LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Qorontos 12
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 1 Qorontos

      • Kennaawwan hafuuraa (1-11)

      • Qaama tokko, kutaawwan qaamaa hedduu (12-31)

1 Qorontos 12:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Qo 14:1

1 Qorontos 12:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 115:5; An 2:18; 1Qo 8:4; Gal 4:8; 1Ta 1:9

1 Qorontos 12:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Yo 4:2, 3

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    8/1/2007, ful. 9

1 Qorontos 12:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Efe 4:4

1 Qorontos 12:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Efe 4:11

1 Qorontos 12:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Ph 4:11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    12/15/2011, ful. 24-25

1 Qorontos 12:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Qo 14:26

1 Qorontos 12:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Qo 13:2
  • +HoE 3:5-8; 28:8, 9

1 Qorontos 12:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Ibr 2:3, 4
  • +1Yo 4:1
  • +HoE 10:45, 46; 1Qo 14:18
  • +1Qo 14:26

1 Qorontos 12:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rom 12:4, 5

1 Qorontos 12:13

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 110

1 Qorontos 12:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Efe 4:16

1 Qorontos 12:15

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    8/2020, ful. 22-24

1 Qorontos 12:16

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    8/2020, ful. 22-24

1 Qorontos 12:22

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    6/15/2014, ful. 24

1 Qorontos 12:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 3:7, 21

1 Qorontos 12:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rom 12:10; Gal 6:2; Efe 4:25

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 19

1 Qorontos 12:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Ibr 13:3
  • +Rom 12:15

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 19

1 Qorontos 12:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Efe 1:22, 23
  • +Rom 12:4, 5

1 Qorontos 12:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Efe 2:20
  • +HoE 13:1
  • +Efe 4:11
  • +Gal 3:5
  • +HoE 5:16
  • +Ibr 13:17
  • +HoE 2:6, 7

1 Qorontos 12:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Qo 14:4
  • +1Qo 14:5

1 Qorontos 12:31

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “hinaaffaadhaan barbaaduu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Qo 14:1
  • +1Qo 13:8

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    12/15/2009, ful. 26-27

Yaada Wal Simu

1Qor. 12:11Qo 14:1
1Qor. 12:2Fr 115:5; An 2:18; 1Qo 8:4; Gal 4:8; 1Ta 1:9
1Qor. 12:31Yo 4:2, 3
1Qor. 12:4Efe 4:4
1Qor. 12:5Efe 4:11
1Qor. 12:61Ph 4:11
1Qor. 12:71Qo 14:26
1Qor. 12:91Qo 13:2
1Qor. 12:9HoE 3:5-8; 28:8, 9
1Qor. 12:10Ibr 2:3, 4
1Qor. 12:101Yo 4:1
1Qor. 12:10HoE 10:45, 46; 1Qo 14:18
1Qor. 12:101Qo 14:26
1Qor. 12:12Rom 12:4, 5
1Qor. 12:14Efe 4:16
1Qor. 12:23Uma 3:7, 21
1Qor. 12:25Rom 12:10; Gal 6:2; Efe 4:25
1Qor. 12:26Ibr 13:3
1Qor. 12:26Rom 12:15
1Qor. 12:27Efe 1:22, 23
1Qor. 12:27Rom 12:4, 5
1Qor. 12:28Efe 2:20
1Qor. 12:28HoE 13:1
1Qor. 12:28Efe 4:11
1Qor. 12:28Gal 3:5
1Qor. 12:28HoE 5:16
1Qor. 12:28Ibr 13:17
1Qor. 12:28HoE 2:6, 7
1Qor. 12:301Qo 14:4
1Qor. 12:301Qo 14:5
1Qor. 12:311Qo 14:1
1Qor. 12:311Qo 13:8
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
1 Qorontos 12:1-31

Qorontos Tokkoffaa

12 Yaa obboloota koo, waaʼee kennaawwan hafuuraa+ utuu hin beekin akka haftan hin barbaadu. 2 Isin amantoota taʼuu keessan dura, dhiibbaa waaqolii tolfamoon warri dubbachuu hin dandeenye+ isin irra geessisaniin garuma isaan barbaadanitti oofamtanii geeffamaa akka turtan beektu. 3 Namni kam iyyuu hafuura Waaqayyootiin, “Yesuus abaaramaa dha!” jedhee akka hin dubbanne, akkasumas namni kam iyyuu hafuura qulqulluudhaan yoo taʼe malee, “Yesuus Gooftaa dha!” jechuu akka hin dandeenye akka beektan nan barbaada.+

4 Kennaawwan garaa garaa jiru, hafuurri garuu tokkuma;+ 5 tajaajilli garaa garaa jira,+ Gooftaan garuu tokkuma; 6 hojiin garaa garaa jira, Waaqni inni namoonni hundi wantoota kana hundumaa hojjechuu akka dandaʼan gargaaru garuu tokko dha.+ 7 Haa taʼu malee, hafuurri inni kaayyoo faayidaa qabuuf kennamu tokkoon tokkoon namaa irratti ifatti mulʼata.+ 8 Isa tokkoof karaa hafuura sanaa kennaa ogummaadhaan dubbachuutu kennama; isa tokkoof immoo hafuuruma sanaan dandeettii beekumsaan dubbachuutu kennama; 9 isa tokkoof hafuuruma sanaan amantiitu kennama;+ isa tokkoof immoo hafuuruma tokkicha sanaan kennaa fayyisuutu kennama;+ 10 isa tokkoof dinqii hojjechuu,+ isa tokkoof raajii dubbachuu, isa tokkoof wanta geggeessaa hafuuraatiin dubbatame hubachuu,+ isa tokkoof qooqa biraadhaan dubbachuu,+ isa tokkoof immoo qooqa biraa hiikuutu kennama.+ 11 Haa taʼu malee, akkuma barbaadetti nama hundumaatiif dhuunfaatti kennuudhaan hojiiwwan kana hunda kan hojjetu hafuuruma sana dha.

12 Akkuma qaamni utuu tokko taʼee jiruu kutaa qaamaa hedduu qabuu fi kutaawwan qaamaa sun hundis hedduu yoo taʼan iyyuu qaama tokko+ taʼan, Kiristoosis akkasuma. 13 Sababiin isaas, Yihudoonnis taʼe Giriikonni, warri garbummaa jala jiranis taʼe warri bilisooman, hundumti keenya qaama tokko taʼuuf hafuura tokkoon cuuphamneerra; hundi keenya akka dhugnuufis hafuurri tokko nuuf kennameera.

14 Qaamni kutaa tokko irraa utuu hin taʼin, kutaa hedduu irraa ijaarame.+ 15 Miilli, “Ani harka waan hin taaneef, kutaa qaamaa miti” yoo jedhe, kana jechuun isaa kutaa qaamaa akka hin taane isa hin godhu. 16 Gurris, “Ani ija waan hin taaneef, kutaa qaamaa miti” yoo jedhe, kana jechuun isaa kutaa qaamaa akka hin taane isa hin godhu. 17 Guutummaan qaamaa ija utuu taʼee, dhagaʼuun eessa jira ture? Guutummaan qaamaa gurra utuu taʼee, fuunfachuun eessa jira ture? 18 Amma garuu Waaqayyo akkuma barbaadetti kutaa qaamaa hundumaaf iddoo iddoo isaanii isaaniif kenneera.

19 Kutaan qaamaa hundi wal fakkaata utuu taʼee, qaamni eessa jira ture? 20 Haa taʼu malee, kutaawwan qaamaa hedduu yoo taʼan iyyuu, qaamni tokko dha. 21 Ijji harkaan, “Ati na hin barbaachistu” yookiin mataan miilaan, “Ati na hin barbaachistu” jechuu hin dandaʼu. 22 Faallaa kanaatiin, kutaawwan qaamaa dadhaboo fakkaatan barbaachisoo dha; 23 kana malees, kutaawwan qaamaa ulfina akka hin qabne yaannuuf ulfina guddaa kennina;+ kanaafuu, kutaawwan qaamaa keenya itti qaanofnu ulfina guddaa qabu; 24 kutaawwan qaamaa keenya warri miidhagoo taʼan garuu wanti tokko iyyuu isaan hin barbaachisu. Taʼus, Waaqayyo kutaawwan qaamaa ulfinni itti hirʼatuuf ulfina guddaa kennuudhaan qaama walitti qindeesseera; 25 kanas kan godhe, kutaawwan qaamaa akka waliif yaadaniif malee,+ qaama gidduu wal qoqqooduun akka jiraatuuf miti. 26 Kutaan qaamaa tokko yoo dhiphate, kutaawwan qaamaa kaan hundi isaa wajjin ni dhiphatu;+ yookiin kutaan qaamaa tokko yoo ulfina argate, kutaawwan qaamaa kaan hundi isaa wajjin ni gammadu.+

27 Egaa isin qaama Kiristoosi;+ tokkoon tokkoon keessan dhuunfaatti kutaa qaama isaa ti.+ 28 Waaqayyo gumii keessatti namoota garaa garaa, jalqaba ergamoota,+ lammaffaa raajota,+ sadaffaa barsiisota,+ achiis warra dinqii hojjetan,+ warra dandeettii fayyisuu qaban,+ warra namoota kaan tajaajilan, warra dandeettii geggeessuu qaban,+ akkasumas warra dandeettii qooqa biraadhaan dubbachuu qaban+ kenneera. 29 Hundi isaanii ergamootaa? Hundi isaanii raajotaa? Hundi isaanii barsiisotaa? Hundi isaanii dinqii hojjetuu? 30 Hundi isaanii kennaa dandeettii fayyisuu qabuu? Hundi isaanii qooqa biraadhaan dubbatuu?+ Hundi isaanii ni hiikuu?+ 31 Haa taʼu malee, kennaawwan hunda irra caalan argachuuf carraaquu* keessan itti fufaa.+ Ani daandii isa hunda irra caalu isinitti nan argisiisa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi