LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 20
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 2 Moototaa

      • Hisqiyaas ni dhukkubsate, ni fayyes (1-11)

      • Ergamoota Baabilonii dhufan (12-19)

      • Hisqiyaas ni duʼe (20, 21)

2 Mootota 20:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 32:24
  • +Isa 38:1-3

2 Mootota 20:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 31:20, 21; Fr 25:7; 119:49

2 Mootota 20:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 38:4-6

2 Mootota 20:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 39:12
  • +Kes 32:39; Fr 41:3; 103:3; 147:3
  • +Fr 66:13; 116:12-14

2 Mootota 20:6

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “guyyoota.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 32:22; Isa 10:24
  • +2Mo 19:34; Isa 37:35

2 Mootota 20:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 38:21, 22

2 Mootota 20:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 6:17; Isa 7:11

2 Mootota 20:9

Miiljaleewwan

  • *

    Tarii kortoowwan kun gaaddisa aduutiin saʼaatii lakkaaʼuuf tajaajilaa kan turan taʼuu dandaʼu.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 38:7, 8

2 Mootota 20:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 10:12; 2Se 32:31

2 Mootota 20:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 39:1, 2

2 Mootota 20:13

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “dhaggeeffatee.”

  • *

    Zayitii urgaaʼaa biqiltootaa fi mukeetii tokko tokko irraa argamu dha.

  • *

    Ykn., “mana mootummaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 32:27

2 Mootota 20:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 39:3, 4

2 Mootota 20:15

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “mana mootummaa.”

  • *

    Ykn., “mana mootummaa.”

2 Mootota 20:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 39:5-7

2 Mootota 20:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 24:12, 13; 25:13; 2Se 36:7, 18; Er 27:21, 22; Dan 1:2

2 Mootota 20:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 24:12
  • +Dan 1:19; 2:49

2 Mootota 20:19

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Guyyoota.”

  • *

    Ykn., “dhugaan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 141:5
  • +Isa 39:8

2 Mootota 20:20

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, haroo xinnoo.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 9:11
  • +2Se 32:30

2 Mootota 20:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 2:10
  • +2Mo 21:16; 23:26; 2Se 33:11-13
  • +2Se 32:33

Yaada Wal Simu

2Mot. 20:12Se 32:24
2Mot. 20:1Isa 38:1-3
2Mot. 20:32Se 31:20, 21; Fr 25:7; 119:49
2Mot. 20:4Isa 38:4-6
2Mot. 20:5Fr 39:12
2Mot. 20:5Kes 32:39; Fr 41:3; 103:3; 147:3
2Mot. 20:5Fr 66:13; 116:12-14
2Mot. 20:62Se 32:22; Isa 10:24
2Mot. 20:62Mo 19:34; Isa 37:35
2Mot. 20:7Isa 38:21, 22
2Mot. 20:8Abo 6:17; Isa 7:11
2Mot. 20:9Isa 38:7, 8
2Mot. 20:11Iya 10:12; 2Se 32:31
2Mot. 20:12Isa 39:1, 2
2Mot. 20:132Se 32:27
2Mot. 20:14Isa 39:3, 4
2Mot. 20:16Isa 39:5-7
2Mot. 20:172Mo 24:12, 13; 25:13; 2Se 36:7, 18; Er 27:21, 22; Dan 1:2
2Mot. 20:182Mo 24:12
2Mot. 20:18Dan 1:19; 2:49
2Mot. 20:19Fr 141:5
2Mot. 20:19Isa 39:8
2Mot. 20:20Yoh 9:11
2Mot. 20:202Se 32:30
2Mot. 20:211Mo 2:10
2Mot. 20:212Mo 21:16; 23:26; 2Se 33:11-13
2Mot. 20:212Se 32:33
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
2 Mootota 20:1-21

Mootota Lammaffaa

20 Bara sanatti Hisqiyaas dhukkubsatee duʼa jala gaʼee ture.+ Isaayyaas raajichi ilmi Amooz dhufee, “Yihowaan akkana jedha: ‘Ati ni duuta malee hin fayyitu; kanaafuu, maatii keetiif qajeelfama kenni’”+ isaan jedhe. 2 Yeroo kanatti Hisqiyaas fuula isaa gara girgiddaatti garagalchee akkana jedhee Yihowaa kadhachuu jalqabe: 3 “Maaloo yaa Yihowaa, amanamummaa fi garaa guutuudhaan akkamitti si duratti akkan deddeebiʼe, si duratti wanta gaarii taʼe akkan raawwadhes akka yaadattu sin kadhadha.”+ Achiis Hisqiyaas hirqinfatee booʼuu jalqabe.

4 Isaayyaas mooraa isa gidduu bira gaʼuu isaa dura dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara isaa ni dhufe:+ 5 “Gara Hisqiyaas isa geggeessaa saba kootii taʼetti deebiʼiitii akkana isaan jedhi: ‘Yihowaan inni Waaqa Daawit abbaa keetii taʼe akkana jedha: “Kadhannaa kee dhagaʼeera. Imimmaan kees argeera.+ Kunoo, sin fayyisa.+ Guyyaa sadaffaatti gara mana Yihowaatti ol ni baata.+ 6 Umurii* kee irratti waggaa 15 siifan dabala; siinis taʼe magaalaa kana harka mootii Asoor jalaa nan oolcha;+ ofii kootii fi tajaajilaa koo Daawitiif jedhee magaalaa kana nan eega.”’”+

7 Achiis Isaayyaas, “Bixxillee harbuu gogaa tokko fidaa!” jedhe. Kanaafuu, isaan fidanii dhiitoo sana irra ni kaaʼan; innis suutuma suutaan ni fayye.+

8 Hisqiyaas, “Yihowaan akka na fayyisuu fi guyyaa sadaffaatti gara mana Yihowaatti akkan ol baʼu mallattoon argisiisu maali dha?”+ jedhee Isaayyaasiin gaafatee ture. 9 Isaayyaasis deebisee, “Mallattoon Yihowaa biraa dhufee fi Yihowaan wanta dubbate akka raawwatu argisiisu kana dha: Gaaddidduun kortoo* irra jiru tarkaanfii kudhan gara fuulduraatti akka deemu moo tarkaanfii kudhan gara duubaatti akka deebiʼu barbaadda?” isaan jedhe.+ 10 Hisqiyaasis, “Gaaddidduun sun tarkaanfii kudhan gara fuulduraatti deemuun isaa salphaa dha; tarkaanfii kudhan gara duubaatti deebiʼuun isaa garuu salphaa miti” jedhe. 11 Kanaafuu, Isaayyaas gara Yihowaatti ni iyye; innis gaaddidduun kortoo Akaaz irra jiruu fi gad buʼee ture sun, tarkaanfii kudhan gara duubaatti akka deebiʼu godhe.+

12 Yeroo sanatti mootiin Baabilon, Beroodaakbaalaadaan ilmi Baalaadaan Hisqiyaas dhukkubsatee akka ture waan dhagaʼeef xalayaa fi kennaa isaaf ni erge.+ 13 Hisqiyaasis namoota ergaman sana simatee* guutummaa mana qabeenyaa isaa, jechuunis meeticha, warqicha, zayitii baalsaamii* fi zayitii gatii guddaa qabu kan biraa, mana kuusaa meeshaa waraanaa isaa, akkasumas wanta manneen qabeenyaa isaa keessa jiru hundumaa isaanitti argisiise.+ Hisqiyaas wanta mana isaa* keessa jiruu fi wanta bulchiinsa isaa keessa jiru hundumaa keessaa wanti inni isaanitti hin argisiisne tokko illee hin turre.

14 Sana booda Isaayyaas raajichi gara Hisqiyaas Mootichaatti seenee, “Namoonni kun maal jedhan? Eessaa dhufan?” jedhee isa gaafate. Hisqiyaasis, “Biyya fagoodhaa, jechuunis Baabilonii dhufan” isaan jedhe.+ 15 Itti aansuudhaanis, “Isaan mana* kee keessatti maal argan?” jedhee isa gaafate. Hisqiyaasis, “Wanta mana* koo keessa jiru hunda arganiiru. Manneen qabeenyaa koo keessaa wanti ani isaanitti hin argisiisne tokko illee hin jiru” jedhee isaaf deebise.

16 Yeroo kanatti Isaayyaas Hisqiyaasiin akkana jedhe: “Dubbii Yihowaa dhagaʼi;+ 17 ‘Kunoo, guyyaan wantoonni mana kee keessa jiran hundii fi wantoonni abbootiin kee hamma harʼaatti kuufatan hundi gara Baabilonitti itti geeffaman ni dhufa.+ Wanti tokko illees hin hafu’ jedha Yihowaan. 18 ‘Ilmaan kee warra ati dhalchitu keessaa tokko tokkos ni fudhatamu;+ mana mootummaa mootii Baabilon keessattis abbootii taayitaa ni taʼu.’”+

19 Yeroo kanatti Hisqiyaas Isaayyaasiin, “Dubbiin Yihowaa inni ati dubbatte gaarii dha”+ jedhe. Itti dabaluudhaanis, “Bara jireenyaa* kootti nagaanii fi tasgabbiin* yoo jiraatee gaarii dha” jedhe.+

20 Seenaan Hisqiyaas inni hafe, jabinni isaa hundii fi akkamitti bishaan kuufamaa*+ fi boʼoo bishaanii hojjetee gara magaalattiitti bishaan akka fide,+ kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 21 Achiis Hisqiyaas abbootii isaa wajjin ni boqote;+ ilmi isaa Minaaseenis+ bakka isaa mootii taʼe.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi