LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 25
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Keessa Deebii

      • Seera garafuu ilaalchisee kenname (1-3)

      • Qotiyyoo midhaan siribsiisu afaan isaa hin hidhin (4)

      • Haadha manaa obboleessaa fuudhuu (5-10)

      • Lola gidduutti iddoo sirrii hin taane qabuu (11, 12)

      • Dhagaawwan madaallii fi safartuuwwan sirrii taʼan (13-16)

      • Amaaleqonni balleeffamuu qabu (17-19)

Keessa Deebii 25:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 16:18; 17:8, 9; 19:16, 17
  • +Bau 23:6; 2Se 19:6; Fak 17:15; 31:9

Keessa Deebii 25:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 10:13; 20:30; 26:3; Luq 12:48; Ibr 2:2

Keessa Deebii 25:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Qo 11:24

Keessa Deebii 25:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 12:10; 1Qo 9:9; 1Xi 5:18

Keessa Deebii 25:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 38:7, 8; Rut 4:5; Mar 12:19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Hiika Addunyaa Haaraa, ful. 2078

Keessa Deebii 25:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 27:1, 4
  • +Uma 38:9; Rut 4:10, 17

Keessa Deebii 25:7

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Barreeffamoota Qorannaa Walgaʼii, 7/2021, ful. 7

Keessa Deebii 25:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rut 4:7

Keessa Deebii 25:10

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “maqaan isaa.”

Keessa Deebii 25:12

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Ijji kee.”

Keessa Deebii 25:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 11:1; 20:10; Mik 6:11

Keessa Deebii 25:14

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Eefaa tokkoo fi eefaa tokko.” Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 19:36

Keessa Deebii 25:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 4:40

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    8/2022, ful. 27

Keessa Deebii 25:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 19:35

Keessa Deebii 25:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 17:8; Lak 24:20

Keessa Deebii 25:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 22:4
  • +Bau 17:14; 1Sa 14:47, 48; 15:1-3; 1Se 4:42, 43

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenyasaanii Hordofaa, ful. 166

Yaada Wal Simu

Kes. 25:1Kes 16:18; 17:8, 9; 19:16, 17
Kes. 25:1Bau 23:6; 2Se 19:6; Fak 17:15; 31:9
Kes. 25:2Fak 10:13; 20:30; 26:3; Luq 12:48; Ibr 2:2
Kes. 25:32Qo 11:24
Kes. 25:4Fak 12:10; 1Qo 9:9; 1Xi 5:18
Kes. 25:5Uma 38:7, 8; Rut 4:5; Mar 12:19
Kes. 25:6Lak 27:1, 4
Kes. 25:6Uma 38:9; Rut 4:10, 17
Kes. 25:9Rut 4:7
Kes. 25:13Fak 11:1; 20:10; Mik 6:11
Kes. 25:14Lew 19:36
Kes. 25:15Kes 4:40
Kes. 25:16Lew 19:35
Kes. 25:17Bau 17:8; Lak 24:20
Kes. 25:19Iya 22:4
Kes. 25:19Bau 17:14; 1Sa 14:47, 48; 15:1-3; 1Se 4:42, 43
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Keessa Deebii 25:1-19

Keessa Deebii

25 “Namoota lama gidduutti yommuu falmiin kaʼu, isaan abbootii murtii duratti haa dhihaatan;+ abbootiin murtiis isaaniif murtii ni kennu; nama isa qajeelaa qulqulluu, nama isa hamaa immoo yakkamaa akka taʼe ni beeksisu.+ 2 Inni hamaan garafamuu qaba yoo taʼe,+ abbaan murtii sun namichi akka ciisu godha; achiis namni sun isa duratti ni garafama. Hammi inni garafamus hammina inni raawwatee wajjin kan wal gitu taʼuu qaba. 3 Namni isa garafu sun hamma siʼa 40tti isa garafuu ni dandaʼa;+ garuu kana caalaa taʼuu hin qabu. Inni kana irra darbee isa garafuu isaa yoo itti fufe, obboleessi kee si duratti ni salphata.

4 “Qotiyyoo midhaan siribsiisu afaan isaa hin hidhin.+

5 “Obboloonni lama waliin kan jiraatan yoo taʼee fi isaan keessaa inni tokko ilma utuu hin dhalchin yoo duʼe, haati manaa namicha duʼe sanaa nama maatii sana irraa ala taʼetti heerumuu hin qabdu. Waarsaan ishii gara ishii dhaqee ishii haa fuudhu; wanta waarsaa irraa eegamus haa raawwatu.+ 6 Maqaan namichaa Israaʼel keessaa akka hin badneef,+ ilmi angafaa ishiin deessu maqaa obboleessa isaa isa duʼeen waamama.+

7 “Namichis haadha manaa obboleessa isaa fuudhuu hin barbaadu yoo taʼe, haati manaa obboleessa isaa gara jaarsolii karra magaalattii bira jiran sanaa dhaqxee, ‘Obboleessi abbaa manaa kootii maqaan obboleessa isaa Israaʼel keessa akka turu gochuu dideera. Inni wanta waarsaa irraa eegamu raawwachuuf tole jechuu dideera’ haa jettu. 8 Jaarsoliin magaalaa isaas waamanii isa haa haasofsiisan. Innis yaada isaa jijjiiruu didee, ‘Ani ishii fuudhuu hin barbaadu’ yoo jedhe, 9 yeroo kanatti haati manaa obboleessa isaa jaarsolii duratti isatti dhihaattee kophee isaa miila isaa irraa baastee+ fuula isaatti erga tuftee booda, ‘Nama mana obboleessa isaa hin ijaarre irratti akkana godhamuu qaba’ haa jettu. 10 Sana booda Israaʼel keessatti maqaan maatii sanaa,* ‘Mana namicha kopheen isaa irraa baafame sanaa’ jedhamee beekama.

11 “Namoonni lama yoo wal lolanii fi haati manaa isa tokkoo nama isa rukutaa jiru irraa abbaa manaa ishii oolchuuf gidduu seenuudhaan hiixattee qaama saalaa isaa yoo qabde, 12 harka ishii muri. Ati* ishiidhaaf hin gaddin.

13 “Dhagoota madaallii guddaa fi xiqqaa taʼan garaa garaa lama korojoo kee keessaa hin qabaatin.+ 14 Miʼawwan safaraa guddaa fi xiqqaa taʼan garaa garaa lama* mana kee keessaa hin qabaatin.+ 15 Biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennu keessatti umurii dheeraa akka jiraattuuf, yeroo hundumaa dhagaa safaraa sirrii taʼee fi safartuu sirrii taʼe qabaadhu.+ 16 Sababiin isaas, namni jalʼaan wantoota akkanaa raawwatu kam iyyuu Waaqa kee Yihowaa duratti jibbisiisaa dha.+

17 “Yeroo biyya Gibxii keessaa baatanii deemaa turtanitti wanta Amaaleq karaa irratti si irratti raawwate,+ 18 yeroo ati dadhabdee fi bututtee turtetti karaa irratti si argatee warra si duuba tirachaa turan hundumaa akkamitti akka rukute yaadadhu. Inni Waaqayyoon hin sodaanne. 19 Biyya Waaqni kee Yihowaan dhaalaan siif kennu keessatti yommuu Waaqni kee Yihowaan diinota kee warra naannoo keetti argaman hundumaa irraa boqonnaa siif kennu,+ inni matumaa samii jalaa akka hin yaadatamnetti Amaaleqiin haxaaʼii balleessi.+ Kana hin irraanfatin.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi