LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Mulʼata 18
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Mulʼataa

      • Kufaatii “Baabilon Guddittii” (1-8)

        • ‘Yaa saba koo, ishii keessaa baʼaa’ (4)

      • Kufaatii Baabilonitti gadduu (9-19)

      • Samii keessatti kufaatii Baabilonitti gammaduu (20)

      • Baabilon akka dhagaatti galaanatti darbatamti (21-24)

Mulʼata 18:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 21:9; Er 51:8; Mul 14:8
  • +Isa 13:21; Er 50:39

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 58

Mulʼata 18:3

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “dheekkamsa.”

  • *

    Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.

  • *

    Ykn., “daldaltoonni imaltuun.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 51:7
  • +Mul 17:1, 2

Mulʼata 18:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 51:6, 45; 2Qo 6:17
  • +Isa 48:20; 52:11; Er 50:8

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 13

    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!, ful. 18-19

    Masaraa Eegumsaa,

    4/1/2006, ful. 12-14

Mulʼata 18:5

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “yakkawwan ishii.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 51:9
  • +Mul 16:19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 13

Mulʼata 18:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 50:29; 2Ta 1:6
  • +Fr 137:8; Er 50:15
  • +Fr 75:8
  • +Mul 16:19

Mulʼata 18:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 47:7-9

Mulʼata 18:8

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 21:9
  • +Er 50:34

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 13

Mulʼata 18:9

Miiljaleewwan

  • *

    Ibsa Jechootaa ilaali.

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2009, ful. 5

Mulʼata 18:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Dan 4:30

Mulʼata 18:14

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuun kee.”

Mulʼata 18:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 17:4

Mulʼata 18:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 47:11

Mulʼata 18:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 51:48
  • +Mul 14:12
  • +Kes 32:43; Rom 12:19; Mul 6:9, 10; 19:1, 2

Mulʼata 18:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 51:63, 64

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 13

Mulʼata 18:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 47:9; Gal 5:19, 20

Mulʼata 18:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 6:9, 10; 16:5, 6
  • +Uma 9:6; Er 51:49

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 94

    Masaraa Eegumsaa,

    4/1/2006, ful. 13

Yaada Wal Simu

Mul. 18:2Isa 21:9; Er 51:8; Mul 14:8
Mul. 18:2Isa 13:21; Er 50:39
Mul. 18:3Er 51:7
Mul. 18:3Mul 17:1, 2
Mul. 18:4Er 51:6, 45; 2Qo 6:17
Mul. 18:4Isa 48:20; 52:11; Er 50:8
Mul. 18:5Er 51:9
Mul. 18:5Mul 16:19
Mul. 18:6Er 50:29; 2Ta 1:6
Mul. 18:6Fr 137:8; Er 50:15
Mul. 18:6Fr 75:8
Mul. 18:6Mul 16:19
Mul. 18:7Isa 47:7-9
Mul. 18:8Lew 21:9
Mul. 18:8Er 50:34
Mul. 18:10Dan 4:30
Mul. 18:16Mul 17:4
Mul. 18:19Isa 47:11
Mul. 18:20Er 51:48
Mul. 18:20Mul 14:12
Mul. 18:20Kes 32:43; Rom 12:19; Mul 6:9, 10; 19:1, 2
Mul. 18:21Er 51:63, 64
Mul. 18:23Isa 47:9; Gal 5:19, 20
Mul. 18:24Mul 6:9, 10; 16:5, 6
Mul. 18:24Uma 9:6; Er 51:49
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Mulʼata 18:1-24

Mulʼata Yohaannis

18 Kana booda maleekaa kan biraan aangoo guddaa qabu tokko samii irraa yommuu gad buʼu nan arge; laftis ulfina isaatiin ibsite. 2 Innis sagalee guddaadhaan akkana jedhee iyye: “Kufteetti! Baabilon Guddittiin kufteetti;+ ishiin bakka jinniiwwan jiraatan, bakka hafuuronni xuraaʼoon hundi, simbirroonni xuraaʼoonii fi jibbisiisoon hundi keessa jiraatan taateetti!+ 3 Wayinii kajeellaa* halalummaa* ishiitiin kan kaʼe saboonni hundi kufaniiru,+ mootonni lafaas ishii wajjin halalummaa raawwataniiru;+ daldaltoonni* lafaas jireenya qananii ishiin qaanii malee jiraattuun kan kaʼe sooreyyii taʼaniiru.”

4 Sagalee kan biraanis samii keessaa yommuu akkana jedhu nan dhagaʼe: “Yaa saba koo, cubbuu ishii irratti akka hin hirmaannee fi dhaʼichi ishiitti dhufu akka isin irra hin geenyeef+ ishii keessaa baʼaa.+ 5 Sababiin isaas, cubbuun ishii hanga samii bira gaʼutti tuulameera;+ Waaqayyos gochawwan jalʼinaa ishiin hojjette* yaadateera.+ 6 Wantuma ishiin warra kaan irratti raawwatte ishii irratti raawwadhaa;+ wanta ishiin raawwatteefis dachaa lama ishiidhaaf deebisaa;+ xoofoo+ ishiin itti maktetti dachaa lama godhaatii ishiidhaaf makaa.+ 7 Hamma ishiin ulfina ofiif kennitee fi qaanii malee jireenya qananii jiraatte, hammasuma dhiphinaa fi gadda ishiitti fidaa. Ishiin garaa ishiitti, ‘Ani mootuu taʼee nan taaʼa; ani dubartii abbaan manaa irraa duʼe miti; gaddis matumaa na irra hin gaʼu’ jetti.+ 8 Dhaʼichawwan ishii, jechuunis duuti, gaddii fi beelli guyyaa tokkotti kan ishiitti dhufan kanaafi; ishiin guutummaatti ibiddaan ni gubamti,+ sababiin isaas Waaqni keenya Yihowaan* inni ishiitti murteessu jabaa dha.+

9 “Mootonni lafaa warri ishii wajjin halalummaa* raawwatanii fi qaanii malee jireenya qananii ishii wajjin jiraatan, aara yommuu ishiin gubattu ol baʼu arganii ishiidhaaf ni booʼu, gaddaanis qoma isaanii ni rurrukutu. 10 Isaan dhiphina ishii irra gaʼu waan sodaataniif halaala dhaabbatanii, ‘Baayʼee nama gaddisiisa, baayʼee nama gaddisiisa, yaa magaalaa guddittii,+ yaa Baabilon magaalaa cimtuu nana, murtiin kee saʼaatii tokko keessatti raawwatameera!’ jedhu.

11 “Kana booda feʼumsa isaanii hunda kan bitu tokko illee waan hin jirreef, daldaltoonni lafaas ishiidhaaf ni booʼu, akkasumas ni gadduuf; 12 feʼumsi isaanii inni hedduun, warqii, meetii, dhagaa gatii guddaa qabu, callee, uffata quncee talbaa baʼeessa, uffata bifa dhiilgee, haarrii, uffata diimaa, wantoota muka urgaaʼu irraa tolfaman, miʼawwan garaa garaa ilka arbaa, muka gatii guddaa qabu, sibiila diimaa, sibiilaa fi dhagaa adii irraa tolfaman, 13 akkasumas qarafaa, miʼeessituu Hindii, ixaana, zayitii urgaaʼu, ixaana adii, daadhii wayinii, zayitii ejersaa, daakuu bullaaʼaa, qamadii, loon, hoolota, fardeen, gaariiwwan, garbootaa fi lubbuu namootaa ture. 14 Eeyyee, firii gaariin ati* hawwite si irraa fagaateera; nyaanni gaggaariin hundii fi wantoonni mimmiidhagoon hundi si biraa badaniiru; matumaa lammata deebiʼanii hin argaman.

15 “Daldaltoonni wantoota kana gurguranii fi warri sababii ishiitiin sooreyyii taʼan, dhiphina ishii waan sodaataniif halaala dhaabbatanii booʼaa fi gaddaa 16 akkana jedhu: ‘Magaalaa guddittii kana irra kun gaʼuun isaa baayʼee nama gaddisiisa, baayʼee nama gaddisiisa! Ishiin uffata quncee talbaa baʼeessa, uffata bifa dhiilgee fi uffata diimaa uffattee, akkasumas faaya warqii, dhagaa gatii guddaa qabuu fi calleedhaan baayʼee miidhagfamtee turte;+ 17 qabeenyi guddaan akkasii saʼaatii tokko keessatti barbadaaʼeera!’

“Ajajjoonni doonii hundi, imaltoonni galaanaa hundi, namoonni doonii irraa hojjetanii fi warri wanta galaana irraa argamuun jiraatan hundi halaala dhaabbatanii 18 aara yommuu ishiin gubattu ol baʼu ilaalanii, ‘Magaalaan, magaalaa guddittii kana fakkaattu jirtii?’ jedhanii iyyan. 19 Awwaara mataa isaanii irratti firfirsanii, iyyaa, booʼaa fi gaddaa, ‘Baayʼee nama gaddisiisa, baayʼee nama gaddisiisa, magaalaa guddittiin ishiin warri galaana irraa doonii qaban hundi qabeenya ishiitiin sooreyyii taʼan, saʼaatii tokko keessatti barbadoofteetti!’+ jedhan.

20 “Yaa samii, wanta ishii irra gaʼetti gammadi!+ Isin qulqulloonni,+ ergamoonnii fi raajonnis gammadaa! Sababiin isaas, Waaqayyo isiniif jedhee murtii isaa ishii irratti dabarseera.”+

21 Maleekaa jabaan tokko dhagaa akka dhagaa daakuu guddaa tokko ol fuudhee galaana keessatti gad darbatee akkana jedhe: “Baabilon magaalaa guddittiin, akkuma kana furguggifamtee gad ni darbatamti, matumaas deebitee hin argamtu.+ 22 Sagaleen warra baganaadhaan faarfatanii, sagaleen warra meeshaa muuziqaa taphatanii, sagaleen warra ulullee afuufanii fi sagaleen warra malakata afuufanii matumaa lammata si keessatti hin dhagaʼamu. Ogeessi harkaa hojii akkamii iyyuu hojjetu matumaa lammata si keessatti hin argamu; sagaleen dhagaa daakuus matumaa lammata si keessatti hin dhagaʼamu. 23 Ifni ibsaa matumaa lammata si keessatti hin ifu; sagaleen misirrichaa fi sagaleen misirrittii matumaa lammata si keessatti hin dhagaʼamu; sababiin isaas, daldaltoonni kee namoota lafa irratti iddoo guddaa qaban turan, gocha hafuurota hamoo ati raawwatteenis+ saboonni hundi dogoggoraniiru. 24 Eeyyee, dhiigni raajotaa fi qulqullootaa,+ akkasumas dhiigni warra lafa irratti gorraʼaman hundumaa ishii keessatti argameera.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi