaa ofuma isaatii uwwise*+ buqqisee* mootii Asooriif ni kenne.

17 Achiis mootiin Asoor Taartaanicha,* Raabsaarisichaa* fi Raabshaaqicha* raayyaa waraanaa guddaa tokkoo wajjin Laakiish+ irraa gara Hisqiyaas Mooticha isa Yerusaalem keessa jiruutti ni erge.+ Isaanis gara Yerusaalemitti ol baʼanii boʼoo bishaan kuufamaa isa olii bira, jechuunis daandii guddaa isa gara maasii namicha uffata miiccuutti geessu bira dhaabbatan.+ 18 Akka gad baʼuuf yommuu mooticha waamanis, Eliyaaqiim+ ilmi Hilqiyaa inni manicha* irratti itti gaafatamaa taʼe, Shebnaan+ inni barreessaa taʼee fi Yoʼaan ilmi Asaaf inni barreessaa seenaa taʼe isaanitti gad ni baʼan.

19 Kanaafuu, Raabshaaqichi akkana isaaniin jedhe: “Maaloo, Hisqiyaasiin akkana jedhaa: ‘Mootii isa guddaa kan taʼe mootiin Asoor akkana jedha: “Amanannaa akkanaa akka qabaattu kan si godhe maali dha?+ 20 Ati, ‘Ani tooftaa fi humna waraanaaf na barbaachisu qaba’ jetta; kun garuu dubbii gatii hin qabne dha. Ana irratti fincila kaasuuf kan onnatte, eenyutti amanattee ti?+ 21 Kunoo, ati deggersa Gibxii ishii shomboqqoo caccabaa taatee fi namni tokko yoo itti hirkate barruu isaa waraantu sanaatti amanatteetta.+ Faraʼoon mootiin Gibxii warra isatti amanatan hundumaatiif akkanuma dha. 22 Isin, ‘Nuti Waaqa keenya Yihowaatti amananna’+ yoo naan jettan garuu, Hisqiyaas Yihudaa fi Yerusaalemiin, ‘Isin sagaduu kan qabdan iddoo aarsaa Yerusaalem keessa jiru kana duratti dha’+ jedhee, iddoowwan ol kaʼoo fi iddoowwan aarsaa isaa diigeera mitii?”’+ 23 Kanaafuu, maaloo, amma gooftaa koo mootii Asoorii wajjin wal morkadhu: Ati namoota isaan gulufan argachuu yoo dandeesse, ani fardeen 2,000 siifan kenna.+ 24 Ati gaariiwwan fardaa fi abbootii fardeenii argachuuf Gibxiitti amanattee utuu jirtuu, tajaajiltoota gooftaa kootii keessaa bulchaa isa hunda irra gad aanu tokko illee akkamitti of irraa deebisuu dandeessa? 25 Ishii balleessuuf gara naannoo kanaatti kanan ol baʼe heyyama Yihowaa malee sitti fakkaataa? Yihowaan iyyuu, ‘Gara biyya kanaatti ol baʼiitii ishii balleessi’ naan jedheera.”

26 Yeroo kanatti Eliyaaqiim ilmi Hilqiyaa, Shebnaanii+ fi Yoʼaan Raabshaaqichaan,+ “Nuti afaanicha waan dandeenyuuf, maaloo, Afaan Aaraamiin*+ nu tajaajiltoota keetti dubbadhu malee, afaan Yihudootaa isa namoonni dallicha irra jiran dhagaʼaniin nutti hin dubbatin” jedhan.+ 27 Raabshaaqichi garuu, “Gooftaan koo kan na erge, wanta kana gooftaa keettii fi sitti qofa akkan himuufii? Namoota dallicha irra taaʼan, warra isinii wajjin bobbaa isaanii nyaachuu fi fincaan isaanii dhuguuf jiran sanattis akkan dubbadhuuf mitii?” isaaniin jedhe.

28 Achiis Raabshaaqichi dhaabbatee sagalee isaa ol kaasee afaan Yihudootaatiin akkana jedhe: “Dubbii mootii Asoor, mooticha isa guddaa dhagaʼaa.+ 29 Mootichi akkana jedha: ‘Hisqiyaas harka koo jalaa isin oolchuu waan hin dandeenyeef, inni isin hin gowwoomsin.+ 30 Akkasumas Hisqiyaas, “Yihowaan dhugumaan nu oolcha; magaalaan kunis harka mootii Asooritti hin kennamtu” jedhee Yihowaatti akka amanattan isin hin godhin. 31 Hisqiyaasiin hin dhagaʼinaa; mootiin Asoor akkana jedha: “Anaa wajjin nagaa uumaa; harka keessanis kennadhaa;* tokkoon tokkoon keessan muka wayinii ofii keessanii fi muka harbuu ofii keessanii irraa ni nyaattu; boolla bishaanii ofii keessanii keessaas ni dhugdu; 32 kunis, hamma ani dhufee biyya ishii akka biyya keessanii taatetti, biyya midhaanii fi biyya daadhii wayinii haaraatti, biyya daabboo fi biyya maasii wayiniitti, biyya mukeetii ejersaa fi biyya dammaatti isin geessutti ni taʼa. Isinis lubbuudhaan ni jiraattu malee hin duutan. Hisqiyaas, ‘Yihowaan nu oolcha’ jedhee waan isin dogoggorsuuf, isa hin dhagaʼinaa. 33 Waaqolii sabootaa keessaa biyya isaa harka mootii Asoor jalaa kan oolche jiraa? 34 Waaqoliin Hamaatii fi Arpaad meerre? Waaqoliin Sefaarwaayim, Heenaa fi Iiwaa meerre? Isaan Samaariyaa harka koo jalaa oolchaniiruu? 35 Waaqolii biyyoota kanaa hunda keessaa biyya isaa harka koo jalaa oolchuu kan dandaʼe eenyu? Maarree, Yihowaan akkamitti Yerusaalemiin harka koo jalaa oolchuu dandaʼa?”’”

36 Mootichi, “Deebii isaaf hin kenninaa” jedhee ajajee waan tureef, namoonni sun calluma jedhan; waan tokko illee isaaf hin deebisne. 37 Haa taʼu malee, Eliyaaqiim ilmi Hilqiyaa inni manicha* irratti itti gaafatamaa taʼe, Shebnaan inni barreessaa taʼee fi Yoʼaan ilmi Asaaf inni barreessaa seenaa taʼe uffata isaanii tarsaasanii gara Hisqiyaas dhufanii wanta Raabshaaqichi jedhe isatti himan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi