LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 3
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 2 Moototaa

      • Yooraam mootii Israaʼel (1-3)

      • Moʼaab Israaʼel irratti fincila kaaste (4-25)

      • Moʼaab ni moʼamte (26, 27)

2 Mootota 3:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 1:17

2 Mootota 3:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 16:30-33

2 Mootota 3:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 12:28-30

2 Mootota 3:4

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, ilmoolee hoolaa.

2 Mootota 3:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 22:37
  • +2Sa 8:2

2 Mootota 3:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 19:2
  • +1Mo 22:3, 4

2 Mootota 3:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 8:14

2 Mootota 3:11

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “tajaajilaa Eeliyaas.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 22:7
  • +1Mo 19:16; 2Mo 2:15
  • +1Mo 19:19, 21

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    8/15/2013, ful. 29

    Fakkeenyasaanii Hordofaa, ful. 113

2 Mootota 3:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 2:30; His 14:3
  • +Abo 10:14; 1Mo 18:19; 22:6

2 Mootota 3:14

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “isa ani dura dhaabbadhuu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 17:3, 4; 19:3, 4
  • +Fak 15:29

2 Mootota 3:15

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “muuziqaa.”

  • *

    Kal., “harki.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 10:5; 1Se 25:1
  • +1Mo 18:46; His 1:3; HoE 11:21

2 Mootota 3:16

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Laga gogaa.”

2 Mootota 3:17

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lagni gogaan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 107:35

2 Mootota 3:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 28:7
  • +Er 32:17; Mar 10:27

2 Mootota 3:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 3:5
  • +2Mo 3:25

2 Mootota 3:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 29:39, 40

2 Mootota 3:21

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “qabattoo hidhachuu.”

2 Mootota 3:23

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, wal qalan.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 15:9, 10

2 Mootota 3:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 26:7

2 Mootota 3:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 26:15; 2Se 32:4
  • +2Mo 3:19
  • +Isa 16:7

2 Mootota 3:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 3:9

2 Mootota 3:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 12:31; 2Se 28:1, 3; Fr 106:37, 38

Yaada Wal Simu

2Mot. 3:12Mo 1:17
2Mot. 3:21Mo 16:30-33
2Mot. 3:31Mo 12:28-30
2Mot. 3:51Mo 22:37
2Mot. 3:52Sa 8:2
2Mot. 3:72Se 19:2
2Mot. 3:71Mo 22:3, 4
2Mot. 3:92Sa 8:14
2Mot. 3:111Mo 22:7
2Mot. 3:111Mo 19:16; 2Mo 2:15
2Mot. 3:111Mo 19:19, 21
2Mot. 3:131Sa 2:30; His 14:3
2Mot. 3:13Abo 10:14; 1Mo 18:19; 22:6
2Mot. 3:142Se 17:3, 4; 19:3, 4
2Mot. 3:14Fak 15:29
2Mot. 3:151Sa 10:5; 1Se 25:1
2Mot. 3:151Mo 18:46; His 1:3; HoE 11:21
2Mot. 3:17Fr 107:35
2Mot. 3:18Kes 28:7
2Mot. 3:18Er 32:17; Mar 10:27
2Mot. 3:19Kes 3:5
2Mot. 3:192Mo 3:25
2Mot. 3:20Bau 29:39, 40
2Mot. 3:23Bau 15:9, 10
2Mot. 3:24Lew 26:7
2Mot. 3:25Uma 26:15; 2Se 32:4
2Mot. 3:252Mo 3:19
2Mot. 3:25Isa 16:7
2Mot. 3:262Mo 3:9
2Mot. 3:27Kes 12:31; 2Se 28:1, 3; Fr 106:37, 38
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
2 Mootota 3:1-27

Mootota Lammaffaa

3 Yoshaafaax mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 18ffaa isaatti Yooraam+ ilmi Ahaab Samaariyaa keessa taaʼee Israaʼel irratti mootii taʼe; waggaa 12fis ni bulche. 2 Innis wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate; garuu siidaa waaqeffannaa Baʼaal isa abbaan isaa hojjete waan balleesseef, hamma abbaa isaa fi hamma haadha isaa wanta hamaa hin hojjenne.+ 3 Haa taʼu malee, inni cubbuuwwan Yeroboʼaam ilmi Nebaat Israaʼelonni akka hojjetan godhetti ni ciche.+ Isaan irraas hin gorre.

4 Mootii Moʼaab kan taʼe Meeshaan hoolota horsiisa ture; innis mootii Israaʼeliif hoolota xobbaallaa* 100,000 fi hoolota korbeeyyii rifeensi isaanii hin muramne 100,000 gibira kaffala ture. 5 Ahaab akkuma duʼeen,+ mootiin Moʼaab mootii Israaʼel irratti fincile.+ 6 Kanaafuu, Yooraam Mootichi guyyaa sanatti Samaariyaadhaa baʼee Israaʼelota hunda walitti qabe. 7 Kana malees, “Mootiin Moʼaab ana irratti fincileera. Moʼaabiin waraanuuf anaa wajjin ni deemtaa?” jedhee Yoshaafaax mootii Yihudaatti dhaamsa erge. Yeroo kanatti Yoshaafaax, “Eeyyee nan deema.+ Ana jechuun si jechuu dha. Saba koo jechuun saba kee jechuu dha. Fardeen koo jechuunis fardeen kee jechuu dha” isaan jedhe.+ 8 Achiis, “Maarree karaa isa kamiin ol baanu?” jedhee isa gaafate. Innis deebisee, “Karaa isa gara lafa onaa Edoomitti geessuun” isaan jedhe.

9 Achiis mootiin Israaʼel, mootii Yihudaa fi mootii Edoomii+ wajjin deeme. Isaan guyyaa torbaaf erga naannaʼanii deemanii booda, bishaan loltoota sanaa fi beeladoota isaan duukaa deemaa turaniif taʼu ni dhaban. 10 Mootiin Israaʼelis, “Wayyoo! Yihowaan nu mootota sadan kana kan waame harka Moʼaabitti dabarsee nu kennuufi!” jedhe. 11 Yeroo kanatti Yoshaafaax, “Raajiin Yihowaa karaa isaatiin Yihowaa gaafachuu dandeenyu as hin jiruu?” jedhee gaafate.+ Kanaafuu, tajaajiltoota mootii Israaʼel keessaa inni tokko, “Eelsaaʼiin+ ilmi Shaafaax inni Eeliyaasiif+ bishaan harkaa buusaa* ture jira” jedhee isaaf deebise. 12 Achiis Yoshaafaax, “Dubbiin Yihowaa isa biratti ni argama” jedhe. Kanaafuu, mootiin Israaʼel, Yoshaafaaxii fi mootiin Edoom gara isaatti gad ni buʼan.

13 Eelsaaʼis mootii Israaʼeliin, “Anii fi ati maal wal irraa qabna?+ Gara raajota abbaa keetii fi gara raajota haadha teetii dhaqi”+ jedhe. Mootiin Israaʼel garuu, “Nu mootota sadan kana harka Moʼaabitti dabarsee kennuuf kan nu waame Yihowaa waan taʼeef, ati akkana hin jedhin” isaan jedhe. 14 Eelsaaʼis deebisee akkana jedhe: “Yihowaa Gooftaa Raayyaa isa ani tajaajiluu* fi jiraataa taʼeen nan kakadha, Yoshaafaax+ mootii Yihudaatiif kabaja utuun hin qabu taʼee, silaa ijaan illee si hin ilaalu, xiyyeeffannaas siif hin kennun ture.+ 15 Amma nama baganaa taphatu*+ naa fidaa.” Namichi baganaa taphatu sunis taphachuu akkuma jalqabeen, hafuurri* Yihowaa isa irra buʼe.+ 16 Innis akkana jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Sulula* kana keessatti boʼoo hedduu qotaa; 17 Yihowaan akkana jedha: “Isin bubbees taʼe bokkaa hin argitan; taʼus, sululli* kun bishaaniin ni guutama;+ isin, loon keessanii fi horiin keessan kaan isa keessaa ni dhugdu.”’ 18 Haa taʼu malee, Yihowaan Moʼaabiinis harka keessanitti dabarsee waan kennuuf,+ kun isaaf wanta salphaa dha.+ 19 Magaalaa dallaa dhagaa qabduu fi magaalaa filatamtuu kam iyyuu ni rukuttu;+ muka gaarii taʼe kam iyyuu ni murtu; burqaawwan bishaanii kam iyyuu ni duuchitu; maasii gaarii taʼe kam iyyuus dhagaadhaan ni balleessitu.”+

20 Ganama yeroo aarsaan midhaanii+ inni ganamaa dhihaatutti, akkuma tasaa bishaan kallattii Edoom irraa ni dhufe; biyyattiinis bishaaniin ni guutamte.

21 Moʼaabonni hundis mootonni sun isaan waraanuuf akka dhufan yommuu dhagaʼan, namoota meeshaa waraanaa hidhachuu* dandaʼan hunda walitti qabanii daangaa sana irra dhaabbatan. 22 Isaanis ganamaan yommuu kaʼan aduun bishaanicha irraa calaqqisa ture; Moʼaabota isaan gama turanittis bishaanichi akka dhiigaatti diimaa taʼee mulʼata ture. 23 Isaanis, “Kun dhiiga dha! Mootonni sun goraadeedhaan akka wal gorraʼan* hin shakkisiisu. Kanaafuu, yaa Moʼaab gara boojuu+ kee dhaqi!” jedhan. 24 Yommuu isaan gara buufata Israaʼelotaatti seenanis, Israaʼelonni kaʼanii Moʼaabota rukutuu jalqaban; Moʼaabonnis isaan jalaa ni baqatan.+ Israaʼelonnis Moʼaabota rukutaa gara Moʼaabitti siqan. 25 Magaalota ni diigan; namni hundi maasii gaarii taʼe kam irratti iyyuu dhagaa darbatee maasii sana dhagaadhaan guute; isaan burqaa bishaanii kam iyyuu ni duuchan;+ muka gaarii taʼe kam iyyuu ni muran.+ Dhuma irrattis dallaawwan dhagaa Qiir Hareset+ qofatu dhaabbatee hafe; namoonni furrisa darbatanis magaalattiitti marsanii ishii rukutan.

26 Mootiin Moʼaabis waraanicha irratti moʼamuu isaa yommuu argu, gara mootii Edoomitti+ cabsee seenuuf namoota goraadee hidhatan 700 fudhatee kaʼe; haa taʼu malee, isaan achi seenuu hin dandeenye. 27 Kanaafuu, inni ilma isaa isa angafaa isa bakka isaa buʼee mootii taʼuuf ture fuudhee dallaa sana irratti aarsaa gubamu+ godhee dhiheesse. Israaʼelota irrattis dheekkamsi guddaan ni kaʼe; kanaafuu, loltoonni sun isa dhiisanii gara biyya isaaniitti deebiʼan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi