Fakkeenya
26 Akkuma cabbiin yeroo bonaatiif, bokkaanis yeroo makaraatiif hin taanetti,
Ulfinnis nama gowwaadhaaf hin taʼu.+
2 Akkuma simbirri baqachuuf, dimbiixiinis barrisuuf sababa qabdutti,
Abaarsis sababa gaʼaa malee namatti hin dhufu.*
4 Atis akkuma isaa akka hin taanetti,*
Nama gowwaadhaaf akka gowwummaa isaatti isaaf hin deebisin.
5 Ogeessa akka taʼe akka itti hin dhagaʼamnetti,
Nama gowwaadhaaf akka gowwummaa isaatti isaaf deebisi.+
6 Namni nama gowwaatti imaanaadhaan waa kennatu
Akkuma nama miila isaa naaffisee of miidhuu ti.*
8 Nama gowwaadhaaf ulfina kennuun
Akkuma furrisa irratti dhagaa hidhuu ti.+
9 Fakkeenyi afaan gowwootaa keessaa baʼu
Akkuma qoree harka machooftuu keessa galee ti.
10 Namni nama gowwaa yookiin kara deemaa mindeeffatu
Akkuma nama xiyya darbatee nama hundumaa madeessuu ti.
11 Akkuma sareen hooqqisa ishiitti deebitu
Gowwaanis gowwummaa isaa irra deddeebiʼa.+
12 Nama ogeessa akka taʼetti of ilaalu argiteettaa?+
Isa caalaa namni gowwaan abdii qaba.
13 Namni dhibaaʼaan, “Leenci saafelli karaa irra jira,
Leenci addabaabayii keessa jira!” jedha.+
15 Namni dhibaaʼaan harka isaa saanii golboo keessa ni kaaʼa,
Garuu gara afaan isaatti deebisee fiduun baayʼee isa dadhabsa.+
16 Namni dhibaaʼaan
Namoota deebii gaarii kennan torba caalaa ogeessa akka taʼe itti dhagaʼama.
18 Akkuma maraataa meeshaa waraanaa bobaʼuu fi furguggifamu, akkasumas xiyyaa nama ajjeesu namatti darbatuu,
19 Namni michuu isaa gowwoomsee, “Qoosaan jira!” jedhus akkanuma dha.+
20 Bakka qoraan hin jirretti ibiddi ni dhaama,
Bakka namni maqaa balleessu hin jirrettis lolli ni dhaabbata.+
21 Akkuma cileen barbadaadhaaf, qoraanis ibiddaaf taʼu,
Namni abbaa dubbii taʼes lola qabsiisa.+
22 Dubbiin nama maqaa namaa balleessuu akkuma nyaata miʼaawuu ti;*
Kallattiidhaan gara garaatti gad buʼa.+
24 Namni warra kaan jibbu afaan isaatiin jibba isaa ni dhoksa,
Keessa isaatti garuu gowwoomsaa qabata.
25 Garaa isaa keessa wantoonni jibbisiisoo taʼan torba waan jiraniif,*
Gaarummaadhaan kan dubbatu taʼus isa hin amanin.
26 Jibbi isaa gowwoomsaadhaan kan haguugame taʼus,
Hamminni isaa gumii keessatti ni saaxilama.
27 Namni boolla qotu ofuma isaatii keessatti kufa,
Namni dhagaa gangalchu hundis dhagaan sun isumatti deebiʼa.+
28 Arrabni sobu warra sababa isaatiin miidhaman ni jibba,
Afaan sobaan warra kaan jajus badiisa namatti fida.+